Ben Boulos: Gaazexeessaa BBC sababa ‘eenyummaan’ maqaa isaa jijjiire

Ben Buulos

Madda suuraa, Ben Boulos

Ibsa waa'ee suuraa, Been Buulos akka jedhutti maqaa maatii isaa hidhha dhaloota Sudan - masrii qabaniin waamamuun ''guutummaatti na ibsa'' jedhe

Gaazexeessaan BBC Ben Buulos maatii aadaa gara garaa qabaniifi loogiirraa hafuuf maqaa jijjiiranirraa dhalate. Kana dura Ben Bilaand kan jedhamu gaazexessaan kuni maaliif maqaa maatii isaa itti waamaman jijjiire? Jooseef Liitiin isa gaafateera.

Jalqaba bara 1920 keessa, Maark fi Meeri Blumentaal jireenya waliin eegalani. Dudduubee maatii isaanii Liteniyaafi Raashiyaatti dhiisanii Biriiteen keessa jiraachuu eegalani.

Miira farra - semitizimii Biriteeniifi Awurooppaa keessa yeroos turef baqattoonni kunneen maqaa Jewiish qaban gara Afaan Ingilizii Bilaand jedhamutti jijjiiran.

Amma ilmi ilma isaanii gaazexessaa BBC oduu dubbisu yoo ta'u dhihoo maqaa maatiin isaa itti waamaman Bilaandirraa Buloositti jijjiire.

Kana jechuun maqaa maatii haadhasaa hidda dhaloota Sudaan - Masrii qabanitti jijjiire jechaadha.

Maqaa maatiin isaa ittiin waamaman (surname) booda namoota eenyummaan isaanii aadaa gara garaarraa ijaaramerraa ''yaada ijaaraa'' argatu hima.

Namoonni muraasni isa qunnaman maqaa Afaan Ingilizii baafatan. Garuu, maqichi seenaa maatii isaanii kan ibsu hin turre. Inumaa kan dhokse ture. Kaanimmoo sababa gaa'ilaan maqaa eenyummaa isaanii ibsu dhabaniiru.

Namoonni kaaniis akkuma maqaan maatii isaa gama akaakayyuu gama abbaasaan ''jiraachuuf'' jecha jijjiiran jedha. Yeroo sababa koronaavaayirasiin mana ooluuf dirqametti garuu waa'ee akkanaa yaaduu eegaluu isaa ibsa.

Maatii isaa waliin erga mari'atee booda garuu maqaa maatiin itti waamamu (surname) Ben Bilaandirraa Ben Buloositti jijjiire. Kunis, eenyummaa isaa sirriitti akka ibsu amana.

Ben yeroo barataa turetti loqodi isaafi kaanin namoonni adiifi Biritish akka ta'etti fudhatu. Ta'us, akkaataa hubannoo aadaa irratti walhanqachuun ture.

Akaakkayyuu Ben Buulos Richaard Bilaand

Madda suuraa, Ben Boulos

Ibsa waa'ee suuraa, Akaakayyuun Ben Richaard maqaa Bilaandin kanneen waamamaa guddatan keessaati

Keessumaa namoonni yeroo maatiin isaa ayyaana Dhalachuu Gooftaa yookiin Ayyaana Du'aa Ka'uu kan biyyoonni Awurooppaa kabajan ala guyyaa biraatti kabajan hin hubatan ture.

Kunis kan ta'e, maatiin isaa hordoftoota amantaa Ortodoksii Koptikii waan hordofaniifi.

Mana isaanii keessattis nyaata aadaa Sudaaniifi Masrii akkasumas Afaan Arabaa fa'inillee ni dubbatu.

Bakka hojiitti dandeetti afaan isaa kan ilaalan seenaa duuba isaatii beeku hin danda'an ture. Kana yoo yaadatu Ben, wanta yeroos abaabileen isaa maatii isaaniif hawwan argachuu dubbata.

Amma garuu maqaa jijjiirrachun isaa 'akka maaskii ofirraa baafachuuti' jechuun hunduu akka hubatu ni godha jedhee yaada.

Ben Buulos hidda dhaloota Jewishiis ta'e kan Sudan - Masriin akka itti boonu hima.

Maqaa ''eenyummaakoo guututti ibsuufi jireenya koo keessatti dhiibbaa qabaate'' barbaade jechuun ibsa. Maqaan Buulos eenyummaa isa gareefi amantii Ortodoksii Koptiikii hordofaa jiru ifatti ibsa.

1px transparent line

Garuummoo, maqaa jijjiiruun akaakilee isa dursanii Awurooppaa keessa farra - semizimii jiraachuu baranii maqaa maatiin isaanii jijjiiran mufachiisa ta'a jedhee yaaduu hin dhiifne.

''Maaltu beeka osoo isaan yeroos murtee sana hin fudhanne ta'e yoona maatin kiyyas lubbuun hin hafan ta'a, anis as hin gahu ture,'' jechuun Ben dubbata.

Garuummoo, murteen isaa 'addunyaan durii hin jirtu, jijjiiramteetti' jedhu agarsiisa.

Been maatii isaa lamaan Biriiteen nagaan jiraachuuf filatan ija tokkoon ilaala.

Keessumaa maatiin isaa gama harmee isaa Sudaaniifi Masriiti ta'an bara 1970 fi 1980 keessa kiristaanota lakkoofsaan xiqqaa ta'aniifi Kaartumitti hafanif yaadda'u ture.

Ben Buulos abbaa isaa Tiim fi harmee isaa Teerez waliin

Madda suuraa, Ben Boulos

Ibsa waa'ee suuraa, Ben Buulos abbaa isaa Tiim fi harmee isaa Teerez waliin

Biyya Biritiishif galata kan dhiheessu Ben, ta'us maqaan maatii isaa duraanii Bilaand jedhu Biritiish malee sirriitti nan ibsu jedhee yaada.

''Garuu eenyu akkan ta'e guutummaatti nan ibsu, waan eenyummaa koo qajeelche, amantiifi ilaalchan addunyaaf qabu hin ibsu. Wanta sirriitti na ibsuun barbaade.''