Lammiileen Ameerikaa gurraachoota afur himannaa sobaatiin hidhaman waggaa 70 booda bilisa jedhaman

Waaltar Ivartan kan dhiifamni taasifameef abbukaato isaa waliin

Madda suuraa, Getty Images

Lammiileen Ameerikaa gurraachoonni afur bara 1949 ture dubartii adii tokko butuun gudeedaniiru jedhamuun kan himatamanii turan.

Kunis kan raawwatee jiddugala bulchiinsa Ameerikaa Filooridaa, magaaaa Giroovilaandiitti ture.

Himatamtoonni afran, Chaarliis Giriinlii, Waaltar Eriiviin, Saamuu'eel Sheepparrdi fi Erinas Tomaas turan. Jarri kunneenis maqaa meesoo ''Giroovilaandi Foor'' jedhamuun waamamu.

Himatamtoonni kunneenis waggoota dheeraan booda Amajjii 2019 keessa bulchiinsa Filooriidaatiin dhiifamni taasifamuufiin ijoo dubbii ta'anii ture. Haata'u malee tokkoon isaanitu dhiifama kana lubbuun arguu hin dandeenye.

Jarren kunneen wayita himannaan sun irratti banameetti umuriinsaanii waggaa 16- 26 jidduu turan. Amma waggoota 70n booda himannaan jara gurraacha kanneen irratti baname kan ragaa sobaatiin qindeeffame ta'un adda baafame.

Jarreen arfan keessaa tokko kan ture dargaggoo Tomaas yeroo sanatti namoota kumaatama gochaa sanaan aaraniin adamfamee erga qabameen booda reebbicha daboo irrati raawwachuun rasaasa dhibbaan ajjeefame.

Kaan isaanii ammoo ganaa osoo mana murtiitti hin dhiyeeffamiin dura bakka hidhamanii turaniitti reebiicha cimaa irra gahee ture.

Mana murtiitti wayita dhiyaatanittis kan dhimmasaanii ilaalan abbaan alangaas ta'e abbaan seeraa hunduu adii turan.

Isaan sadan hafan keessaa Samuu'eel poolisii mana murtiitti isa deedeebiisaa ture adiidhaan rasaasaan ajjeefame.

Erviin gama isaatiin erga hidhaan umuurii guuttuu itti murtaa'een booda waggoota dheeraaf mana hidhaa turee booda dhiifamaan bahee bara 1996tti du'aan addunyaa tanarraa boqate.

Giriinilis akkasumas hidhaan umurii guutuu itti murtaa'uun booda bara 1962tti dhiifamaan gadhiifame bara 2012tti boqate.

Haata'u malee abbaan seera dhimmicha baroota dheeraan booda qoratan, himannaa Ernasti Tomaasii fi Saamu'eel Sheeppardi kufiseera. Akkasumas himannaawwan Chaarliis Giriinliin fi Waaltar Erviin irratti banamanii turan sirrii hinturre jedhame.

Yeroo sanattis ragaan himatamtoota irratti dhiyaatee ture, uffata keessaa isaanii keessatti dhagala'aan sanyii dhiiraa argameera kan jedhuu yoo ta'u, inni kan qindaa'e malee dhugaa akka hin turre qorannoo baayyeen booda bira gahameera jedhan.

Maatiiwwan himatamtootaa dhimma kana dhagahan baayyee gaddan.

Murtee kanas himatamtoota keessaa tokkoon isaaniilleen lubbuun jiraatanii kana dhagahuuf carroomuu baatan illeen, gurraachoota sababii bifa isaaniitti sobaan himatamaniif abdii kenna jedhameera.

Murteen kun darbuusaatti gurraachonni kaanis dhimmisaanii irra deebiin akka ilaalamuuf sababa ta'uu danda'a jedhameera.

''Nuti kan eebbifamneedha. Kunis kan jalaqabaa malee kan dhumaa miti. Carraa kana kan hin argatiin baayyeetu jira. Maatii baayyeen kana arguuf carraa hin arganne. Tarii gara fuula duraatti ni argu ta'a,'' jedhan maatiin Tomaas tokko.

Intalli Chaarliis Giriinlii kan wayita umuriin waggaa 16 tureetti sobaan himatamee, Kaarool Giriinilii gama isheetiin oduu kana wayita dheeggeesseetti baayyee miira keessa galte akka turte himti.

Abbaan alangaa naannichaa Biil Gilaadisan galmeen himannichaa sochoofamuun jarreen guurrachu kunneen ifatti bilisa akka taasifamu kan taasisan baatii darbe keessa.

''Ragaalee kanneen irra deebiin qorachuun garam akka nu geessuu ilaalle. Qorannoon keenyas murtee kanarraan nu qaqabsiiseera,'' jedhan ibsa gaazexessitootaaf kennaniin.

Bulchaan Filooriidaa bara 2917tti ifatti maatii namoota arfan kanneenii xalayyaa dhiifamaa kan dhiyeessanii turan yoo ta'u, dhiifama murtoo du'aan booda kennamu akka taasifamuuf mana murteetiif yaada dhiyeessanii turre.

Himannaa sobaafii du'a namoota gurraacha arfan kanneen ilaalchisees kitaambni mata dure ''Devil in the Grove'' jedhuun barraa'eera. Kitabichi bara 2013 badhaasa beekama Ameerikaa 'Pulitzer Award' jedhmu argateera.

Abbootii alangaa warra gurraacha himanata

Madda suuraa, Getty Images

Odeessaalee walfakkaatan: