Waraana Kaaba Itoophiyaa: Tiwiitarri akkaawuntiiwwan lammiilee Itoophiyaa muraasa haquu beeksise

Dhorkaan Tiwiitar irra kaa'ame kun haala kamiin hojiirra akka oolu wanti beekame hin jiru

Madda suuraa, REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Dhorkaan Tiwiitar irra kaa'ame kun haala kamiin hojiirra akka oolu wanti beekame hin jiru

Miidiyaan hawaasummaa guddichi Tiwiitarri, akkaawuntiiwwan waa'ee waraana Itoophiyaa keessaa irratti xiyyeeffachuun barreessan muraasa seera koo cabsaniiru jedhe haquu BBC’f mirkaneesse.

Dhaabbatichi baay'ina lakkoofsa akkaawuntii haqamanii ilaalchisuun homaa jechuu baatus, deeggartoonni Tigiraay miidiyichatti fayyadaman dhibbaan lakkaa’aman tarkaanfichaan miidhamuutu tilmaamama.

Dhaabbanni miidiyaa hawaasummaa kun BBC’tti akka himeetti, tarkaanfiin kun kan fudhatame sababii qajeelfama isaanii cabseef ta'uu hime.

Kunis, ‘‘haashtaagii fi ergaa wal hin qabanne erguunii,'' jechuun ibse. Haashtaag jechuunis Tiwiitara gubbaa barreeffama rogeeyyiiniifi kaan yoo barreessan itti dhimma bahanidha.

‘‘Tarkaanfiin fudhatame kunis yaaliiwwan itti fufaa haasaa nageenya haala Itoophiyaa keessatti ta’aa jiruun wal qabatee Tiwiitara irratti taasifaman eegsiisuuf taasifame.’’

Tarkaanfiin tibbanaa Tiwiitarri fudhate deeggartoota finciltoota Tigraay irrattidha.

Baatii Mudde keessa dhaabbatichi akkaawuntii namoota waa'ee Itoophiyaa barreessanii haquu BBC'f mirkaneessee ture. Mootummaan Itoophiyaa yeroos dhaabbaticha finciltotaaf ooga jechuun himate.

Akkaawuntiiwwan muraasni ifatti humnootii Tigraay motummaa Itoophiyaa waliin wal waraanaa jiran deeggaran, hordoftoota isaanii dhibba hedduu dhabuu himataa jiru.

Kaan ammo hirriyoonni isaanii miidiyaa hawaasummaa kanarraa haqamuu himan.

Akkaawuntiiwwan tarkaanfii dhaabbanni Tiwitaraa fudhate kanaan miidhaman baayyeen deeggartoota finciltoota Tigraayiiti.

Dhaabbatichi garuu ‘‘loogii ilaalacha siyaasaa fi eenyummaa tokko malee qabiyyee irratti xiyyeefachuun’’ seera keenya hojiirra oolchuuf tarkaanficha fudhanne jedhe.

Akkaawuntiiwwan tarkaanfii kanaan miidhamanis murtee fudhatame irratti ol iyyachuu ni danda’u.

Baatiiwwan muraasaaf, dhaabbileen miidiyaalee hawaasummaa, dhaabbati isaanii haasaa jibbinsaa fi walitti bu’iinsa kakaasuuf wayita hojiirra oolan to’ataa hin turre jechuun himannaan irratti ka’aa jira.

Sadaasaa bara darbe keessa, dhaabbanni Tiwitar Itoophiyaa keessatti mala odeessaalee waqtaawaa (Trends) ta’an agarsiisu yeroodhaaf dhorkee turunsaa ni yaadatama.