Waraana Kaaba Itoophiyaa: Dhaabbanni Twitter sagalee deeggartoota Itoophiyaa qajeelfamasaa cabsan haquu mirkaneesse

Dhaabbati Twitter deebii himannaa qondaala Itoophiyaaf kenneen ilaalcha siyaasa kamirraayyuu bilisa jedheera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhaabbati Twitter deebii himannaa qondaala Itoophiyaaf kenneen ilaalcha siyaasa kamirraayyuu bilisa jedheera

Dhaabbanni miidiyaa hawaasummaa guddichi Twitter akkaawuntii rogeeyyiifi qabiiyyeewwan Itoophiyaaf deeggarsa kennan qajeelfama dhaabbatichaa cabsuun jedhee haquu isaa BBC'f mirkaneesse.

Guyyaa kaleessaa Dubbii Himtuun Ministira Muummee Itoophiyaa Billanee Siyyuum ibsa kennaniin Tiwiitariin waraana Kaaba Itoophiyaatti adeemaa jiruun wal qabatee sagalee namoota mootummaa Itoophiyaa deeggaranii ukkaamsaa jira jedhanii komatanii turan.

"Tiwiitariin sagalee deeggartootaa Itoophiyaa, warreen gara jabinaa fi soba TPLF saaxilaa jiran adda baasee ukkaamsaa jira" jechuun himan.

Erga dhihoo as deeggartoonni mootummaa duula #NoMore jedhuun miidiyaa hawaasummaa irratti biyyoonni lixaa mootummaarraan dhibbaa hin mallee gahaa jiru jedhan balaaleffataa jiru.

Ta'us, duulli kun yeroo dhageettii argataa jirutti dhaabbanni Twitter akkaawuntiin isaanii jalaa haqe himachuun komii ibsataa jiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti eegalee waggaa tokko darbe kanaan walqabatee miidiyaaleen hawaasummaa kanneen akka Facebook fi Twitter dubbii hammeessuun himatamu.

Qeeqxoonnis dhaabbileen kunneen haasaa jibbiinsaa fi gochaawwan okkora kakaasan to'achuuf hojii gahaa hin raawwanne jedhu, haata'u malee dhaabbileen kunneen himannaa kana hin fudhatan.

Kana dura mootummaan Itoophiyaa miidiyaa hawaasummaa Facebook fi Twitter dorgoman ijaaruuf yaada akka qabu ibsee ture.

Komii Billanee Siyyuum

Wanti mul'ataa jiru ''yaaddessaadha,'' kan jedhan Billaneen, sagaleen kanneen mootummaa Itoophiyaa deeggaran haqamaa, kan TPLF deeggaran immoo akka itti hin bu'amne kan himan.

Dhimma kana ilaalchisees motummaan Itoophiyaa ''komii seeraa'' dhaabbata Twitariitti galfachuu Billeeneen dubbachu AFPn gabaaseera.

''Dhaabbaticha keessa kanneen TPLF deeggaran akka jiran amanna,'' jechuunis himatan.

Dubbiin Billanee kun erga namoonni duula #Nomore jedhu gaggeessaniifi qindeessaa jiran fuulli Tiwiitara isaanii ugguramaa jira komiin jedhu erga dhagahamaa turee boodha.

Deebii Twitter maal jedha?

Dubbii Himaan dhaabbatichaa karaa imeeliitiin deebii BBC'f kenneen, dhaabbatichi ''akkaawuntiiwwan irratti tarkaanfii fudhateera,'' jedheera.

Haata'u malee sababn isaa, ''Qajeelfama Twitter akkasumas imaammata waliin dhahuu fi sobaa [platform manipulation and spam policy] dabalee cabsuu isaaniif,'' jedheera.

''Kunis akkaawuntiiwwan hedduu uumanii qabiyyee garagalchaman dhoobuufi ijoo dubbii waan hin taane akka ta'etti mul'isuu akkasumas akkaawuntiiwwan sobaa itti dhimma bahu dabalata,'' jedheera.

Haala jiru itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuu kan beeksise dhaabbatichi mootummaa dabalatee qaamota kaan waliin quba akka wal qabu hime.

''Qajeelfamni keenya qabiyyeefi akkaawuntiidha - ilaalcha siyaasaafi aayidiwolojii irraa walaba,'' jechuun himannaa qondaalli mootummaa kennaniif deebise.

''Of eeggannoon wanta dursa kenninufidha. Yeroo rakkoofi lolli mirgi namoomaarra dhiibbaa uumuutti tatamsa'ina odeeffannoo hookkara uumuufi miidhaa geessisu to'achuu barbaanna,'' jedheera.

Yoo komiin jiraate garuu akka ilaalu dhaame.

Torban muraasa dura eegale Twitter nageenya eeruun Twitter gubbaa wantoota ijoo dubbii ta'an [trends] keessumaa Itoophiyaatti yeroof dhaabuu isaa beeksisee ture.

Yeroosis ''Tarkaanfiin kunis balaawwan haala qindaa'een okkora kakaasuu ykn miidhaa umuu ni hir'isa jennee abdanna,'' jedhee ture.

Ta'u garuu, akkaawuntiiwwan deeggartoota mootummaa muraasni tarkaanfiin kunis yeroo hashtag deeggarsa mootummaa itti mata dure ta'etti fudhatame jechuun komatu.

Tarkaanfii dhaabbata Twiitar yaada duula kanatti fudhate ilaalchisees qaamooleen garaa garaa yaada irratti kennaa jiru.

Isaan keessaa gaazexxeessaa Been Nortan akka asiin gadii jechuun barreessee ture.

Komii Tiwiitariin barreeffamoota Itoophiyaa ilaallatan haquu himu
Ibsa waa'ee suuraa, Tiwiitarri akkaawuntii rogeeyyii waa'ee Itoophiyaa barreessan haqeera

Gama biraatiin ammoo namoonni qabiyyee duula #Nomore kana ilaalchisuun qeeqan keessaa tokko kan ta'an Dr Awal Aloo gamasaanitiin akkas jedhaniiru:

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X