Buna Itoophiyaa Ameeirkaa hanga Awurooppaatti filatamurraa qonnaan-bulaan bu'aa isaaf malu maaliif dhabee?

Dhamdhama bunaa Itoophiyaan dafiste maaliif Istaarbaaksi gadi buusee ilaala? Kun gaaffii aariin dhaledha. Buna shiinii tokko keessa gaaffi bara kanaa deddeebi'udha.

Falaasama addunyaa, kolonii harka wayyaa jalaa, dhiibbaa Kaappitaalizimii siyaasa dinagdee fi kaan gaaffii kana keessatti deebi'u.

Gaaffichi gabaabaadha. Istaarbaaksi (Starbucks) buna mataa isaa osoo dhuguu qonnaan bulaa Itoophiyaa ammoo maaliif barakaa isaa dhugaa?

''Kaaldi'' kan isaaf darbuu danda'u, reettiis, shiiniis, bunichas kan dhuunfaa isaa gaafa godhate qofaadha. Keessummoota yaada kana kaasan waliin haasofna.

Safartuu buna Itoophiyaa

Madaalliin buna Itoophiyaa bakka kami? Dhuguma akkuma ol kaafamee haasa'amudhaa? Moo akkuma barame sana ''Baha Afrikaa irraa tokkoffaadha,'' dubbii jedhu sanadha?

Gaaffii kanaaf deebii kennuuf namni Zamadnee Nigaatuu caalaa dhiyoo tahe hin jiraatu. Sababni isaa ammoo saba hojiif biyyoota adunya kana irra naannahaa turan. Dhaabbilee daldalaa hedduu keessas galaniiru.

Hoggantoota kaampaanota hedduu waliin taa'uun shayii buna dhuganiiru. Waliif mallatteessaniiru. Biraazilii hanga Ameerikaa, Arjentiinaatii hanga Sawud Arabiyaattis jiraataaniiru.

Bunni Itoophiyaa akkuma jedhamu maqaa guddaa kan qabudhaa? Sadarkaa akkamii irratti argama gaaffii jedhutu dhiyaateef.

Obbo Zamdneenis deebii kanaaf gara magaalota sadiitti nu qajeelchan.

Paaris, Landanii fi Waashingitan, yoo tahu amma isaanis Waashingitan jiraatu.

Waashingitan

"Ji'a tokko dura dubartootni adii lama suuqii bunaa banatanii na afeeraniin dhaqe'' jedhu, Obbo Zamadneen.

Dubartootni lameeniyyuu Itoophiyaa deemanii erga daawwataniiti gara Waashingitanitti kan deebi'an. Manni buna itti dhugan kun eessatti argama?

Naannoo Kaapitool Hiil- Balbala guddaa Mana Maree Bakka Bu'ootni Uummataatti dhiyaateeti.

Manni Maree Ameerikaa taa'umsa 435 qaba. Dabalataan ammoo miseensotni seneetii galanii bahan gara 100 tahan argamu.

Maal jechuu keessani?

Mana bunni itti dhugamu kanatti namni hin gorre hin jiru. Kaaffee kana keessatti kan wal dhiibanii seenaniif buna Itoophiyaa dhamdhamuufidha. Maqaa guddaa waan qabuufi.

Obbo Zamdneen hin dubbatniiyuu malee yoona Af Yaa'ii US kan tahan Naansii Peeloosiis bunuma kana dhuganiiti hojiif gadi taa'u taha.

Landan

Amma ammoo yaadumaan Obbo Zamadnee waliin Landan haa imallu. Imalli keenya ammoo sadrkaa buna keenyaa ilaaluuf muuxannoo Obbo Zamdnee Nigaatuu keessaani.

Landanitti konkolaataan baay'ee qaalii tahe Rools Rooyis 'Rolls Royce] jedhama.

Gatiin isaa inni xiqqaan doolaara kuma 300dha. Malee hanga doolaara miliyoona kudhaniitti ajajaan qofa hojjechiifachuun ni danda'ama.

Maarree konkolaatota kanneen yeroo tujaarotni bitatatan kaampaaniin Roolsi Rooyis kennaa tokko keessa godhee kennaaf. Maal taha laata?

Kaennaan kun warqees diyaamadiis miti. Warqee Magariisa keenya, buna Itoophiyaati.

Kun milkaa'ina buna iToophiyaaf waan ibsu baay'ee qaba.

Paariis

Amma immoo gara magaalaa ollaa jirtuu Paaris haa imallu. Handuurri Paaris eessa yoo jenne Shoonzoliizee (Champs-Élyséesitti] argama

Wagga waggaan daawwattootni itti yaa'uun daawwatu.

Handhuura Shoonzoliizeetti man kuusaan buna beekamaa Neesilee [Flagship store] argama.

Gara keessatti yoo galtu ammoo taatoo beekamaan Joorji Kiluunii Nespireesoo maashina bunaa yeroo beeksisu argita.

Joorji Kiluunii cima ammoo meeshaan gati jabeessi tokko jira. Onnee miliyoonotaa keessa kan jiru, Buna Itoophiyaa.

''Yaadimee! bakki kun bakka gurgurtaa guddaa buna Neesileeti. Maarree kun maal ibsa?'' jedhu Obbo Zamadneen.

Imalli hamma kanaa naannahee naannahee bunni Itoophiyaa beekamtii isaa guddaa irratti argama jechuuf.

Argita biraandiingii isaa Neesleen nuuf hojjeteera. Nuyi dadhabuu hin qabnu. Nurraa kan eegamu Shiinii bunichaa irraa gahee gabaa jiru qabachuudha [Controoling the Cup],'' jedhu Obbo Zamdneen.

Kana jechuun isaan gatii rakasaan bitanii deebisanii ittiin mul'atu.

Dorgommiin gabaa bunaa waan akkamiiti? gatii gadi bu'aa Shaamatootni tilmaamaniin tilmaamuudha.

Kanaafidha yeroo goginsi Biraaziliin rukutu bunni Itoophiyaa dafee kan danfuuf.

Yeroo Biraazil gabaa buna adunyaa keessaa yeroo baatu Itoophiyaaf akka cidha deebi kan tahuuf.

Adunyaa irratti buna gabaa adunyaaf dhiyeessuqun Biraaziliin kan dorgomu hin jiru.

Veetinaamii fi Kolombiyaan itti aanu. Indoonezhiyaa fi Itoophiyaan ammoo sadarkaa 4ffaa fi 5ffaa irra jiru.

Garu buna jaalatamaa Arabikaadhaan Biraazilitti aanuun kan dhufan Itoophiyaa fi Kolombiyaadha. Akka carra tahee gabaa buna adunyaa keessatti bal'inaan kan hirmaatan oomishoota osoo hin taane kaampaanota gurguddoodha.

Istaarbaaksiifi Neesilee

Yoona sila araada bunaan kan hamuummataa oolan Jarmanootni, Nezerlaandis fi Jaappanotni akkasumas lammiileen Sawudii gara Itoophiyaa yaadu taha.

Yeroo kanadha qonnaan bultootni Itoophiyaa fi Veetinaam kan fuulli isaani ifu. Garuu kolfichatu dafee bada malee.

Veetinaam hin beeknu malee qonnaan bultootni Itoophiyaa garuu gammaduu hin danda'an. Sababni isaas gabaa bunaa kana keessa qaama hedduutu itti naqamee jira.

Qulqullinni bunaa fooyya'aa dhufus garuu gara Atilaantik gamaatti, Baha Gidduugaleessaa fi Baha Fagootti kan ergamu gufuu hedduu mudata.

Daldaltootni gurguddoon ''gatii hin daballu'' jechuun rakkisu. Buna mataa keenyaa meeqaan akka gurguruu qabnu nutti himu.

Obbo Zamadnee dabalatee namootni kaan kan akkas gatii nu dhabsiise buna dheedhii erguu keenyadha jedhanii amanu.

Malee kunoo Niiw Yoorkitti buna keenya shiinii tokko doolaara shaniin kan unatan guutan, sanuu osoo dubbii tokko keessa hin buusiin.

Michoota keenya biyyoota Lixaaf aduun kan baatuus buna Sidaamaa fi Yirgaa Caffeetinidha. Garuu maal godha buna shinii tokko sana irraa qonnaan bukaa Itoophiyaa doolara saantimni shantamayyuu harcaatee harkarra hin geessu. Maaliif?

Wabii diinagdee-buna

Itoophiyaaf bunni akka susii galiidha. Buna osoo hin obaasiin sharafa argachuuf carraan hin jiru.

Itoophiyaa fi bunnii waggootii dheeraaf kan dorgomaa turan kanaafi.

Madaallii daldalaa yoomu suphamuu hin dandeenye, hanga tokkoo sirreessuuf kan yaalu isadha. 'Buna keenya! Wabii diinagdee keenyaa!'

Wagga waggaan galiin mi'aa doolara biiliyoona 16 ta'u, liqii jiru doolara biiliyoona 3'n sirreessa. Adda addummaa isaa hubadhaa.

Daldalaa alaa doolara biiliyoona 3.5 ta'u keessaa galii bunni fidu bira mi'i ga'u hin jiru.

Warqqnillee hanga bunaa hin ga'u. Mi'oota akka uffataa, elektirooniksii fi bolloqqnillee hanga bunaa doolarii fiduu hin dandeenye.

Itoophiyaan wagga waggaan buna toonii kuma 200 ol biyya alaatti ergiti.

Kanaratti ammo fayyadamtonni bunaa Itoophiyaa keesatti gara miiliyoona 20 ta'u.

Ta'us qonnaan bulaan buna qotee dhiyeessu garuu galuu bunaa gutuu keessaa %10 ta'ullee hin argatu.

Bara kana yeroo itti gatiin bunaa dabaleera jedhametti galiin qonnaan bultoota bunaa Itoophiyaa maaliif foyya'uu dadhabee?

Bunni Itoophiyaan ittiin boontu yoom ishee sooromsa?

Darbeeyyuu Afrikaa keessatti buna dhiyeessuun Itoophiyaa bira biyyi ga'u hin jiru.

"Addunyaa irratti boba'aatti aanee mi'I akka bunaa daldalaaf dhiyaatu hin jiru," jedhu Obbo Zamadeene.

Fakkeenyaaf wagga darbe Itoophiyaan buna irraa galiin isheen argatte doolara biiliyoona 1 guutuuf, doolaarota kuma muraasa qofatu hanqata.

Baranas buni toonii kuma 280 ta'u ergamee doolara biiliyoonaa ol argamsiisuuf hojjatamaa jira.

Biyyootiin ijoo barana bunni itti ergamu ammo akka Jarmanii, Saawudii Arabiyaa fi Beeljiyeem ta'aniiru.

Dabalataan ammo addunyaa irratti biyyi diinagde isheen lammaafaa taatee Chaayinaan buna bituu eegalteetti. Kun ammo gara fulduraatti gabaa guddaa uumuu danda'a.

Akkasumas ammo bara kana bunni Arabikaa haala waggotii 10'n darban keessatti argamee hin beekneen, gatiin isaa dachaan dabaleera.

"Gatiin bunaa akkas dabaluu kan danda'e, Biraaziil keessatti gogiinsi waan uumamee fi Sharifi maallaqa addunyaa tasa dabaluu isaadha," jedha Obbo Zamadeene.

Bara kana jijjiiramootni hedduun jiru, ta'us garuu qonnaan bultoota bunaa biiliyeenaroota hin taasifne, Itoophiyaas hin durreessine. Maaliif?

Obbo Zamadeenen irra daddeebiin "sababiinsaas siniin waan hin lakka'amneefi," jedhu.

Kana jechuun, adeemsa bunaa isaa dhumaa Itoophiyaan qabachuu qabdi jechuu isaaniiti.

"Fakkeenyaaf Nesle waliin maaliif suuqii wayii hin bannu? Xiqqeessinee eegaluu dandenya. Ga'ees (iquyiiti) ammo bituun ni danda'ama," jedhu Obbo Zamedeene.

Ta'u garuu jedhu Obbo Zamadeene, " bakkootii ijoo ta'an irratti wiirtuuleen buna keenya gurguran jiraachuu qabu."

Fakkeenyaaf eessatti?

"Fakkeenyaaf Niiw Yoorkii daandii Maadisan irratti ykn ammo Paarki Avenuu irratti, ta'uu baannaan daandii beekama Fiifzi Avenuu (5th Avenue) irratti banuu. Bakkootii kanatti wiirtuun daldala buna Itoophiyaa nuti to'annoo osoo jiraateewoo?"

"Fakkeenyaaf…Paaris daandii Vaanzaleezi, Laandanitti daandii Oksifoorditti ykn ammo dhabbilee bunaa gurguddoo keessatti ga'ee yoo qabaannewoo? Maaliif hin ta'u?"

Ambaasaaddara magariisaa

Bunni Arabikaa ambaasaddara magariisaa Itoophiyaadha. Akka isaa biyyattii kan beeksise hin jiru. Ta'us garuu kan kanaan sooromu biyyootii lixaadha.

Kanaratti Obbo Zamadeeneen, yoo nuti bakkooti bunni itti gurguraman suuta suuta yoo hin to'anne bunni keenya nu oolchuu hin danda'u jedhu.

Arabikaan buna Itoophiyaadha.

Daldaltoonni bunaa, buna beekamaa Itoophiyaa shinii tokkittiif doolara 5 kaffaluu irraa duubatti hin jedhani. Gidduutti garuu doolara kana kan guurratan kan biroodha.

Biyyi tokko qabeenya isheerra caalaa, sansalataa daldalaa isheen to'attuuttu gatii qaba.

Ta'us garuu Itoophiyaan sansalataa daldala bunaa keessatti hin lakka'amtu, darbeeyyu keessa hin jirtu.

Sansalata daldala bunaa keessaa %20 kan ta'u to'annoo isheen aladha.

Haala gaariin buna saamsanii dhiyeessuniyyu dhiyeenya eegalame.

Ta'us garuu yaada Obbo Zamadeenen dhiyeessan kana dhugoomsuun ni danda'amaa?

"Dhugaadha, amma yeroo haasofnu kan ta'u fakkaachuu dhiisuu danda'a. Har'a yoo eeggale garuu, wagga 10 ykn 20'n har'aa nuuf darba," jedhu.

Kanaaf ammoo akka ragaatti kan dhiyeessan Saawudiidha.

Waggaa 30'n har'aa warri Saawudii utuu kana hin goonee, addunyaan industirii pilaasikiin liqimfatti ture jedhu.

" Ahaa, boba'aa nuti erginuuf fayyadamaniiti industirii kana hunda banani. Utuu nuti boba'aa hin erginuuf ta'ee eessaa fidu?" jedhanii gaaffii ijoo gaafatanii. Deebinsaas 'eessaayuu' kan jedhu ture.

Kanaaf maaliif nuti ofii keenyaa hin hojjennuu jedhanii mala uummatani.

Amma Saawudiin addunyaa irratti biyyootii boba'aa dhiyeessan gurguddoo keessaa ishee tokkodha.

Itoophiyaan buna kan ofiishee godhachuu ni dandeessi.

"Sababiin isaan nuti yoo Arabikaa hin kenninuuf ta'e, eessaa fidu?" jedhu.

"Dhugaadha bunni akka boba'aa humna itti falminu nuuf kennuu dhiisuu danda'a. Ta'us garuu mala warra Saawudii hordofuu dandeenya. Shiinicha to'achuu dandeenya. Jalqabuu kan qabnu garuu ammadha. Har'a."