Dubartoonni hakimii dhiiraatiin wallaansi baqaqsanii yaaluu taasifamuuf irra caalaa du'u jedha qorannoon. Maaliif?

Mee hakimii uffata danbii isaa uffachuun wallaansa baqaqsanii yaaluu isiniif hojjachuuf qophaa'aa jirtu tokko yaadaa.

Hakimii dubartiimoo kan dhiiraatu gara qalbii isin dhufa?

Qorannoon Kaanaadaatti gaggeeffame tokko akka mul'isetti dubartoonni harka hakiima dhiiraatiin wallaansi baqaqsanii wallaanamuu taasifamuuf kanneen harka hakiimii dubartiin taasifamuuf caalaa carraa du'uu %32 qabu jedhe.

Haata'u malee saalli hakiimii dhiiraa, isaan wallaanuu gagraagarummaa guddaa akka hinfinnes qorannichi kaaseera.

Dubartoonni dhiiraan wallaansi baqaqasanii yaalamuu hojjatameef hedduun guyyoota 30 keessatti dhukkubsachuun deebi'anii hospitaala galus jedhe qorannoon kun.

Qorannoo kana kan dursan Dr Kirotofar Waal garuu sababiin isaa akka hin mirkaneeffaneefi kana adda baasuuf hojjataa jiraachuu BBC'tti himan.

Kanaafuu hakiimoota dubartii dhimma kanarratti maal akka yaadan BBCn dubbiseera.

Haala dhukkubbii itti hubatan

Qorannoon kun dhimma dhukkubsattoota miiliyoona 1.3 olii kanneen bara 2007- 2019tti hakiimoota 2,937n Kaanaadaa Ontaariyoo keessatti wallaanamanii xiinxaleera.

Qorannichis gaaffii saala hakimootaafi dhukkubsattootaan walqabatee yeroo hedduu ka'uuf irratti kan hojjatame kan jalqabaati.

Ammattis sababii gadi fageenyaa ibsuu baatulleen argannoo isaa kana ifa taasiseera.

Qorannoon kun wanti kaase tokko, hakimoota dhiiraafi dubartootaa jidduu ilaalchi dhukkubbiif qaban garaa garummaa qabaachusaati.

Hakimoonni dhiiraa dhukkubbii dhukkubsattoota dubartootaa gadi xiqqeessanii ilaalu jedheera qorannichi.

Dr Oneekaa Wiiliyaams, ispeeshaalistii wallaansa kalee (urologist) Ameerikaa Tufts University School of Medicine Boostan keessa jiru irraa yaada kanaan walii galti.

''Ilaalchi dhiirri dhukkubbii dubartootaa gadi xiqqeessuu akka jirun yaada. Dubartoonni akka waan baayyee sodaataniifi yaadda'uun rakkoo booda dhalatuuf xiyyeeffannaa gadaanaa kennanitti yaadu. Rakkinni walxaxaan ni dagatama, dhukkubbiin ni xiqqeeffama, yeroo baayyee dhukkubbii cimaan irra darbama,'' jechuun BBCtti himte.

Dr Jeenifar Svaahn, Yunivarsitii Fayyaa Northwell kan Niiw Yook keessatti argamutti hakimii hidda dhiigaati.

Isheenis hakimoonni dhiiraa dhukkubbiifi mallattoolee dhukkubbii dhokubsattoonni dubartootaa himaniif hangas akka ulfaatina hin kennine himti.

Ilaalcha

Dr Naansii Baaksitar ammoo Koolleejjii Seent Mikaa'eel kan Hopitaala Yunivrsitii Torontoo keessaa, ''namoonni dhukkubbii warra dhiiraatti dhagahamu irra kan dubartootaa xiqqeessanii ilaalu'' jechuun akka amanan dubbatu.

Ta'us garuu baay'ina du'aatii dubartootaa kanaaf dhimmi biraa gahee qabaatu jiraachuu malas jedhan.

"Yoo dhukkubsataa kee ilaaltu, akka ogeessa wallaansa baqaqsanii yaaluu murteewwan attam goota? Gara kutaa wallaansaatti eenyu qabattee seenta? Eeyyeen gama saalaatiin garaa garamummaa fi haalli dhukkubsataa dhiiraafi dubartii ittiin qaban hakimoota jidduu jiraachuu mala,'' jechuun BBC'tti himte.

Kanaafis ragaan wallansi dhukkubsattootta dubartoota onnee dhukkubsataniif hakimii dubartootaan kennamu kan warra dhiiraatiin kennamu caalaa bu'aa qabeessa ta'uu agarsiisu jiraachuu eeruun himti.

Haata'u malee ammoo garaa garummaan iaalcha hakiimoota dubartootaafi dhiiraa irra jiraachuus kaaftee jirti.

''Tibba wallaansa oppireeshinii raawwatanitti osoo hakimiin dubartii milkaa'ina haala eegamu qabaachuu baattee ni adabamti. Haalli isaan milkaa'ina dhabuusaaniitti itti dhiifama argatan baayyee gadaanaadha.

"Haata'u malee osoo hakimiin dhiiraa wallaansa isaatiin milkaa'uu baatee carraadhaan ykn carraa hamaan wal qabsiifama. Kanaafuu dubartoonni yeroo hunda warra dhiiraa caalaa hojjachuutu irraa eegaman sadarkaa dhiiraa sanaan ilaalamuuf.''

Kominikeeshinii

Tarii dhimmi biraa gama kanaan ilaalamu qabaatu,''hubannoo cimaa miiraa umumachuu, gara laafummaa fi ogummaa komnikeshinii dubartotaati,'' jetti Dr Wiiliyaamsi.

Dr Kim Templeton, Jidduugala Wallaansa Yunivarsitii Kaansaas irraa gama isheetiin, haalli hakimoonni dubartootaafi dhiiraa dhukkubsattoota isaaniitti itti dhiyaatan garaagaraummaa jiru ibsuu danda'a jettee amanti.

Haalli itti dhiyeenya hakimootaa, dhukkubsattoonni odeeffannoo wallaansa isaanitiif murteessoo ta'an akka bilisaan qoodan gochuuf ni gargaara jetti.

Odeessaalee fayyaa biroo:

Haalli sunis wallaansa barbaachisu kennuuf murteessaadha.

Qorannoon kana dura gaggeeffame tokkos, yoo dhukkubsattuun dubartii taatee haknmiin dhiira ta'e, haalli kominikeshinii isaaniifi walitti dhufeenyi saanii akka hubamu adda baase ture.

Rakkoon kunis kan gama hakiimaatiin qofaarra maddu miti. Qorannoon Ontaariyootti gaggeeffame tokko, dhukkubsattoonni dubartootaa hakimii dhiraatti ifatti akka hin himanne adda baasuu Dr Svaahn ni himu.

''Dhukkubsatoonni dubartootaa hakimii dubartootaa haalli itti sodaatan gadaanaa waan ta'uuf haasaan isaan jidduu caalaa ifaafi gorssa illeen caalaa fudhattu,'' jetti.

'Hakiima wallaansa baqaqsanii yaaluun fakkaadha'

Loogiin koornayaa damee hojii dhiiroonni keessatti baayyataniitti akka dubartoonni oggomicha gadhiisaniif tarii sababii ta'u mala.

Bara 2015 keessaa dubartoonni wallaansa baqaqsanii wallaanuu irra hojjatan duula "#ILookLikeaSurgeon" jedhu tokko tiwiitar irratti gaggeessanii ture.

Ergaan duula kanaas hanaga har'aattu akka ergaa dubartoota oggummaa wallaansaa kaan keessa jiraniifi haala hinmalleen ilaalamaniif kan hojjatuudha.

Dr Wiiliyaams hakiimoonni dubartootaa itti fufiinsaan waa'ee koorniyaa saanii yaadachiifamu jetti.

"DHukkubsattoonni baayyeefi hojjattoonni wallaansa baqaqsanii yaaluu malee akkan waan biraa hinhojjanneetti na ilaalu,'' jetti. ''Ilaalchi yeroo baayyee ammoo gargaarsuu wallaansaam barreessituu, oggeettii sirna nyaataa fi yoon carroomee ammoo akka narsiitti,'' nu ilaalu jetti.

''Yeroo tokko tokkoo ammoo erga dhukkubsataa waliin wal barree, marii wallaansichaa taasifne, guyyaan wallaansaa qabamuun balaafi bu'aa mari'anneen booda, 'Eenyutuu baqaqsanii wallaanuu naa hojjataa?' jechuun si gaafatu.''

Hakiimoonni dubartootaa dandeetiisaanii mul'isuuf darbaa hojjachutu irraa eegama jetti.

''Dhukkubsattoonni amalleen ilaalcha hakimiin dhiiraa akka caaluutti fudhachu waan qaban natti fakkaata. Nutis siirriitti of beekna waan ta'eef haala gaariin dhukkubsattoota keenya. Dogongora omaa hojjachu hinqabu,'' jetti.

Madaalli dhabuu koorniyaa

Dursituun qorannichaa Dr Wiiliyaamsi ragaan qorannichaan fudhatame kan agarsiise dubartoonni hakiima dhiiraatiin wallaansa baqaqsanii wallaanamte dirqama ni miidhamti miti.

Garuu ragaa dhukubbisattoota miliyoona 1.3 olii irratti xinxala gaggeeffamee garuu haala qabatamaa jiru agarsiise. Qorinichaan baayyinni hakiimoota dubartoota damee kanaa gadaanaa ta'u mul'iseeras jedhu Dr Svahn.

''Dhugaansaa dhukkubsattoonni dubartootaa yeroo baayyeefi dursaan hakiimoota wallaansa baqaqsanii wallaanuu dubartootaa waliin caalaa waliin galu. Kunis sabii garaagaraatiif ta'u mala... Kanaafuu hakiimoota dubartootaa damee wallaansaa hundaatti akka argaman gochuun barbaachisaa ta'a,'' jetti.

Fiyoonaa Minti Pirezidaantii ittaantu Rooyaal Kolleejjii kan Inglaandi keessaa yoo taatu, barbaachisummaa fooyyeessuu maddaallii baayina hakiimoota dubartootaa gama wallaansa baqaqsanii yaaluu kanaan waliigalti.

''UK keessatti dubartoota caalaa dhiira baayyeetuu leenjii wallaansa baqaqsanii yaaluu eegaluuf filata. Dubartoonni sadarkaa jalqabaa wallaansa damee kanaa %41 ta'u. Garuu kan sadarkaa olaanaadhaan leenjii'an %30 yoo ta'an, kanneen oggummaa gorsuutiin jiran ammoo %14,'' jetti.

Dubartoonni damee kana keessa turuuf murteessanis bakka hojiittii ilaalcha saalaan walqabatetu mudata kan jettu Dr Wiiliyaamsi, kun isheedhaaf mudannoo guyyaa guyyaa akka ta'e himti.

Guyyaa tokko alkan wallakkaa akka dhukkubsataa dhiiraa tokko ilaaltuuf kutaa balaa ariifachiisaatti erga waamamteen booda, dhukkubsataa amansiisuuf kan itti dubataa ture narsiin dhiiraa, akka qoofaatti, 'eeggaa ofi to'adhu, akka ishee hin dhiinneef'' jedheen dhukkubsataadha jechuu ilaalcha ture kaafte.

''Narsichi amma meeshaa xiqqoo tokkootti gadi na salphiisuun, dhukkubsataan sun akka hakiima wallaansa baqaqsanii yaaluu tokkootti akka na hin ilaallee na taasise,'' jechuun dhiibbaa ilaalchaa keessa dabartu yaadatti.

Ilaalcha dogongoraa saalaan walqabatee jiru mo'achuuf oggeeyyii dubartootaa baayinaan gara ogummaa kanaatti fiduun murteessaadha, akka ogummaa keessa turan isaan amansiisuunis akkasuma, jetti.

Garuu ammaaf hubannoon Dr Baaksitar sirriidha, ''Namoonni yoo waa'ee wallaansa baqaqsanii yaalamuu yaadan waa'ee dhiiraa yaadu,'' jetti.