Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hinditti doktorri gareen gudeedamtee lubbuun darbe jennaan mormiin guddaa ka'e
Biyya Hindii kutaa bulchiinsaa Hayidiraabaad jedhamutti doktorri hakiima horii taate umuriin ishee waggaa 27 taate dirqamaan gudeedamtee lubbuun ishee darbuun erga dhaga'amee mormiin cimaan uumameera.
Jiraattonni magaalattii buufata poolisii naannoo sanatti argamutti bahuudhaan namoota yakka gareen gudeeduu kana raawwatan adabbii du'aan akka itti murtaa'uuf mormii isaanii dhageessisaa jiru.
Maatiin dubartiin duute kanaa yeroo intalli isaanii baddee turtetti poolisiin itti gaafatamummaa isaa hin ba'anne jechuu isaaniitiin hanga ammaatti miseensonni poolisii sadii hojii isaaniirraa ari'amaniiru.
Namoota siyaasaafi qaamota nageenyaa maatii dubartii duutee kana dubbisuuf dhufanis hanga namoota yakka kana raawwatan osoo seeratti hin dhiyeessiin gara mana keenyaatti akka hin dhiyaanne jechaa jiru.
Reeffi dubartii kanaa kan gubateefi gurraacha'e kan argame Kamisa darbe ture.
Osoo lubbuun ishee hin darbiin dubartiin kun gareedhaan akka gudeedamte ifa kan godhe yommuu ta'u ajjeechaa kana waliin walqabsiisuun dhiironni afur to'annaa jala oolfamaniiru.
Haadhotiin dhiirota lamaa yakka kana raawwataniis yakkamoo ta'anii argamnaan ijoolleen isaanii kun akka dabamaniif moootummaa gaafataniiru.
"Adabbii kamiyyu adabamuu qabu, anis intala nan qaba," jechuudhaan haati warra yakka kana raawwatan keessaa kan tokkoo jedhamte Tirast Of Hindiyaatti dubbatteetti.
Du'aatiin dubartii kanaa mormii guddaa sadarkaa biyyaatti kaasiseera. Namoonni morman hedduunis warreen gareen yakka kana raawwatan du'aan adabamuu qabu jechaa jiru.
Kutaa bulchiinsa Hayidiraabaad keessatti mana jireenyaa dubartii duute kanaa dura dhaabachuudhaan hawaasni "poolisiin, miidiyaan, namni biyya alaas akka nutti dhufu hin barbaadnu. Nuti gaddas hin barbaadnu; nuti kan barbaadnu haqa qofaadha," dhaadannoo jedhu qabatanii osoo dhaabbatanii ni amul'atu.
Namoonni siyaasaa bebbeekamoos miidhaa dubartoonni guyyaa guyyaan lubbuun isaanii itti darbaa jiru fudhachuu hin qabnu jechuudhaan ergaa isaanii dabarfataniiru. Ministirri muummee biyyatti Naareendiraa Moodii hanga ammaa callisuu filataniiru.
Dubartiin duute kun Roobii darbe beellama doktora ishee waliin waan qabduuf mana isheetii saatii 12 irratti ture kan baate. Xiqqoo turtee maatiisheef bilbiltee doqodoqeen ishee gommaan jalaa dho'ee jennaan konkolaataan fe'isaa tokko akka ishee gargaaruuf jedhaa jiru itti himtee turte.
Bilbilli isheen yeroo sana maatii waliin taasiste sun isa dhumaa ishee ture. Isaan booda sagaleen ishee hin dhaga'amne. Reeffi ishee riqicha jalatti gatamee Kamisa ganama nama aannan gurguru tokkoon argame.
Akka seera biyya Hidiitti namoota miidhaa dirqiin gudeedamuun lubbuun darbe eenyummaa isaanii akka hin ibsamne kan ajaju ta'ullee gaafa Jimaataa namoonni tiwiitera irratti maqa ishee waliif dabarsaa ture.
Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman cimsanii haqa akka barbaadanis fuula tiwiitera isaaniirratti barreessaniiru.
Waggoota torba dura magaalaa guddittii Hidii Niiwuu Deelii keessatti erga barattuun tokko konkolaataa ummataa keessatti garedhaan gudeedamtee lubbuun ishee darbee mootummaan xiyyeeffannaa itti kennullee dirqiin gudeeduufi ajjeechaan akka malee dabalee akka deemu gabaasni gara garaa ni mul'isa.
Ragaa poolisiin waggoota lama dura baaseen himanni yakka dirqiin gudeeduu waliin walqabatan 33,658 kan galmaa'an yoo ta'an kun ammoo lakkoofsi dubartootaa guyyaa guyyaan dirqamaan gudeedamanii 92 ga'uu isaa agarsiisa.