Ministirri shamarraniin 'miila walitti qabadhaatii, kitaaba keessan banaa' jedhan qeeqaman

Afrikaa Kibbaatti Ministirri Fayyaa Limpoopoo wayita mana barnoota daawwatan dhaamsa saal-qunnamtii ilaallatu shamarraniif dabarsaniif qeeqamaa jiru.

Poopi Ramatubaa ijoollee shamarranin ‘’miila keessan walitti qabadhaati, kitaaba keessan banaa’’ ergaa jedhu kan kallattiin dabarsan shamarraan saal-qunnamtiirraa of qusachuun dhibee HIV-AIDS fi ulfa yeroo maleerraa akka ittisan jajjabeessuuf ture.

Poopi Ramatubaa akka jedhanitti, shamarran kennaa dhiiroonni dullooman shamarraniif gumaachan kanneen akka wiigii gatii mi’aafi bilbilaa moobaayilaatiin gowwomfamu.

Dhaamsi isaanii garuu dirqama saal-qunnamtiin walqabatu shamarraan qofaarra kaa’a jedhamee qeeqame.

Biyyoota Afrikaa hedduu keessatti shamarran sababa saal-qunnamtii of-eeggannoo malee godhamuun ulfaa'anii baruumsa adda kutu.

Namoonni hedduun gama toora intarneetiin yaadni kennan, itti gaafatamummaan kun kan shamarranii qofaa otoo hin taane dhiironni adamoo isaanii dhaabuu qabu jedha.

Ministirri Fayyaa Limpoopoo Ramatubaan dhaamsi dubbatan haala isaan yeroo sanatti dubbataniin alatti hiikamu kaaasuun, dhiironni gocha saal-qunnamtii kessatti akka hin hirmaanne gorsuu isaanii gaazexaan ‘Times Live’ jedhamu gabaasera.

Ragaan kutaalee bulchiinsa Afrikaa Kibbaati bara darbe walitti qabame akka agarsiisutti ijoolleen durbaa yeroo weerara koronaavaayirasiitti ulfaa’an lakkofsi isaanii dabaleera.

Sagantaa barnoota saal-qunnamtii manneen barnoota muraasa keessatti maatiin barattoota diduu hordofuun dhaabateera.

Afrikaa kibbaatti sanadni kanneen yakkaa tuttuqaa saal-qunnamtiin walqabatu raawwatanii tarkaanfii akka fudhatamuu bahe jiraatullee, kanneen miidhaman hedduun yakkichi raawwatamu gabaasu sodaatu.