Lammiileen Indiyaa waa'ee jaalalaafi gaa'ilaa maal yaadu?

Lammiileen Indiyaa waa'ee jaalalaafi gaa'ilaa maal yaadu? Gaazixeessituu Ruukminii S wantoota haawwaasummaafi siyaasaa gaa'ilaafi hiriyyummaa Indiyaa keessatti utuban maal akka fakkaatan daataa agarsiisu walitti qabdeetti.

Dargaggoon ganna 22 Nitiin Kaambili ji'atti marroo lama konkolaataa baasiin Mombayii, iddoo hojiisaarra gara mandara bulchiinsa Maharashitraa iddoo maatiin isaa jiraatanitti deddeebi'a.

Kaambili shaanxaa lama akka waan daachasuutti yaada: shaanxaa tokko baatee akka waan deemutti, Shaanxaa inni hafemmoo akka waan qabu baatee fagoo hin geessinetti, qabeenyasaa itti guutee mana kutaa tokko qabdu siree isaa jala keewwateera.

Dhugaa kana waliin ammaaf foon akka sooratuufi biiraa yeroo hunda dhugu dabalatee shaanxaa inni Muumbaayittin dhiise jedhee yaadu iccitii gadi fagoo qabateera.

Jaalalleen isaa sadarkaa hawaasa biraarraa waan taateef innis ta'e isheen maatiin isaanii tasumaa hiriyummaa isaanii akka hin simanne ni beeku.

Inidyaa keessatti daataan kuni gaaffii muraasa jajjaboo ta'aniif deebi laata.

Akkamitti lammileen biyyattii maallaqa argataniifi maallaqa isaanii baasan, maal fa'aa akka hojjatanii, akkamitti akka filatan fi maaltu akka isaan ajjeesu daataan ni deebisa.

Lakkoofsi xiqqaan jiruu namaa keessatti dabalamtu jireenya isaanii keessatti maal akka isaan hojjatan agarsiifti - fakkeenyaaf jaalalaa ta'u mala.

Daataan bal'aa kuni Indiyaatti ilaalcha jaalalarratti jiruufi dhimmoota kanaan walqabatan walitti soneessera.

Fiilmiiwwan Indiyaa wayita ilaalamu, dargaggootni biyyattii jaalatanii kan wal filatan fakkaatu malee dhimmi biraa dargaggoonni keessa jiran hin mul'isu.

Kunis tarii dhugaa ta'uu mala, Indiyaatti harka caalu gaa'ila warri mijeessan jiru.

Bara 2018tti qorannoon maatii 160,000 irratti gaggeeffame akka agarsiisutti, kanneen warrooman keessaa %93 gaa'ila isaanii maatii isaaniitu haala mijeessuufi himan.

Kanneen warrooman keessa %3 ''wal jaalatanii bultii ijaarratan''.

Kanneen warrooman keessaa %2 kan biroo immoo warrii sirna gaa'ilaa mijeessuu erga eegalanii booda kanneen wal fuudhanii abbaa warraafi haadha warraa ta'an boodarra yaadicha simataniidha.

Adeemsa yeroo dheeraa keessattis jijjirama xiqqaatu jira- maanguddoon umriin jaaran hedduun isaanii(%94 ) gaa'ila maatiin mijeesseen bultii ijaarratan.

Ammas dargaggoota umriin isaanii ganna 20 keessa jiraniifi bifa kanaan dhiyoo wal fuudhan % 90 ol ta'uusaanii ragaaleen agarsiisu.

Manishaa Mondaal yeroo hundumaa gaa'ila nama ofiin filatte waliin akka raawwattu yaadaa turte.

''Yeroo hundumaa maatii koo waliin wal dhabaan ture. Kolleejjii xiqqoo qe'ee keenyarra fagaatu tokko seenee barachuuf jedheen maatii waliin waldhabaa ture.

''Ani akkan yaadetti, naman jaaladhe waliin warroomuun dhimma wal dhabbii ittaanu ta'uuf deema jedheen yaada ture,'' jette Manishaan

Manishaan magaalaa xiqqoo Baha Indiyaa keessatti argamtu Bilahi jedhamtu keessatti barreessituu taatee hojjatti.

Haata'u malee, kolleejjii erga seente guyyoota gara jalqabaatti dhiiirota muraasatu itti dhiyaate haasofsiise.

Shamarran umriidhaan isheerra caalan ishee haasofsiisuuf gara iddoo dhaqna dhiqannaatti erga ishee waamanii booda, yoo dhiirotatti dubbatte kabajaa ati qabdutu bada jedhanii ishee akeekkachiisan.

Obboleessi angafaa Manishaan ishee hordofuuf jecha guyyaatti yeroo muraasaaf gara kolleejjitti imaluun dhiirotatti akka isheen hin haasofne mirkaneeffataa ture.

Kolleejjiin Manishaaf heddu murteessaa ture. Carraa sanaan jaalallee baafachuu caalaa barnoota itti fufuun gara hojiitti ce'uu filatte.

Barnoota kolleejjii bara xumuraa wayita geeessu, gaa'ila ilma hiriyaa abbaa isheeti kana ta'eefi hawaasa isheen keessaatti dhalatte keessa haalli mijatee ture.

''Maatii koon ilaale. Wal lolanii hin beekan. Kanaafuu, anaaf illee akkasuma ni ta'a jedheen yaade,'' jette shamarreen ganna 24 quba harka isheeti walirra qaxxamursaa.

Nama gulaantaa hawaasummaan si fakkaatu waliin warroomuun gaa'ila Indiyaa keessatti waan murteessaa ta'e tokkodha.

Bara 2014 qorannoon namoota 70,000 irrattii gaggeeffame akka agarsiisutti, magaalota Indiyaatti maatii isaanii keessatti gulaantaa hawaasummaa (jati) isaaniitiin ala bahanii miseensa maatii isaanii keessa namoota warrooman kan qaban %10 gadi.

Namoonni amantaa garaa garaa hordofaan gaa'ila waliin dhaabbachuun hedduu kan baratamee miti.

Indiyaatti dargaggoonni caaseffama hawaasa keessaatti dhalatan keessa bahuun nama biraa waliin akka warroomuuf fedha qaban yeroo hunda dubbatu.

Haata'u malee kan dubbataniifi qabatamaan jiru garuu gargari.

Bara 2015tti qorattoonni namoota fuuldurattii gaa'ila dhaabbachuuf yaadan 1,000 karaa marsariitii 'matrimonial' haasofsiisanii turan.

Gartokkeen isaanii hiriyaa gartuu caaseffama hawaasa isaanii keessa akka barbaadan himan, shamarraan hunda jechuun haala danda'amuun, dhiira hawaasa gulantaa hawaasa isaaniin walfakkaatu keessaa bahetti heerumuu barbaadu.

Nama ofiif filatanitti waliin warroomuun akka diddaa hamaatti ilaallama, balaa fida jedhamees sodaatama.

Bara 2014 murtoowwan galmeewwan himannaa guddiicha Deeli bulchiinsa araddaa 7ffaatti bara 2103 murtaa'e bal'inaan qorataan ture. - galmeewwan kun 600tti dhiyaatu.

Ganna kurnan darban leellistoonni garee Hinduu dhiiroonni musliima dubartii Hinduu gaa'ilaan geeddaru jedhanii himataa turan.

Bulchinsonni Indiyaa baayyeen paartii 'Hindu nationalist Bharatiya Janata Party (BJP)' jedhamuun kan bulan yoo ta'u, dhiira ''gaa'ilaaf jedhee'' dubartii dirqaman amantii ishee geeddarsiisurratti murtoo jabduu dabarseera.

Itti dabaluun, hordoftoota amantii biraa waliin gaa'ila dhaabbachuurrattis daangaa kaa'uuf to'annoon seera Indiyaatti hojiirra oole.

Lolli kun gaa'ila gulantaa hawaasaa adda addaarraa namoota warrooman irratti dhiibbaa kan uumu qofaa miti, ragaa jaalalaafi gaa'ila amanamaa akka hin taane taasisa.

Namtichi dubartii amantii biraa hodoftu waliin warroomu hime tokko maatii dubartii inni fuudheetiin qoccolamu fi waraqaa gaa'ila fudhachuu sodaachullee hime.

Kunis maqaan isaanii waajjira mootummaa naannicharra hawaasatti akka hin ibsamne sodachuurraa madde.

Niitin Kaambil, ''Daataan kee akka agarsisutti gulaantaa hawaasaa adda addarraa namoonni gaa'ila dhaabbatan xiqqaadha. Haata'u malee, kun jaalala sitti hin agarsiisu'' jedhe.

Kuni tarii bakka dargaggoonni Indiyaa gootummaan lolanii, garuu dirree lolaa itti injifatamaniidha.

Maqaan namoota muraasaa eenyummaa isaanii akka hin baramnef jecha geeddarameera.

Rukminii S barreessitu kitaaba haaraa 'Whole Numbers And Half Truths: What Data Can and Cannot Tell Us About Modern India' jedhuuti.