Indiyaatti bofa kobraa akka meeshaa ittiin haadha warraa ajjeesaniitti yeroo gargaaru

Walakkaa ji'a Onkoloolessaa Indiyaa haadha warraa isaa bofa Kobra jedhamuun hiddamtee akka duutu godhe adabbii dachaan irratti darbe.

Suutik Biswasii fi Ashraaf Padanaa taatee ajjeechaa kanaa haala itti aanuun qindeessaniiru.

Ji’a Eblaa wagga darbee keessa dargaggoon ganna 28 Suraaj Kumar Ruuppii 7,000 [$92] bofa adunyaa irraa summii guddaa qabu Kobraaf kaffale.

Indiyaa keessatti daldalli bofaa seeraan aladha.

Haa tahu malee Suraaj Kibba naannoo Keralaa keessatti nama bofa qabuun beekamu Suresh Kumar irraa bitate.

Suraaj boficha kontenera plaastika irraa hojjetame keessa gochuun akka qilleensi galuuf ammo qaawwa itti baasee fudhatee gara manaatti gale.

Guyyooya 13 booda pilaastika sana borsaa keessa gochuun mana isaa irraa fageenya km 44 irratti kan argamu bakka amaatiin isaa jirtutti geese. Haati warraa isaa Utraan bofaan hiddamtee achitti dhoksaan bayyaanachaa jirti.

Suraajii fi Utraan waggoota lama dura karaa namoota gaa’ilaaf walitti fidanii wal baruun gaa’ila dhaabatan.

Suraaj waggoota sadii ishee hangafa. Abbaan Suraaj konkolachisaa yoo tahu harmeen isaa manuma keessa hojjetu.

Utraan ammoo maatii qabeenya guddaa qaban irraa dhalatte. Abbaan ishee haqxuu [rubber] daldala. Harmeen ishee ammoo daariktera mana barumsaa tahuun hojjetaa turanii soorama bahaniiru.

Utraan kana irraa kan ka’e ofii rakkoo barachuu ishee mudateera.

Yeroo wal fuudhan Suraaj maatii ishee irraa kennaa warqee giraamii 768 [gabaa ammaan dolara 32,000 kan baasu] fudhateera.

Dabalataan suzukii tokkoo fi maallaqa calla ruuppii 400,000 fudhateera.

Dabalataan akka ‘mucaa isaanii kunuunsuuf’ maatii ishee irraa ruuppii 8,000 ji’a ji’aan argata ture, akka qorannoon mul’isetti.

Utraan erga bofaan hiddamtee yaalamtee wayyooftee gara mana maatii isheetti deebite. Yaalii irra guyyoota 52 kan turte yoo tahu, bofa summii hamaa qabuuf lafa fakkaatu, kan Indiyaatti kumaatama ajjeesuun beekamuun miilla isheerra hidhamuun ture kan yaalamaa turte.

Bofichi Ruusel kan jedhamu yoo tahu miilla ishee dhukkubbii guddaa qabu bakka hidhhame sana yaaluuf tajaajilli baqasanii yaalii cimaa sadii taasifameeraaf.

Halkan Caamsaa 6, qorattootni akka jedhanitti, Utraan cuunfaa [juusii] summaa’e yookaan nama hadoochuun makame abbaa warrashee Suraaj harkaa fudhatte.

Yeroo isheen dhugdee of dadhabdu Suraaj bofa kobraa dheerina meetira 1.5 tahu sana meeshaa keessa kaa’e keessaa baasuun haadha warraa isaa hirriba keessa galte irratti gadhiise.

Haa tahu malee ishee hidduu diduun irra mucucaate darbe. Ammas Suraaj akka ishee hiduuf itti deebise.

Suraaj yeroo 3ffaa ammas yaale.Boficha waan itin qabuun mataa isaa gara irree isheetti bitaatti gadi qabe.

Kobraan rifate kun bakka lama ishee hidde. Sana booda gara shelfii mana keessatti galuun halkan guutuu achuma bule. Kobraan yoo tutuqxee aarsite malee nama hin hiddu. Suraaj mataa isaa gadi qabuun akka haadha warraa isaa hiddu godhera jedhe Mavish Kumar, qorataan waa’ee reeppitaayilootaa.

Suraaj burcuqqoo ittiin cuunfaa san kennef dhiqe. Ulee ittiin of eeggannoon boficha qabaa tures balleesse.

Bilbilota yakkamaa isa taasisan hunda balleesse, akka qorattootni jedhanitti.

Harmeen Utraa bultee yoo kutaa ciisicha intalashee seentu Utraan ‘’afaan ishee bantee’’ ciistee arguu poolisiitti himte.

Suraajis kuticha keessa jiraachuu himte.

‘Maaliif akka isheen hin dammaqnellee hin ilaalle?‘‘Manimekala Vijayaan abba warraa intalashe kana gaafatte.

‘’Ishee jeequu hin barbaanne,’’ jedhee deebiseef Suraaj.

Maatiin fudhanii hospitaala yoo gahan summiidhaan du’uu ishee hakiimonni himan. Yeroo sana poolisoonni waamaman.

Qorannoon reeffaa madaa bakka lama qaama ishee irra jirus agarsiise.

Irree ishee gara bitaa irra madaa xiqqa lama argame.

Qorannoon dhiiga fi sumudni fudhatame summii bofaa fi summii nama hadoochu biraa qaama ishee keessa jiraachuu agarsiise.

Summiin kobraa maashaa hargansuu laamshessuun sa’atii keessatti nama ajjeesa.

Himata maatii irrati hundaa’uun du’a hin eegamiin Utraa mudateef poolisiin abba warrashee Suraajiin to’ate.

Qorannoo guyyoota 78 booda himata fuula 1,000 qabuun himanni baname. Namootni 90 ogeessota dabalatee ragaa isaanii kennan.

Himannichi raga bilbilaa Suraaj waraabame, interneetii irratti wantoota barreesse, kobraa du’ee mooraa isaa keessaa argame, harca’aa summii konkolata maatii keessaa argame fi bofa kobra bituuf raga si’a lamaan himatichi itti fufe.

Akkasumas jalqaba bofa Utraa hiddee irraa yalamaa turte Ruusel jedhamus Suraaj bituu isaaf ragaan argame.

Suuresh namni bofa qabuun beekamu Suraajitti garagaluun akka bofa si’a lama irraa bite raga irratti bahe.

Ogeessi qorannoo bineensotaan beekamu ammo Kobraan karaa foddaa kutaa ciisichaa uisaanii galuun waan hin fakkaanne tahuu raga bahe.

Inumayyuu himatichi bofa kobraa fayyaa biraa fayyadamamuun, nama bofa qabuun beekamuun yaaliin gaggeeffamee irra deebiin ilaalame. Kunis haala akkamiin taha isa jedhu hubachuuf.

"Halkan kobraan si’ataa miti.Yeroo kobraa akka waa hidduuf irra buusnee ilaallu irruma mucucachuun lafa bu’uun gara bakka dukkanaatti galaa ture,’’ Mavish Kumar.

‘’Inumaayyuu kobraa aarsuun akka hiddu yaallus hidduuf hin yaalle.’’

Morma kobraa san qabee yeroo handaaqoo hidhamtee jirtu tokko akka hidduuf mataasa gadi itti qaban ammo hammi inni hidde madeesseef irree Utraa irra jiru wal qixa tahe.

Abbaan seeraa M Manoj ajjeechaa haadha warraa isaa irratti Suraaj raawwate kana qorachuun hidhaa umurii guutuun akka adabamu murteesse.

Qorattootni ammo ji’a afur keessatti kun yakka jalqabaa ykn lammaffaa osoo hin taane yeroo 3ffaa yaaluu isaati jedhan.

Suraaj baankiif bakka bu’aa tahuun kan hojjetu yoo tahu bara darbe nama bofa qabuun beekamu Suresh qunnamuun ji’a Guraandhala keessa bofa Ruusel jedhamu Ruuppii 10,000 kennuun bitate.

Fuudhee galee qoraan jala dhoksee gaafa Gurandhala 27 ammoo mana keessa gadhiisuun haadha warraa isaa dhaqime bilbila koo naa fidi jedhe gara sanatti ishee erge jedhan qorattootni.

Utraan bofa maramee lafa jiru arguun iyyite jechuun haatishe poolisiitti himte.

Suraaj ol dhufee uleedhaan boficha fudhee bahe. Deebisee meeshaa duraan keessa tursiisetti deebisee kaa’e.

Bitootessa 2 ammas Suraaj irra deebiin yaale.

Nyaata haada warrasaa summese yeroo usheen raftu boficha kutaa ciisichaa ishee keessa gadhiise.

Yeroo kana bofichi waan ishee hiddeef Utraan iyyaa kaate. Baayyee ishee dhukkube. Suraaj boficha karaa foddaa darbate.

‘’Kerala keessatti bofaan hiddamuun waan baramaadha. Kanaaf waan tooftaa akkasii uumama jennee hin yaadne,’’ jedhe Vijayasenan Viidyadharman, abbaan Utraa.

Wagga waggaan bofaan hiddamun namootni 60,000 Indiyaa keessatti ni du’u.

Hospitaala yaala gaarii kennuuf argachuuf sa’a lama erga barbadanii argatanii yaalii argatte. Gogaa ishee bakka sadii kutanii jijjiruun gara qe’ee maatii isheetti deebite.

Suraaj ilma isaa waliin qe’ee warrasaatti hafe. Haa tahu malee ammas irra deebiin waan jalqabe itti fufe.

"Yeroo haati warraa isaa hospitalatti yaaliirra turte, Suraaj interneetii irraa akkatatti bofa qabanii fi summii isaa barachaa ture,’’ jedhe qorataa tokko Anoop Kirishna jedhamu hime.

Qorattootni akka jedhanitti Suraaj erga ilmi isaa Dhruv bara 2019 dhalatee yaalii ajjeechaa kana irra ture.

Interneetii inni fayyadamaa ture yoo ilalamu waa’a summuu bofaa fi viidiyoo waa’ee bofaa himu ilaalaa turuu agarsiisa.

Suraaj akka hiriyoota isaatti himetti haati warraa isaa abjuu isheetti ‘’abaarsa bofaan dararamti.’’ ‘’Bofaan hiddamtee du’uu isheeti’’ kan jedhu himaa ture.

Dhugumaan Suraaj haadha warraa isaa ajjeesuun maallaqa ishee hatuun haadha warraa biraa fuudhuuf murtessuu agarsiisa, jedhan qorattootni.

‘’Itti dhimmee yaalaa turuun yeroo 3ffaa irratti milkaa’e,’’ Apukutan Ashook, hogganaa poolisii garee qorannichaa.

Abbaan alangaa uummataa Mohanraaj Gopalakrishinan ammo dhimmicha ‘’yeroo poolisoonni bineensonni akka meeshaa ajjeechaatti oolfamuu isaanii mirknaa’u kun qorannoo poolsii murteessaa Indiyaa keessatti argame’’ jedhan.

Suraaj yakka hojjeteef adabbii dacha umurii guutuu fudhate. Akka abbaa alngaa jedhetti gara laafina tokkollee hin agarsiifne.