Maatii Booranatti waggoota 18'f bofa Buutii jedhamu waliin jiraatan

Namoota hedduuf bofa waliin mooraa tokko keessa jiraachuu yaa turuu tasa yeroo arganiyyu baayyee nama rifaasisa.

Bofti keessumaa naannoo gammoojjiitti summii hamaa qaban nama yoo hiddan wallaansa atattamaa argachuu baannaan carraan du'uu bal'aadha. Kanaaf, namoonni bofa ni sodaatu.

Maatii Godina Booranaa Aanaa Dirree tokkoof garuu sodaan kun hin jiru.

Waggoota 18 buutiin mooraa keenya keessaa dhabamee hin beeku jedhan jiraataan Godina Booranaa Aanaa Dirree.

Buutiin gosa bofaa garmalee summaa'aafi hamaa ta'edha. Nama hiddinaan carraan lubbuun hafuu xiqqaadha. Hafuura namatti baafannaanuu miila nama dhidhiteessee dhukkuba hamaaf kan nama saaxiluudha.

Godina Booranaa Aanaa Dirree Ganda Melbaanaa kan jiraatan Aab Duubaa Didaa garuu wagoota 18 ta'uuf Buutiin qe'ee keenya keessa nagaan jiraachaa jira jedhu.

" Nuti lafa amma jirru kana eegii qubannee ganna 18 ni taha. Eegii as qubannee Buutii asuma keessa jiraatu. Dalluma keenya keessa gala. Asuma ooltee asuma bultee walumaan yaana," jedhan.

Akka Aab Dubbaa Diidaa jedhanitti Buutiin qe'ee namaa yoo dhufte hin ajjeesan. Sababni ammoo Buutiin haaloo nama baati.

"Hin ajjeefnu. Yoo ajjeefne nama gaafatti. Haaloo nama baati. Amma fakkeenyaaf yoo Buutii amma qe'ee keenya jirtu tana ajjeefne, Buutiin dhibii dhufee nama keenya ajjeesa. Waan kun Haaloo Qumbii Jedhamee beekama," jedhan.

Buutii qe'ee isaanii kana ofiif ajjeesuun yaa hafuu namni biraatuu akka hin ajjeefne irraa tiksina jedhu Obbo Diida. Sababni ammoo yoo ajjeefne balaan nun hanqattu jedhanii waan amananiifi.

"Aammaan dura ijoolleen keenya ilmoo Buutii tokko osoo nuti hin argin ajjeesan. Achumaan Buutiin jibicha keenya tokko hiddee ajjeese," jechuun waan isaan mudate beeku dubbatu.

Waggoota 18 Buutiin qe'ee isaanii keessaa dhabamee hin beekne kanatti nagawumaan waliin jiraachuu malee sodaa akka hin qabnes dubbbatu. "Sodaa hin qabnu, waaqatu nurraa dhoowwa," jedhu.

Buutiin amma qe'ee isaanii jiru kun furdina bofa caaluufi dheerina dhundhuma lama tahu kan qabu akka ta'es himu.

Gabaasa walitti dhihaatan: