Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Indiyaatti namoonni miliyoona tokkoo ol bofaan hiddamanii du'an
Indiyaatti ganna 20 dabre keessatti tilmaamaan namoonni miliyoona 1.2 tahan bofaan hiddamanii lubbuu dhabuu, qorannoon tokko ifoomse.
Miidhamtoota lubbuu dhaban keessaa walakkaan umuriin isaanii ganna 30 hanga 69 gidduutti kan argamuufi nuusni isaanii daa'immani.
Gosoonni bofaa kobiraa, kiriyaatis fi vipiyeers jedhaman namoota hedduu hiddanii ajjeesuun beekamu.
Iddoo saffiisaan mana yaalaa dhaquun hin danda'amnetti sanyiin bofaa kun lubbuu namaa baasuu. Bofti heddumminaan luka namaa hiddee nama miidha. Kan laamsha'anii hafanii hafan akkuma jiran, lubbuu namaas ni galaafatu.
Namoonni harka walakkaan isaanii ji'oota jiidhinsi jiru Waxabajjii amma fulbaanaa gidduutti bofaan hiddamu.Harka caalu qonnaan bultootatni bofaan hiddamu.
Sanyiin bofa balafamoo ta'an kunis Indiyaa dabalatee, biyyoota kibba Eeshiyaatti kaanittis faca'aanii argamu.
Qorannoon barruu open access jedhamurratti maxxanfame tokko bofti lubbuu namoota miliyoona caalanii akka galaafatu ibse.
Bofti hamaan kiriyaat jedhamu amma 1.75m kan dheeratu wayita ta'u, guyyaa guyyaa ni ripha, halkan garuu dammaqinsa waan qabuuf nama hidduun beekama.
Bofti namoota hidduudhaan dhiigni qaama keessatti dhangala'uu ka'uumsa ta'a, kanaaf muddamaan wal'aansi barbaachiise.
Qorannoon bahe kun akka heerutti yoo ta'e, biyyatti keessatti namoota 250 keessaa namni tokkoo otoo umriin isaanii ganna 70 hin guutiin bofaan hiddama.
Iddoowwaan kaanittimmoo namoota 100 keessaa nama 1 bofti hidda. Namoota bofti bara 2001-2014 hidde keessaa harki 70 kutaalee biyyatti 8 keessa kanneen jiraatani.
Qorannoon kun akka gorsutti qonnaan bultootni wayita callaa argatan sassaabbatan gilaavii ,ibsaa fi kophee miilasaanii balaa kanarraa ittisutti akka fayyadaman gorsa.
DHaabbanni fayyaa addunyaas bofaan hiddamuun dhimma ammatti xiyyeeffannoo argate ta'uu ibseera.
Addunyaa keenyarratti namoonni 81,000-138,000 ta'an waggaa waggaan bofatu hiddee ajjeesa. Namoonni bofti hiddee kanneen lakkoofsaanii dachaa namoota du'aanii ta'an sababa kanaan laamsha'anii hafu.