Bofti gurguddaa lama baaxiin manaa ittiin jigee abbaa manaa rifachiisan

Awuustiraaliyaa Quwiinslaanditti namichi gaaf manatti ol galu bofa gurguddaa 'paayitan' jedhamu lama baaxii mana isaa cabsanii ol lixaniin wareere.

Deevid Tatii bofa lamaan tokko kutaa ciisicha, tokko ammoo haga ykn kutaa taa'umsaa keessatti arge.

Bofti gurguddoo lamaan kun walumatti kiiloogiraama 22 ulfaatu.

Bofti tokko meetira 2.8 dheerata, inni hafe tokkommoo meetira 2.5m kan dheeratu wayita ta’u, bantii/baaxii mana cabsanii mana keessa bu'an.

Bofti lamaan bofa dhaltuu bakki jirtu hin baramiin irratti osoo wal lolanii tasa baaxiin ittiin jiguu akka hin oolle yaadama.

'Duraan bofa aduu qaqqammatuun manarratti argee turee, wayitan deebi’u minjaala kushinaarratti bofa guddaan arge' jedhee dubbate abbaan manaa bofti akka malee naasise kun.

Tatiin namoota bofa qabanii iddoo biraatti geessanitti battalumatti bilbilee waammatee manasaatii baasise.

Ogeessii bofa qabee iddoo biratti geessuun naannichatti beekamu Istiiv Biraawoon jedhamu wayita waamamee dhaqetti akkas jedhe 'bofti kun lamaan isayyuu haala hin baratamneen dhedheeroodha' jedheera.

Deevid Tatii bofa ofisaatiif manasaa keessaatti arge baasuuf hin yaalle.

Biyyatti keessatti waqtiin gannaa yeroo bofti wal horuu ta’uusaa kaasuun, wayita haalli hoo’insa dabalu qofa bofti dammaqaa akka ta’ellee ogeessi bofa qabuun iddoo biraatti geessuun beekamu BBCtti himeera.

Aab Birawoon akka gorsaatti waanti dubbates, namni tasa yoo bofa arge bakkuma jiru dhaabbatee dabarsuu qaba jedhe.

Bofti hundi balaa isatti dhufu jalaa miliquu malee nama akka diinaatti hin ilaalus jedha.