Caba dubartii gaa'elaan ala deesse jedhamuun beekamtiishee malee daa'imnishee guddisa kennamee

Dubartiin Indiyaa tokko barbaachasheen mucaashee jalaa bade waggaa tokkoof taasisaa turte dhiheenya kana mana murtiitiin mucaashee argachuun xumura argate.

Attamiin karaa mana murtiin mucaashee argachuu dandeessee?

Sowustiik Biiswaas fi Ashiraaf Paadaanaan dhimma namoota hedduu aarseefi gama siyaasaatiinis xiyyeeffannaa olaanaa argate kana gabaasan.

Kutaa kibba Indiyaa bulchiinsa Keeraal jedhamutti abbaafi haatii warraa mucaasaanii badee akka deebi'uuf karra waajjira ejjansii guddiiffachaa tokko fuuldura torban lamaa oliif gaafataa turan.

Abbaafi haatii warra kunis roobaafi aduun osoo isaan hin dhorkiin karra irra dhaabbatanii mucaansaanii akka deebi'uuf gaafataa turan.

Yoo galgalaa'u konkolaataa isaanii keessa bulan. Borumtaaaas akkasuma godhu.

Haatii kun dhaadannoo ''mucaa keenya nuuf deebisaa'' jedhu qabatee jirti. Maatiinshee hayyamashee malee mucaashee guddifataaf akka kennan dubbatti. Kana abbaanshee hin fudhatu.

Bara darbee Onkolooleessa keessa ture haati kun mucaashee hospitaalaatti nagaan kan deesse.

Dubartiin waggaa 22 kun nama falmaa mirga namoomaa ta'e umuriin isaa waggaa 34 Ajiit Kumar jedhamuuf deesse.

Namni kun kanaan dura gaa'eela kan qabu ta'usaafi isheenis gaa'elaan ala nama dubartii biraa fuudhee qabuuf da'uunsheef hawaasa keessaa loogiin irra gahuu dubbatti.

Walitti dhufeenyi lamaansaaniifi isaaf ulfaa'uun ishee ammoo maatii keessatti jeequmsa olaanaa uumee ture.

Indiyaa keessatti gaa'elaan ala da'uun akka qaanii cimaatti fudhatama.

Kana malees, dhimmichi akka wal xaxaa ta'u kan taasise Amupaamaan maatii hawasa Indiyaa keessaa warra sadarkaadhaan olaanaa ta'e irraa dhufuusheefi jaalalleen ishee Ajiit ammoo gosa sadarkaa gadaanaa ta'uun beekaman irraa kan dhalate ta'usaati.

Hawaasa kanneen jidduutti fuudhaafi heerumni kan dhorkameedha.

Haata'u malee, jarri lamaanuu sadarkaa garaagaraa irra dhufanilleen maatiin isaanii jireenya jidduugaleessa ta'e jiraatanis maatiiwwan yaada fooyya'aa qabu jedhaman keessatti ramadamu.

Maatiiwwan lamaanuu Paartii Kominisitii bulchiinsicha bulchu kan cimsanii deeggaraniidha.

Keeraalaan bulchinsa bu'uura Kooministii cimaa jedhan keessaa tokko.

Abbaan Anupaamaa hojii gaggeessaa baankii, akkasumas duree paartii naannichaati. Akkayoowwan ishee ammoo miseensoota mana qopheessaafi deeggartoota waldaa hojjattootaa beekamoodha.

Gosa barnootaa Fiziiksiin kan eebbifamte Anupaamaan wayita kolleejjii turteetti gamtaa barattoota Paartii Koministii hogganuun dubartii duraa turte. Ajiit ammoo duree damee dargaggoota paartichaa ture.

Kan guddatan manadara tokko keessatti yoo ta'u, kan wal arganis Paartii Koministii keessa wayita hojjatan ture. Waggaa sadiin duras waliin jiraachuu eegalan.

Ajiit yeroo sanatti haadha warraasaarraa adda bahe; kan adda baheefi gaa'ela isaa duraa irraa ilmoo hinargane ture.

''Jalqaba wayita wal agarreetti jaalalaan qabamne hinturre. Hiriyyaa taanee jalqabne. Isaan booda waliin jiraachuuf murteessine,'' jetti Anupaamaa.

Bara darbe ammoo waan ulfoofteef ilma godhachuuf murteessan. ''Ilma godhachuuf shakkii omaa hinqabnu turre. Warra ta'uuf qophii turre,'' jetti.

Oduu isaa maatiisheetti kan himte dahuudhaaf baatiin tokkoofi torban lama yoo hafu ture. Maatiin ishee baayyee nahan.

Da'umsaaf qophii akka taasiftuuf gara manaatti akka deebiituuf amansiisuuf yaaluu qofaa osoo hintaane, jaalallee ishee Ajiit akka hinagarreef dhorkan.

Anupaamaa deessee hospitaalaa yoo baatu maatiinshee isheefi ilamashee gara manaatti fudhachuuf dhufan.

Yeroodhaaf mana firaa turtee cidhi obooleettiishee kan baatiin sadii hafee yoo xumurame akka deebitu itti himan. Kanas kan godhan keessuummaan cidhaaf dhufu waa'ee mucaa haaraa akka hingaafanneef jecha ta'uu itti himan.

Anupaamaan akka jettutti, akkuma hospitaalaa bahaniin abbaanshee konkoolaataan mucaashee gara biraa geessan. ''Mucaashee bakka gaarii booda itti argachuu dandeessuu geessaa jiraachuu natti hime,'' jetti.

''Mucaan kiyya yeroo gabaabduuf madda gammachuu kiyya ta'ee ture ni bade,'' jetti.

Baatiiwwan lamaaniif mana lamaan jidduu deddeebitee akka jiraattuuf deddebisaa kan turan yoo ta'u, dhumarrattis akkawoo ishee magaalaa irraa fageenya km 200 irratti argamaniitti geessan.

Gaa'ela obbooleettiishee irratti argamuuf gara magaalaa wayitatti deebituuttis mucaashee argachuu hindandeenye. Ajiitiif bilbiluun mucaan isaanii baduu itti himte.

Maatiinshee mucaashee guddifachaaf kennuus barte. Maatiishees arguu hinbarbaadu jechuun Ajiitiifi maatiisaa waliin jiraachuu eegalte. Mucaasaanii barbaachas itti fufan. Barbaachisaa salphaa hinturre.

Hospitaala deemuun waraqaa ragaa mucaasaanii wayita baasanitti kan galmaa'ee maqaa abbaa mucaa Ajiit osoo hintaane maqaa nama hinbeekamnee ta'uu mirkaneeffatan.

Jalqaba mucaansaanii badeera jedhanii galmeesisuu wayita deemanittis poolisiin isaan dhagahuuf fedhii hinqabu ture.

Siriiyyuu abbaanshee Anupaamaan mana maatiitii baddee jirti jechuun himannaa banan qorachaa jiraachuu itti himan. Baatii Adooleessaa keessa poolisiin waan ajaa'ibaa isaanitti hime.

Abbaanshee akka jaalattee ilmashee guddifachaaf kennite poolisiitti himuu itti himan.

Abbaafi haatii warraa dhimmichi bitaa itti galees komiisaanii kana paartii biyya bulchuu, ministira mummee, ejjansii guddifachaafi poolisii bulchiinsaatti galfatan.

Kana malees, ministirri aadaa bulchiinsaa Saajii Cheeriyaan ''maatiinshee kan namni hundi godhu raawwatan'' jechuun buufata oduu tokkootti erga dubbatanii booda, abbaanshee maqaa balleessite jirti jechuun poolisiitti komii dhiyeeffatan.

Baatii darbe keessa Anupaamaafi Ajiit miidiyaatti dhiyaachuun seenaa isaanii dubbatan.

Yeroo sana ture dhimmichi kan xiyyeeffannaa namoota siyaasaafi qondaaltootaa kan argate.

Dubartiin miseensa mana mareefi miseensa paartii mormituu taate Kekee Raamaa mana maree naannootti dhiyaachuun ''biyattii keessatti yakkawwan akka ulfinaatti ilaalaman keessaa tokko kana'' jette.

Itti dabaluunis ''yakka kabajaa caasaalee mootummaatiin raawwatame'' jette.

Abbaan Anupaamaa S Jeeyaachaandiraan gama isaanitiin gochaan isaanii sirrii ta'uu morman.

''Waan akkasii mana keenya keessati yoo dhalatu maal haa goonuu?

Muciicha bakka Anupaamaan barbaadduttin dhiise. Mucicha kunuunsuufi eeguu hindandeessu turte. Nutis eeguu hindandeenyu,'' jechuun maddeen oduutti himan.

"Anupaamaan abbaan mucaa nama haaha warraa qabu jettee jirti. Osoo kana natti himtuu attamiinan intala kiyyaafi mucaashee isa waliin dhiisuu danda'a?

Anupaamaa erga deesseen booda fayyaa sirrii irra hinturre. Kanaaf, mucaashee akka kunuunsaniif ejjansii guddifachaatti imaanaa kenneera,'' jedhan.

Kana malees, maatii mucaa ''seeraan alaa'' attamiin tursiisuu danda'a jechuun gaafatu. Muciicha ejjansii guddifachaatiif dabarsanii kan kennan gorsa Paartii Kominisitiifi oggeessa seeraa erga fudhataniin booda ta'us ibsan.

Qophheessaan TV ergaa intala isaaniif dabarsan yoo jiraate gafaannaan ''ishee irraa omaa dhagahuu hinbarbaadu,'' jedhan.

Booda namoonni hedduun aariisaanii ibsachuu hordofuun poolisiin maatii Anupaamaa dabalate, obbooleettii, obboleessa, abbaa manaa obbooleettiishee, walumaagalatti namoota jaha irratti himannaa bane.

Himannichis ukkaamsuu, buttaafi waliin dhahuu kan jedhu yoo ta'u, hundinu himanicha waakkatan.

Erga dhimmichi gara mana murtiitti dabarfameen booda, manni murtii ammoo abbaafi haadha warraa bulchiinsa Piraadeesh keessa jiraataniif mucaa karaa ejjansii guddifachaatiin kennaameefii qorannoo qaccee sanii (DNA) akka taasifamu ajaje.

Maatiin mucaa guddifatanis bulchiinsa Piraadeshii irraa gara Tiraavaandiram akka dhufan taasifaman.

Dhiheenyattis qacceen sanyii Anupaamaafi Ajiiti kan ilamasaanii waliin akka walfakkaatu itti himame.

Mucaasanis dhaabbata deeggarsaa bakka jireenyaa daa'imman yeroof keessa turan keessatti yeroo gabaabduuf argan.

Namoonni seeraan ala mucaa kana dabarsan hanga yakka raawwataniif adabamaniitti mormiisaanii akka itti fufan dubbatan.

Manni murtichaas erga qaccee sanyii qorateen booda mucichi torban darbe keessaa maatiisaa waliin waliitti akka makamu taasise.

Haati warraafi abbaan warraa kunneenis waggaa baayyee rakkiisaa ture jedhu.

Anuupaam waggaa tokkoo oliif waa'e mucaashee dhiphachaa turte.

''Eenyu waliin akkan jiraadhuufi ilmoo godhachuuf filachuun mirga kiyya miti? jechuun gaafatti.