Ijoollummaan dandeettii muuziqaan beekamtii guddaa kan qabdu Ruut umurii ganna 97n albama haaraa gadhiisuuf

Ijoollummaa isheen muuziqaa taphachuun kan beekamtu Ruut Islenkiniskaa, umurii ganna 97n albama haaraa gadhiisuuf jetti.

Piyaanoo taphachuun kan beekamtu Ruut, umurii ganna afuriin hojii muuziqaa jalqabaan kan mul'atte yoo tahu, sirba 'My Life In Music' [Jireenyako Muuziqaa keessaatti' jedhu bara darbe waraabdee ture.

Pirojekticha ''waan addaa'' ture jechuun, ''namni umuriikoo kanaan nama piyaanoo taphatu arge albama haaraa baasaa?'' jette.

Islenkiniskaa Sanbata kana waggaa 97 guutti. Albamni ishee haaraan ammoo Bitootessa 18 gadhiifama.

Erga bara 1920 as piyaanoo taphachuun kan beekamtu Ruut, erga Moozaartiin as ijoollee muuziqaan dandeettii ajaa'ibaa qabdu jedhamuu jajamaa turte.

Konsartiin ishee jalqabaan booda ''akka malee hawwaataadha'' jechuun kan barreesse New Yoork Taayims, ''uumamni kennaa ishee waan addaa tokko nuuf oomishte,'' jedhe.

Hojii ishee jalqabaa Berilinitti umurii ganna jahaan kan lammmataa ammoo umurii ganna torbaan Paarisitti agarsiifte. Yeroo sana meeshaa muuziqaa taphachuun adunyaa irratti kan beekamaa ture lammii Raashiyaa Rachmaninoff irraa kennaa faaya mormaa fudhatteetti.

Namootni ishee barsiisan hedduun baay'ee beekamoodha. Jooseef Hoofmaan, Alfireed Kortoot, Egon Petrii, Artur Shaabel fa'aa namoota isheen irraa barattedha.

Kana malees, prezidaanti Haarii S Tiruumaan waliin gaafa Pirezidaanti Joon F Keneedii aangoo qabatu piyaanoo Moozaart harka hafuriin taphatamu haalaan taphatteetti.

Sana boodas pirezidaant Roonaald Reegaan dubartii Ameerikaa jalqabaa konsartii qopheessuun waggaa 50f hojjette jedhamuun beekamtii argatteetti.

Ijoollummaa ishee darbe

Ruut, Kaalifforniyaa keessatti dhalattee guddatte. Abbaan ishee Vaayoolinii taphachuun beekama. Waraana Adunyaa Tokkooffaa irratti osoo hin madaa'iin dura hogganaa Paarkii Waarsaw tahuunis hojjechaa ture.

Gara Ameerikaatti erga imalee ammoo nama muuziqaa jabduu adunyaa guddise. Intalli isaa Ruut dhalattee osoo hin turiin meeshaa Piyaanoo taphachuun ykn vaayoolin taphachuun nama jabduu akka taatu hojii jalqabe.

Umurii ganna sadii taatee waa'ee muuziqaa hubatte. Garuu abbaan ishee bakka adda addaatti geessee akka agarsiisaniifi shaakala taasisan gochuun isaa dhiphina keessa ishee galchuun yeroo ganna 15 guuttu agarsiisa muuziqaa keessaa baate.

Seenaa jireenya ishee bara 1957, Forbidden Childhood' jedhu barreesite irratti abbaan ishee nama akkaan waan adda addaa irraa ishee daangessu tahuu himte.

''Sababii namootni tapha piyaanookoo dinqisiifataniif waan salphaa tokko waan jiruuf,'' jette kan barreesite Ruut, ''abbaan koo guyyaa tokko keessatti yeroo hundumaa sa'aatii sagal na shaakalsiisa,'' jette.

"Osoon mallattoo akkuma daa'ima xiqqaa akkasumaanii tokkoo ashaangulliitii [dol] obbolaakoon taphadhe, yoon wace, oliif gadi utaalee ijoollee ollaa waliin taphadhe, abbaankoo dhufee, waan akkasii kan ijoolleeti! Ati daa'ima miti. Ati nama muuziqaati. Ijoollee kanaafi tapha isaanii gatii hin qabne keessaa dafi bahi amma. Kun yeroo gubuu qofadha. Akka shamarree guddatte tokkootti of ilaaluu qabda,'' na jedha ture jette.

Konsartii ishee erga haqxrr booda abbaa ishee irraa guutummaan adda citte. Barnoota saayinsii xiinsammu Yuunvarsiitii Kaalifoorniyaatti baratte.

Haatahu malee, piyaanoo taphachuu takkaayyuu hin dhaabne. Bara 1951 ammas irra deebiin konsertii qopheesite. Sana booda waggoota afuriif Artur Fiilder waliin wal morkachuun garee muuziqaa Boostan waliin daawwannaa gochaa waltajjii irratti hojii isaanii agarsiisaa turan.

''Jalqaba irratti Fiilder yeroo waltajjiitti bahu namootni ka'uun isa simatu ture. Ana garuu hin simanne,'' jechuun bara 1999 himte. ''Waggaa sadaffaatti anis hordoftoota koo argachuun jalqabe, akkatti waltajjii qabatan nan bare, akkamiin akka si beekan akkatti godhamun hubadhe,'' jette.

Dhuma irratti konsartiin tokko Chiikaagootti qophaa'e. Achi irratti namni qeeqa kennu tokko Fiidler nama ishee morkatu dhiisee ishee galateeffate. '' Shaampeenii fi biiraa wal faana hin fayyamaman,'' jechuun garaagarummaa namoota lamaan gidduu hime.

Sana boodas Ruut duubati osoo hin deebi'iin hojii agarsiisa muuziqaa ishee itti fufte. Bara 1961 ammoo kitaaba haaraa 'Music at Your Fingertips' jechuun Muuziqaa Fiixee Qubakee irratti,'' jedhu barreessite. Kitaabichis fudhatama guddaa argateera.

Ruut hojii muuziqaa keessa waggoota 90 ol turte. Hojii ogummaa tokkoon namni hojii tokko keessa itti fufinsaan hamma kana turu hin argamu. Amma ganna 97ffaa isheetti alabama haaraa gadhiisuuf jetti.