Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sirna haqaa: Adeemsa himata Obbo Jawaar Mohaammadiifi kanneen biroo
Guyyaa Jimaata kaleessaa Ayyaanni Qillee Itoophiyaatti kabajamaa jiruu mootummaan Itoophiyaa hogganoota siyaasaa KFO, Baaldaraasiifi hoggantoota TPLF dhiifamaan hiikuu beeksiseera.
Hiikamuu isaanii dura waggaa tokko oliif finciltoota Tigraay waliin Kaaba biyyattiitti lolarra kan turan MM Abiy Ahimad dhimma araaraafi dhiifamaa ibsa baasaniin akeekaniiru.
Adeemsi seeraa Obbo Jawaar Mohaammadiifi kaan garuu maal keessa darbe?
Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa hordofee Adoolessa 1, 2020 to'annoo jala kan oolan Obbo Jawaar Mohaammad, hidhaa guyyoota 530 ol booda gadhiifamaniiru.
Adeemsi himataa isaanii waggaa tokkoo ol lakkoofsisees dhimmoota hedduun kan dabaalame ture.
Jawaar Mahaammad fi eegdota isaanii dabalatee namootni 35 sirna gaggeessaa reeffa Artiist Haacaaluu Hundeessaa irratti reeffa humnaan gara magaalaa Finfinneetti fedha maatii malee deebisan jedhamuun ture to'annoo jala kan oolan.
Yeroo sanatti Komishinarri Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa ''Reeffi haaluma gaaffii maatiitiin hospitaala Phaawuloosii baafamuun gara Ambootti osoo gaggeeffamaa jiruu fedhii maatiin ala erga Buraayyuu gaheen booda gara Finfinneetti akka deebii'u taasisan" jechuun miidiyaaleef ibsa laatan.
''Kana Jawaarfaatu raawwate. Kanaan shakkamani to'ataman... namni kamuu seeraa ol miti'' jechuunis himan.
Dhaddachawwan jalqabaa…
Obbo Jawaar Mahaammadfi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee namootni isaan walin qabaman kunneen biroon jalqaba dhimmi isaanii Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa dhaddacha ramaddii Araadaatti (argamaan garuu Lidataatti) ilaalamaa ture.
Wayita mana murtiitti dhiyaatanittis qorataan Poolisii Federaalaa Obbo Jawaarfaa yakkoota afuriin shakkamanii to'annoo jala ooluu hime.
Isaanis ajjeechaa poolisii humna addaa Oromiyaa tokkoo, sabaa fi sab-lammii walitti buusuuf yaaluu, aanga'oota mootummaa ajjeesuuf yaaluu fi reeffi Haacaaluu Hundeessaa gara Amboo akka hin deemne ugguruu kan jedhan ture.
Gama biraatiin Obbo Jawaar Mahaammad sababni isaan ittin hidhaman dhimma mana murtiin ilaalamuu qabu osoo hin taane, sababa siyaasaa waltajjii siyaasaan furamu ta'uu irra deddeebiin dhaddacharratti himaa turan.
Kana malees hidhaan isaanii ta'e jedhamee filannoo keessaa isaan hambisuuf raawwatamaa kan jiru akka ta'es dubbataa turaniiru.
Kopha kophaa hidhamuu Obbo Baqqalaa Garbaa fi Jawaar Mohaammad…
Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqalaa Garbaan to'annoo jala erga oolanii booda ji'oota lamaa olif kopha kophaatti hidhamanii turan.
Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa ramaddii Araadaatti dhaddacha Fulbaana 2, 2020 oolen Obbo Baqqalaa Garbaa "Kophaa keenya hidhamnee jirra. Guyyaas galgalas nutti cufamee turra. Namoota walin akka wal hin agarree taasifamaa jira. Mana fincaanii yeroo deemnulle iddoon itti turru ni cufama" jechuun manni murti furmaata akka laatuf gaafatan.
Abbaan alangaa immoo qabiinsi isaanii fooyyee akka ta'e fi kophaatti hidhamuun waan seerota idil-addunyaarra kaayame ta'uu himuun mormee ture.
Haa ta'u malee manni murtichaa namoota balleessaan isaanii hin mirkanoofne kophaatti adda fooyanii hidhuun mirga bilisa ta'anii ilaallamuu isaanii kan sarbu, akkasumas rakkoo qaamaa fi xinsammuu kan fidu akka ta'e himuun "shakkamtootni akka wal argan yaa taasifamu, ifa aduu fi qilleensa akka argatanis yaa taasifamu" jechuun ajaja kennuunsaa ni yaadatama.
Himata Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24 irratti baname…
Galmeen qorannoo duraa erga xumuramee booda Abbaan Alangaa Waliigalaa (kan amma Ministeera Haqaa ta'e) Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee namoota 23fi miidiyaa OMN irratti Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti himata bane.
Namootni galmee Obbo Jawaar Mahaammadin waamamu jalatti himataman kunneenis, Jawaar Siraaj Mahaammad, Baqqala Garbaa, Hamzaa Adaana, Guutuu Mul'isaa, Dajanee Xaafa, Mastawaard, Arafaat Abubakar Kadir, Amaan Qaalluu Baatii, Alamaayyoo Galataa, fi miidiyaa OMN.
Akkasumas Dajanee Guutamaa, Mallasa Dirribsaa, Shamsaddin Xahaa, Boonaa Tibilee, Birhaana masqal Abbaba, Tsaggaaye Raggaasaa, Ajajaa 50 Yaalamwarq Asaffaa, fi Saajin Olaanaa Geetuu Tarrafa.
Dabalataan, Ajajaa 10 Taamiraat Huseen, Saajin Olaanaa Bashir Huseen, Ajajaa 50 Sabbooqaa Qaaqoo, Ajajaa 50 Kennee Duumechaa, Ajajaa 50 Daawit Abdataa fi Boggaala Dirribsaa dha.
Seerotni ittiin himatamanis:
- Seera Yakkaa A L I bara 1996 bahe Keewwata 240 cabsuudhaan walitti bu'insi sabaafi amantii bu'uura godhate kakaasuudhaan inni tokko isa kaan irratti akka ka'u gochuudhaan,
- Labsii yakka shororkeessummaa ittisuufi to'achuuf bahe lakkoofsa 1176/2012
- Yakka burjaajii telekoomii lakkoofsa 761/2004 fi
- Labsii bulchiinsa to'annoo meeshaa waraanaa lakkoofsa 1177/2012 cabsuudha.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Damee Lidataatti dhaddachi Farra Shororkaa fi yakkoota dhimma heeraa tokkoffaa Amajjii 2021 himatawwan namoota galmee Obbo Jawaar Mahaammad keessatti argaman irratti banaman kudhan keessaa jaha kan labsii bulchiinsa fi to'annoo meeshaa waraanaa 1177/2012 bu'uura godhachuun dhiyaatan hundi akka addaan citan murteessuunsaa ni yaadatama.
Uffata keelloofi hidhamuu deeggartootaa…
Namootni hidhamuu Obbo Jawaar Mahaammadfi namoota isaan waliin himataman biroo morman uffata halluu keelloo qabu (halluu uffata hidhamtootni mana sirreessaa beellama mana murti qaban uffatan) uffachuun Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti dhaddacha hordofaa turan.
Sosochiin uffata halluu keelloo qabu uffachuu (Yellow movement challenge) marsaalee hawaasaa irrattis qoodamaa ture.
Haa ta'u malee dhaddacha Amajjii 27, 2021 tureen poolisiin namootni uffata halluu keelloo qabu uffachuun dhaddacha hordofuuf gara mana murtichaa deeman gara qe'ee mana murtii akka hin seenne dhorke.
Dabalataan gaazexeessituu Masarat Dhaabaa dabalatee namootni biroon uffata halluu keelloo uffachuun gara mana murtii imalan guyyoota afuriif erga hidhamanii booda wabii birria 700 hanga 1000tin gadhiifamaniiru.
Dhaddacharraa hafuu Obbo Jawaar Mahaammadfaa…
Dhaddacha Waxabajjii 28, 2021 oolen dhaddacharratti kan hin argamne Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaanafi Obbo Dajanee Xaafaa mana murtiitti dhiyaachuuf fedhii akka hinqabne iyyata mana sirreessaatiif erganiin himanii ture.
Iyyatni isaaniis "murteen Manneen Murtii qaama seera raawwachiisuun kabajamaa hin jiru. Namootni mana murtiitiitin bilisa jedhaman deebi'anii hidhamaa jiru. Qaamni raawwachiistuu hanga seera hin kabajnetti mana murtiitti hin dhiyaannu," kan jedhu ture.
Manni Sirreessaa Qaallittiis himatamtootni afran "fedhii isaaniitin hin dhiyaannu waan jedhaniif isaan dhiyeessuu hin dandeenye" jechuun barreeffamaan mana murtiitti himeera.
Manni murtichaas dhaddacha Adoolessa 28, 2021 oolen himatamtootni afran "fedhiisaaniitin mirga heeraan kennameef fayyadamuu waan hin barbaadneef dhimmisaanii iddoo isaan hin jirretti yaa ilaallamu" jechuun jalamurtii kennee ture.
Abukaatootni himatamtootaas jalamurtii kana mormuun Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti oliyyachuunsaanii ni yaadatama.
Jawaar Mahaammad eenyu?
Jaawaar Mohaammad abbaa Musliimafi haadha Kiristaana irraa bara 1986tti magaalaa xiqqoo Dhummuugaa jedhamtu keessatti dhalate.
Bara 2003ttis carraa barnoota biyya alaa argateen gara Singaapooritti imale.
Waggoota lamaan booda ammoo gara UStti darbuun Yunivarsitii Standford irraa saayinsii siyaasaatiin digrii isaa jalqabaa argate. Itti aansee ammoo Yunivarsitii Kolombiyaa irraa bara 2013'tti digrii lammaffaa isaa gosa barnootaa 'Human Rights' ykn mirga namoomaan argate.
Jireenyi isaa biyya Ameerikaa kan ture gameessi siyaasaa kun, gaaffiifi deebii bara 2013'tti Dhaabbata TV Al-Jaazeeraa waliin taasiseen akka sabboonaa Oromootti gurra horate.
Yaadnisaa "'I am an Oromo first' yookaan 'Ani dursa Oromoodha' - Itoophiyaan humnaan natti fe'amte" jedhus deeggarsafi qeeqa hedduu keessummeesse.
Jawaar rogeeyyii kaan waliin ta'uun kutaalee Ameerikaa gara garaa keessa naanna'uun diyaaspoora dammaqsuufi galii walitti qabuun bara 2013tti Miidiyaan OMN akka hundeeffamu taasise.
Mormii uummataa bara 2015 keessa dhohee waggaa sadiif itti fufefi Ministirri Muummee Hayilamaariyaan Dassaaleny akka aangoo gadi dhiisuuf dirqisiisee keessattis shoora olaanaa qaba ture.
Jijjirama bara 2018 hordofees gara biyyaatti deebi'uun waajjira muummee OMN magaalaa Finfinneetti gadi dhaabe.
Boodarras gahee Daayrektara Olaanaa OMN gadi dhiisuun paartii Koongirasii Federaalawaa Oromootti /KFO/ miseensummaan makame.