Manni murtii gaaffii beellamaa Jawaar Mohaammad fa'i 'waggaa lama booda akka qabamu gaafatan kuffise'

Qondaaltonni paartii mormituu Jawaar Mohaammad fa'i labsii farra shororkeessummaafi kaaniin himatamanii jiran beellamni isaanii waggaa lama booda akka qabamu mana murtii gaafatan.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa guyyaa har'aa gaaffii Obbo Jawaarfaan gaafatan kuffisuu abukaatoon isaanii BBC'tti himaniiru.

Galmee Obboo Jawaar mohaammad fa'a jalatti namoonni himataman har'a mana murtii olaanaa federaalaa dhadhacha Lidataatti dhihaataniiru.

Abukaatota isaanii keessaa tokko kan tahan obbo Tuulii Baayisaa, beellamni har'aa kuni bu'aa ajaja murtii manni murtii waliigalaa federaala kenne irratti hundaa'ee dhimmasaanii ilaaluuf ture.

Guyyaa kaleessaa manni murtii waliigalaa dhimma dhaddacha cufaafi golgaa duuba jedhuurratti abbaan alangee mana murtii olaanaatti akka ragaa isaa dhiheessu ajajee ture.

Abukaatonni immoo murtee mana murtii mormuun mana murtii ijibbaataa akka deeman himanii turan.

Haa ta'uutii garagalchi ajaja kanaa mana murtichaa waan hin geenyeef jecha dhimmicha osoo hin ilaalin hafeera jedhan.

Beellama har'aa kanarrattis obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee himatamtoonni 20 mana murtii olaanaa federaalaa dhadhacha Lidataatti qaamaan argamaniiru.

Akkaatuma kanaanis manni murtichaa dhimmicha ilaaluuf beellama biraa Caamsaa 18, bara 2013'tti qabateera.

Guyyaa har'aa himatamtoota keessaa Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa fi Obbo Dajanee Xaafaa dhadhacha kanarratti mana murtichaa eeyyamsiisuun yaada kennaniiru jedhan Obbo Tuuliin.

Himatamtoonni kunneenis dhimmi keenya 'mana murtiitiin osoo hin taane murtii siyaasaa kan barbaadu waan ta'eef' mana murtiitti deddeebinee yeroo keenya, kan abbootii seeraa, kan abbootii alangaa, fi kan abukaatotaa gubuurra beellamni dheeraan waggaa lamaa nuuf haa kennamu jechuun mana murtii gaafataniiru jedhan.

Filannoon darbee mootummaan yoo tasgabbaa'e dhimmi keenya A.L.I dhuma bara 2015 yookan jalqaba bara 2016'tti nuuf yaa ilaalamus jedhan.

Dhimma koloneel Gammachuu fi himatamtoota biroo akka fakkeenyaatti kan kaasan Obbo Jawaarfaan, manni murtii kuni osuma bilisa nuun jedheeyyuu mootummaan nu gadhiisuuf hin jiru jedhanii jedhan Obbo Tuuliin.

Guyyaa Kibxataa manni murtii Koloneel Gammachuu Ayyaanaan fa'i bilisaan gadhiisuus poolisiin isaan to'achuu abukaatonni isaanii turan.

Obbo Jawaar Mohaammad fa'i dhimmi isaanii mana murtiin osoo hin taane furmaata siyaasaa akka barbaadu yoo dubbatan kuni yeroo duraaf miti.

Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa hordofee poolisiin yakkaan shakkee qabuu himuus isaan 'filannoo keessaa nu hambisuuf to'atamne' jechuun dhaddachatti dubbataa turan.

Yeroo ammaa dhimma isaanii manni murtii ilaalaa kan jiru yoo ta'u yakka itti shakkamanii to'ataman hin raawwanne jechuun jechaa isaanii mana murtiif kennaniiru.

Kana booda abbaan alangee ragaa akka dhiheessu ajajameera. Haa ta'u malee, akkaataan ragaan itti dhihaatu irratti falmiirra jiru.

Yaada har'a himatamtoonni mana murtiitti dhiheessan irratti Abbaan Alangee yaada kenneera.

Dhimma galmee biraa galmee kana wajjin walqabsiisanii kaasuun sirrii miti, falmiin isaan gochaa jiran falmiii siyaasaati kanaafuu manni murtii waan isaan gaafatan kana heeyyamuufii hin qabu jechuun abbaan alangee falmeera.

Manni murtichaas yaada gama lamaanii erga dhagaheen booda yaada himatamtoonni beellama dheeraa waggaa lama boodatti nuuf haa kennamu jedhanii gaafatan kufaa gochuun gaafa Caamsaa 18 bara 2013 tti beellama qabateera jedhan Obbo Tuuliin.

Galmee himataa Obbo Jawaar fa'i

Ji'a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroon labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaa fi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun ture kan himataman.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaas himatawwan labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaan walqabatan jaha akka addaan citan murteessuunsaa ni yaadatama.

Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba Sanyii fi Tsaggaayee Raggaasaa Araarsaa namoota biyya keessa hin jirreefi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.