Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan Google irratti adabbii doolara miiliyoona 98 murteessite
Raashiyaan dhaabbati Google qabiyyeewwan qajeeltoo seeraa biyyattii sarban jedhaman hedduu haquu dide jechuun adabbii doolaara Ameerikaa miiliyoona 98 irratti murteessite.
Ibsi adabbii mana murtiin kenname kun qabiyeewwan seeraan ala jedhaman kunneen maalfaa akka ta'an hin ibsine.
Raashiyaan teeknooloojii guddicha akkanaarratti adabbii wayita dabarsitu kun isa jalqabaati.
Google gamasaan AFP'tti akka himetti tarkaanfii fudhachuun dura murtee manni murtii dabarse keessa deebi'ee qorachuu akka qabu eere.
Qondaaltonni Raashiyaa bara kana jaarmiyaalee teeknooloojiirratti dhiibbaa uumuu guddisaniiru.
Dhaabbileen tooeknoojjii qabiyyeewwan sirriitti hordofaa akka hin jirree fi dhimma biyyaa keessa galaa jiraachuu eeruun himatti Raashiyaan.
Raashiyaan dabalataan dhaabbata miidiyaa hawaasummaa guddicha Meetaa(Feesbuukii) qabiyyee seeraan alaa dabarse jechuun doolaara Ameerikaa miiliyoona 25 adabdeetti.
Tiwiitarii ammoo doolaara Ameerikaa miiliyoona 38.6'n adabde.
Kanaan duras Raashiyaan Google akka qabiyyeewwan 26,000 ta'an haqu ajajjee turte, yoo hin haqu ta'e saffisa isaa gadi buusuu akka danda'us ibsitee turte.
Pireezdantiin biyyattii Vilaadmiir Putiin, interneetii lammiilee biyya keessaa qofaaf oolu kan waan lammiileen jedhan to'achuuf gargaaru hundeessuuf akka jiran ibsaniiru.
Kunimmoo mirga walubummaan yaada ofii ibsachuu lammiilee kan sarbuudha jechuun qeeqamaniiru.
Jaarmiyaan miidiyaa biyyattii to'atu marsariitiiwwan mormituu beekamaa Raashiyaa Aleksii Navaalniin hidhata qaban hedduu uggureera.