Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhuguma Raashiyaan Yuukreeniin weeraruufii?
Loltoonni Raashiyaa dhuguma waraana Yuukreen keessatti banuuf qophaa'aa jiruu? Kun dhimma haalaan warra lixaa yaachisaa jiruudha.
Erga Raashiyaan kutaa kibba Yuukreen qabattee waggoota torba guuteera, ergasiis kutaa biyyattii gara bahaa ta'an kanneen Yuukreen irraa cituu fedhan deeggaraa jiru.
Raashiyaan kaayyoo weeraraa hin qabu jetti, garuu US ammoo yoo haalli weeraraan walqabatu jiraate qoqqobbii kaa'uuf qophaa'aan jira jetti. Garuu waliigalatti maaltu ta'aa jira?
Yuukreen eessa jirti?
Yuukreen biyyoota Awurooppaa fi Raashiyaa waliin daangaa qooddatti, garuu akka qaama Rippaablika Sooviyeet duraaniitti Raashiyaa waliin hariiroo aadaa fi jiruu fi jireenyaa hundee jabeeffate qabu, afaan Raashiyaas akkaan dubbatama.
Raashiyaan isa Yuukreen jaarmiyaalee warra Awurooppaa keessa seenuuf tattaafattuu fi Gamtaa awurooppaatti maxxanuuf yaaltu dura dhaabbachuun beekamti.
Fedhiin Raashiyaa inni guddaan Yuukreen akka miseensa Nato hin taane yookiin dacheesheerratti humna waraanaa qindaa'aa ta'e akka gadi hin dhaabne barbaaddi.
Bara 2014 Yuukreen pireezdantiin ishee michuu Raashiyaa ta'e wayita aangoorraa hariitu Raashiyaan ammoo Kiriimiyaa gama kibbaa Yuukreen irraa fottoqfatte.
Gareen adda ba'uu fedhan kan deeggarsa Raashiyaa qaban kutaa Yuukreen gara bahaa keessa irra caalaa qooddatan, bakki isaan qooddatan kun walumatti Donbas jedhamee beekama.
Dhuguma doorsisi weeraraa jiraa?
Walitti bu'iinsi baha Yuukreen ture hanga har'aallee jira. Yuukreen Raashiyaan taankii , meeshaalee waraanaa gurguddaa akka sinaayippariifaa bakka kanatti erguu himti.
Dhuguma loltoonni Raashiyaa daangaa Yuukreen kanarra buufatee jiraa kan jedhu yaaddoo guddaa ta'eera, warri lixaa waraanni 100,000 ta'u buufatee jira jedhu.
Doorsisi yookiin weerarri ifatti pireezdantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin ifatti labsan hin jiru.
Dubbi himaan Kireemliin namni hunduu akka tasgabbaa'u akeekkachiisan, Ministirri Dhimma Alaa Itti Aanaa Raashiyaa Sergei Ryabkov ammoo dhiphinni amma itti jiramu yoo dhaabbachuu baate goolamni siyaasaa akka bara 1962 mudachuu mala jecuun akeekkachiisan.
Bara 1962 goolama misaa'elaan mudatetu ture, yeroo sana US fi Yuuniyeniin Sooviyeet haleellaa niwukilaraa walitti banuuf ga'anii turan.
Qaamoleen tikaa warra Lixaa fi Yuukreen yeroo ta'etti bara 2022 keessa weerarri yookiin haleellaan mudachuu mala sodaa jedhu qabu.
Ministirri Ittisaa Yuukreen Oleksiy Reznikov dhuma Amajjii bara 2022tti waraana hammaataaf qophaa'uun waan hin oolleedha jechuun yaaddoo qaban ibsan.
Jaarmiyaan tikaa US ammoo Amajjii dhufu keessa loltoonni Raashiyaa 175,000 ta'an weerara yookiin lola mudachuuf malu keessatti hirmaachuu malu jedhe.
Daayirektarri CIA William Burns Pireezdant Putiin loltoota, qaamolee tikaa fi kaan bakka qabachiisaa jiru jechuun shakku.U
Nato'n dhimma Yuukreen keessa seenee wabii ta'aa fi hin ta'uu kan jedhu dhimma gaaffii guddaa ta'ee jiruudha.
Muddee 7 bara 2021 Pireezdanti Baayidan gitasaanii kan Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin viidiyoodhaan walii bilbiluun dhimma kanarratti walitti dubbataniiru.
Qondaaltonni lameen dhiphinni keessa galamee jiru akka salphatu yaada dhiyeessanis garuu hanga ammaatti dhibdeen inuma itti hammaataa jira malee wanti furame hin jiru.