US - Raashiyaa: Joo Baayidan fi Vilaadmiir Putiin walga'ii Jenevaatti maal dubbatan?

Pirezidaantiin US Joo Baayidan gita isaanii kan Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin guyyaa kaleessaa Jenevaatti walarguutti gammadanis, wanti isaan mari'atanii fi irratti waliigalan garuu akka eegame osoo hin taane waan muraasa.

Pirezidaantonnni biyyoota lameenii haala kanaan fuulaa fi fuulatti wayita wal argan erga bara 2018 as kun isa jalqabaati.

Waldhibdeen uumameera, garuu waan arbeeffamee odeeffamu miti kan jedhan Pirezidaant Joo Baayidan, Raashiyaa waliin waraana hololaa (Cold War) haaraa keessa galuu hin feenu jedhan.

Pirezidaant Baayidan nama siyaasaa gameessaa fi muuxannoo qabudha kan jedhan Pirezidaant Putiin, ''garuu lamaan keenyayyuu afaan tokko dubbanneerra,'' jechuun hagas mara akka wal hin dhabne ibsan.

Walga'iin sa'aatii sadiif ture kun yeroo qabameef dursee xumurame.

Yeroo ammaa Raashiyaa waliin michummaa cimsuun hagas mara waan walxaxaa waan hin taaneef, dhimma hariiroo cimsuurratti mari'achuuf yeroo dheeraa gubuun hin barbaachisu jedhan pirezidaant Baayidan.

Qondaaltonni lameen dhimma meeshaalee waraanaa niwukilaraa to'achuurrattis marii eegaluuf walta'aniiru, ambaasaaddaroota walii kanaan dura kaasanii turanis deebisuurratti waliigalan.

Biyyoonni lameen bara 2020 wayita US mootummaan Raashiyaa filannoo kiyya keessa harka galfateera jettee komataa turte sana ambaasaddoorta waliif deebisan.

Dhimmoota akka nageenya saayibarii (cyber-security), dhimma Yukreen fi mormituu beekamaa biyyattii Aleksi Naavaalnii irratti garuu hagas mara wal hin galle.

Mootummaa Raashiyaa mormuun kan beekamu dureen paartii mormituu mana hidhaatti dararamaa jiru duunaan mootummaa Raashiyaatti balaa guddaa fida jedhan Baayidan.

Hariiroon Waashingitanii fi Mooskoo gidduu jiru amma baay'ee gadi bu'aadha.

Baayiden akka aangootti dhufaniin kan hojjechuu barbaadan hidhannoo niwukileeraa fageenya dheeraa biyyoota lameenii kan daangessu irratti waliigaltee 'New START Treaty' jedhamu dheeressuu ture. Waliigalteen dheereffame kun kan turu hanga Guraandhala bara 2026tti qofaadha.

Jeneev seenaa wal gahii gaggeeffamaa tureen ''magaalaa nagaa'' maqaa jedhamuun beekamti. Bara 1955 ''gurguddoota afur'' jedhamuun kan beekaman, hoggantootni US, Biriiteen Guddittii, Faransaayii fi Sooviyeet Raashiyaa achiiti wal arguun waraala Ololaa ture dhaabuuf waliigalan.

Waggoota 30 booda Roonaaldi Reeganii fi Mikaahil Gorbaachev asuma magaalaa Jeneevitti wal arguun hamma hidhannoo niwukileraa qaban xiqqeessuuf waliigalan.