Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhaabbanni Raashiyaa, Liibiyaatti ajjeechaaf qacaramee ture barame
Ajjeechaa Muhaammur Gaadaafii booda waraanaan jeeqamaa kan turte Liibiyaa keessatti waggootii hedduuf waraanicha keessatti hirmaachaa kan ture dhaabbati lolaa Raashiyaa eenyu akka ta’ee fi hojiin isaa ifa ta’e.
Gabaasa qorannoo BBC’n gaggeesseen odeeffannoon argame dhaabbati kun Waagner kan jedhamu yoo ta’u qabeenyummaan isaa dureessa Raashiyaa tokko waliin hidhata qabaachuu akka malu argateera.
Bu’aan qorannoo BBC dhaabbati loltoota waranaa Waagner, waraana waliinii Libiyaa keessaatti hirmaannaan isaa hagam akka ture ifatti baaseera.
Qorannoo kanaaf bu’ura kan ta’e tabileeti (kompiitara) Saamsangii badee ture argamee qondaltoota basaasa Liibiyaatiin BBC’f kennamedha.
Taabileetiin kun miseensa gartuu humnoota Waagneer baqaa irra turan jalaa badee kan argame yoo ta’u keessa isaatti odeeffannoowwan ijoo argamuun isaa bira ga’ameera.
Fakkeenyaaf maqaan hidhattoota Rashiyaa nama ajjeesan kanneen Liibiyaa keessa turan, ajajoonni waraanaa maqaa iccitii, bittaa meeshaalee waraanaa fi odeeffannoo waraanaa barbaachisoo adda addaa of keessatti kan qabatedha.
Taableetii kana irratti gosti meeshaalee waraanaa ibsamanii argaman, kan Raashiyaa qofa keessatti oomishamaniifi biyya kan biraa kamiyyuu irraa kan bitamuu hin dandeenye akka ta’an qorannoon kun bira ga’eera.
Raashiyaan loltoota dhaabbata Waagar waliin hidhata hin qabu jechuun haalteetti.
Dhaabbati loltootummaa kun eenyummaan isaa jalqaba kan dhaga’ame A.L.A’tti bara 2014tti ture.
Yeroo sanatti yuukireen irraa fottoquu barbaanna jechuun gartuulee Raashiyaa lolaa turaniif gargaarsa meeshaalee waraanaa dhaabbata kennaa turedha.
Sana booda dhabbati loltootaa kun maqaan isaa Raashiyaa, Moozaambiik, Sudaan fi Rippaablika Giddu galeessa Afrikaa keessatti irra daddeebiin ni dhaga’ama ture.
Gartuun loltootaa qacaramanii Wagnariif hojjatan jalqaba Liibiiyaa keessatti kana argaman bara 2019tti yoo ta’u, yeroo sanatti humnii gartuu kanaa Liibiyaa kan seene ajajaa waraanaa Jeneraal Halifaa Hafxaar gargaaruuf ture.
Yeroo sanatti Haafxaar, mootummaa Tiriipoolii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin deeggaramuu fonqolchuuf yeroo itti haleellaa eegalee turedha.
Dhaabbati gartuu loltootaa Waagneer baayyee iccitiin kan socho’u akka ta’e ni himama.
Ta’us garuu BBC’n loltoota kanaan dura dhabbatichaaf hojjachaa turan qunnamuun odeeffanoo sassaabeera.
Namootni lamaan kun Waagnar namoota akkamii akka qacaruufi tasumaan sirna waranaa akka hin eegne akkasumaas hameenyi isaa hammana kan jedhamu akka hin taane ifatti baasaniiru.
Looltoonni Waagnar fakkeenyaaf hidhamtoota ykn booji’amtootaaf nyaata kennuun barbaachisaa miti jedhanii waan yaadaniif ajjeesuunii filatu jechuun loltoonni dhaabbatichaa duraanii lamaan himaniiru.
“Enyuyyuu garaa hidhamtoota guyya guyyaatti guutuuf fedhii hin qabu,” jechuun lotuun duraani inni tokko BBCtti himeera.
Ragaa ba’umsii kun kanaan dura BBC Arabic gabaasa baase waliin kan wal simudha. Liibiyaa keessatti namoota nagaa beekaa ajjeesuun akka mala waranaa tokko tokkoo ta’ee filatamuu erga eegalee tureera.
Gaabasa kanaratti ragaa ba’uuf kan dhiyaate lammiin Liibiyaa tokko, waraana keessatti yeroo firootni isaa ajjeefamanitti innis kan du’e fakkaatee ciisuun dhokaatee waan sukkaneessaa ijaan arge ifatti himee ture.
Ajjeechaa kanas nama maatii lammii Liibiyaa irratti raawwate BBC’n adda baasuu danda’eera. Namni ragaa ba’e biraan, loltuun mootummaa Liibiyaa tokko loltoota Waagnariif harka isaa erga kennee booda garaa isaarra si’a lama rasasaan rukutuun beekaa akka ajjeefame himeera.
Tabileetiin Samsaangi harka BBC galeeru, loltoonni qacarri Raashiyaa kun akkamiin naannoo namootni nagaa jiraatanitti boombii akka awwaalan odeeffannoo kenneera.
Akka seera waraanaatti boombii utuu mallattoo hin kaa’iin bakka namootni nagaa jiranitti awwaaluun akka yakka waraanaatti ilaalamee kan himachiisudha.
Taabileetiin kun kibba Tiriipooliitti bara 2020tti loltuun Waagnar baqaarra ture akka gatee deemeetti tilmaamama.
Odeeffannoo taabileeticha keessatti argame keessaa, kaartaaleen waraanaa, looltoonni Raashiyaa kunneen wiirtuulee isaan itti lolaniifi ajajan keessatti argameera.
Dabalataanis akka bitamaniif meeshaleen waraanaa adda ta’an tarreeffamanii gatii isaanii waliin kan ka’aman yoo ta’u, meeshaaleen waraanaa kun hundi Raashiyaa keessatti kan oomishamanidha.
Tarreeffama fuuula 10 irratti ka’ame kana keessatti, taankii afur, qawwee kilaashinkoovii dhibbaan lakka’amani fi raadaaronii bitamanii akka dhufaniif ka’amaniiru.
Loltoota qacarrii Wagneer tarreeffamni bittaa meeshaalee kanaa yeroo ilaalamu lammiin Raashiyaa Dimitrii Yutkiin harka keessa akka qaban kan mul’isudha.
Dimitiriin wajjira basaasaa Raashiyaa keessatti nama ijoo kan ture yoo ta’u, Dhaabbata loltoota qacarrii kana akka hundeessanitti yaadama. BBC’n Dimiitri argatee hasoofsiiuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Odeeffannoowwan taabileeticha irratti argaman irratti hundaa’unis maqaa Vegenee Piriigooziin jedhus ilaaleera. Dureessi Raashiyaa kun hiriyyaa dhiyoo Puutiin akka ta’an ni himamaafi.
Dhimma kana irratti BBC’n waajjira haaja alaa Raashiyaaf gaaffii dhiyeesseef deebiin kenname mootummaan Raashiyaa Liibiyaa keessatti nagaan akka bu’uuf hojjachaa jira kan jedhudha.
Odeeffannoon taabileeticha keessatti argames sobadha jechuun haaleera.
Dhaabbati Waagnar, Raashiyaan biyyootii biroo keesatti feedhii siyaasaa qabaattuuf deebii waraanaa dhaabbata kennu akka ta’e hojjataan duraanii dhaabbatichaa maqaan isaa akka himamu hin feene BBCtti himeera.
Miseensa dhaabbatichaa kan taasifamanis hojii dhabeessoota, beektota waraanaa fi sabboonummaa Raashiyaa irratti hunda’uun namoota loltuumman tajaajiluuf fedhii qabanidha.