Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miseensi garee Maafiyaa viidiyoo nyaata bilcheessuu YouTube irra maxxanseen qabame
Miseensi garee yakkamtootaa (gangster) haalaan barbaadamu, ogummaa nyaata bilcheessuu qabu agarsiisuuf jecha viidiyoo maxxanseen hidhaa bu'e.
Poolisiin Xaaliyaan nama ganna torbaaf seera jalaa dhokatee ture, Marc Feren Claude Biart jedhamu kana, viidiyoo inni YouTube gubbaatti maxxanseen argatan.
Gaheessi ganna 53 kun, fuulasaa dhoofkachuuf ofeeggannoo cimaa godhus, tumaa (tatoo) qaamasaarra jiru osoo hin haguugiin hafe.
Namni miseensa garee yakkamtootaa 'Ndrangheta jedhamu tahe kun, Roobii dabre biyya Dominikaan Rippablikiitti kan qabame oggaa tahu, Xaaliyaanitti dabarfamee kennameera.
Biart magaalaa Boca Chica jedhamtutti callisaan jireenya gaggeessaa ture jedheera ibsi poolisii.
Erga 2014 qabee seera jalaa baqachaa kan ture namni kun, qoricha sammuu namaa hadoochu kokeeyinii gara Nezarlaandisitti daddabarseera jedhamuun poolisiin barbaadamaa ture.
Kana kan raawwates garee Maafiyaa 'Ndrangheta jalatti, gurmuu (clan) Cacciola jedhamaniifi jedhameera.
Gareen 'Ndrangheta jedhamu addunyaarratti garee yakkaa qindaa'aa isa cimaadha jedhamee amanama.
Gareen kun teessoo isaa Calabria kan godhate oggaa tahu, kokeeyina Awuroppaa galu gara caalu to'annoo isaanii jala jira.
Dursaa gurmuuti (clan) kan jedhamu gannisaa 66 kan tahe Luigi Mancuso, maqaa masoo ''Eechumoo ykn The Uncle'' jedhamuun beekama. Miseensonni kaanis maqaa masoo "The Wolf", "Fatty" fi "Blondie" fa'i kan jedhamantu jiru.
Isaan hunduu seeratti dhiyaachuun, Xaaliyaan keessatti yeroo dheeraan booda himannaa maafiyaa isa guddicha jedhameen dhimmi isaanii ilaalamaa jira.
Lakkoofsi miseensota garee kanaafi qondaaltota hirmaannaa qaban jedhamee 335 oggaa tahu, yeroo dheeraaf garee yakkaa 'Ndrangheta irratti qorannoon gaggeeffamaa turuun, himatni irratti banameera.
Gaaf tokko dhaddacharratti maqaa himatamtootaa dubbisanii fixuuf sa'aatii ol fudhachuu AFPn wayita sanatti gabaasee ture.
Himannaan kun ajjeechaa, daddabarsa qorichaa, maallaqa humnaan fudhachuu fi daddabarsa maallaqaa seeraan alaa fa'i of keessaa qaba.
Ragaaleen 900 caalan mana murtiitti dhiyaachuun jecha isaanii akka kennan kan eegamu oggaa tahu, adeemsi Amajjii keessa eegale kun waggaa lamaaf tura jedhameera.