Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namni ajjeechaa Jeneraal Sa’aara Makonniniin himatame yakkamaadha jedhame
Itaamaajoor Shuumii RIB Itoophiyaa kan turan Jeneraal Sa’aara Makonnin fi hiriyaa isaanii Meejar Jeneraal Gazaa’ii Abarraa ajjeesuun himatamee kan ture Ajajaan kudhanii Masaafinti Xigaabuu, yakkamaa ta’uusaa abbaan alangaa waliigalaa ibse.
Murtee kana gaafa Caamsaa 27, 2013 ALI kan dabarse Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti, dhaddacha Lidataa ramaddii sadaffaa dhimma shororkeessummaafi heera mootummaa ilaaludha.
Ganna lama dura mana jireenyaa Sa’aara Makonnin keessatti ajjeechaa kana raawwateera jedhamuun himatamee kan ture Masaafinti Xigaabuu, gochaa yakkaa bal’aa ta’erratti hirmaachuun yakka kana raawwateera jechuuni murtee kana kan dabarse.
Akka odeeffannoo Abbaan Alangaa Waliigalaa baasetti, murteen kan irratti darbe himatamaan Ajajaa Kudhanii Masaafinti Xigaabuu, hoogganaa duraanii Biiroo Nageenyaa Naannoo Amaaraa kan turan Birgaadiyer Jeneraal Asaamminoo Tsiggeedhaan durfamaa garee yakka bal’aafi ulfaataa ta’e raawwate keessatti akka hirmaate himame.
Haaluma kanaan, namni kun Itaamaajoor Shuumii RIB Itoophiyaa kan turan Jeneraal Sa’aara Makonnin akka ajjeesu, namni biraan ammoo itti aanaa isaanii kan turan Jeneraal Biraanuu Juulaa akka ajjeesuuf ergamni kennameefii ture jedhameera.
Akka Abbaan Alangaa jedhetti, Caamsaa 15, 2011 ALI halkan sa’aatii 3 irratti haleellaa Baahirdaar keessatti raawwate kan dhaga’e Masaafinti Xigaabuun, ‘‘Jeneraal Sa’aara Makonnin fi Meejar Jeneraal Gazaa’ii Abarraa dhukaasee ajjeesuun wayita miliquuf jedhu marfamee to’annoo jala ooluufi’’ dhimmi isaa mana murtiitti ilaalamaa turuu isaati.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti, dhaddacha Lidataa ramaddii sadaffaa dhimma shororkeessummaafi heera mootummaa, himata kanarratti ragaalee fi falmiiwwan dhiyaatan bita mirgaan ilaalaa erga turee booda, himatamaan kun yakkamaa ta’uun murtee dabarsee, adabbiin isaa maal akka ta’e dhaga’uuf gaafa Waxabajjii 11, 2013’tti beellama qabateera.
Waxabajjii 15, 2011 mana jireenyaa isaanii Finfinnee kutaa magaalaa Boolee jiru keessatti kan ajjeefaman Itaamaajoor Shuumichi, angoorra wagga dheeraaf kan turan Jeneraal Saamooraa Yuunuus bakka bu’uun raayyaa ittisaa dursuu erga eegalanii osoo hin turiin ajjeefaman.
Haleellaa sanaan akka tasaa manasaanii kan turan hiriyaan isaanii Meejar Jeneraal Gazaa’ii Abarraas lubbuu dhabaniiru.
Abbaan alangaa qaama yakka kanaati kan jedheefi ajjeechaa kana sa’aatii muraasa dura Baahirdaar keessatti haleellaa raawwatameen, pirezidantii naannichaa kan turan Dr. Ambaachoo Makonnin fi anga’oota gurguddoo hedduu ajjeefamuun niyaadatama.
Shakkamaan amma yakkamaa akka ta'e manni Murtii irratti mure ji'oota hedduuf miidhama irra gaheen of wallaalee yaalarra waan tureef dhimmi haqaa kun harkifachuu mootummaan irra deddeebiin ibsaa ture.