Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sababa weerara Omiikiroon US dabalatee biyyoonni hedduun balaliinsa haquuf dirqaman
Tibba namoonni ayyaana qilleef addunyaa mara irraa imalan kanatti weerarri akaakuu vaayirasii Omiikiroon hammaachuun daandiiwwan qilleensaa hedduun imala akka haqan dirqamsiiseera.
Keessattuu daandiiwwan qilleensaa US akkaan miidhamuu himatu.
Addunyaarratti imala haqaman 4,000 caalan keessaa tokko afraffaan kan US ta'uu marsariitiin Flightaware jedhamu ibse, kunis Jimaataa fi Sambata gidduuttidha.
Rakkoon daranuu kan hammaate wayita hojjettoonni daandii qilleensaa hedduun vaayirasichaan qabamuun baramee fi akkasumas ammoo hedduun akka adda of-baasan dirqamsiifamaniiti.
Akkuma biyyoota kaanii US keessattis Omiikiroon akkaan tatamsa'aa jira.
Dhibeen vaayirasii Omiikiroon namarraan ga'u salphaa ta'uu tibbana qorannoon mul'isus, akkaan addunyaarra faca'uunsaa garuu addunyaa yaaddoo keessa galcheera.
Jimaata darbe lakkoofsi olaanaan kan keessatti galmaa'e UK keessatti tola ooltonni miidhaa Omiikiroon hir'isuuf jecha talaallii dandeettii ittisaa gabbisu guyyaa ayyaana waggaarratti kennaa jiru.
Biyyoonni Awurooppaa kanneen akka Italii, Ispeen, Giriis, Neezarlaans, Jarmanii, Poorchugaal fi kaan hedduunsaanii maaskii godhachuu dirqama godhaniiru; yeroo sochii uummatasaanii daangessaniir; uummanni heddumminan akka wal hin geenye cimsanii labsaniiru.
Jarmaniin namoonni 10 ol akka wal hin geenye, kilabiiwwan halkanii akka cufaman, kubbaan miilaa cufaatti akka taphatamu yoo murteessitu Poorchugaal ammoo kilabiin halkanii hunduu Dilbata borii irraa eegalee akka cufamuu fi namuu dirqama manaa hojjechuu akka qabu murteessite.
Bakka vaayirasichi jalqaba keessatti argame-Afrikaa Kibbaatti garuu namoota kanneen qabaman waliin tuttuqqii qaban sakatta'uun qorachuunuu hafeera.
Dhiheenya kana US uggura imalaa Afrikaa Kibbaa fi biyyoota Afrikaa biroo torba irra keessee turte akka kaastu ibsitee turte.
Imalli biyyoota Afrikaa Kibbaa, Botiswaanaa, Zimbaabwee, Namiibiyaa, Lesootoo, Iswaatiinii, Mozaambikii fi Maalaawwii erga Sadaasa 29 as ugguramee ture.
Ogeessi gameessi US kan ittisaa fi to'annoo dhibeewwan daddarboo irratti waggaa dheeraaf hojjetan Dr Anthony Fauci, warra guutummaatti talaalamanillee yoo ta'e tibba ayyaana waggaaf namoonni imalanitti Omiikiroon namoota hedduu qabuu danda'a jedhanii turan.
Wayita ammaa balaliinsi hedduun haqamuurraa kan ka'e namoonni imalaaf ba'an rakkoo hamaaf saaxilamaa jiru.US keessa qofatti hanga yoonaa balaliinsi 689 kan haqame yoo ta'u, balaliinsi 700 caalu ni haqama jedhamee eegama jechuun marsariitiin the FlightAware gabaase.
Kubbaaniyyaawwan daandii qilleensaa guddoo miidhaman Delta, United Airlines fi American Airlines kan jedhamaniidhaAkka addunyaa guutuutti Jimaata kaleessaa fi Sambata har'aa gidduutti balaliinsi taasifamuuf ture 4,000 ol haqameera.
Awustiraaliyaatti balaliinsi biyya keessaa 100 caalu haqameera.Erga weerarri koronaavaayirasii eegalee addunyaarratti namoonni miiliyoona 5.3 du'aniiru, kan qabaman ammoo miiliyoona 279 akka ragaa Yuniversitii Joon Hopkiinsitti.