Sababoota shan Sooviyeet Yuuniyeen akka diigamu taasisan

Miikaa'eel Gorbaachoov aangoo pirezidaantummaa Sooviyeet Yuuniiyeen kan gadhiisan waggaa 30 dura Muddee 25 bara 1991tti ture.

Boromtaa isaa Muddee 26tti ammoo paarlaamaan biyyattii (Supreme Soviet) biyyoonni 15 Sooviyeeti Yuniyeenii guddiittii irraa adda bahuun akka of danda'aniif ifatti beekamtii kennuun Sooviyeeti Yuniiyeenii ifatti diigame.

Tibba tokkootti mallattoo biyyoota addunyaa keessaa tokkoo kan ture haamtuufi burruusni kan irra jiru alaabaan diimaan Sooviyeet Yuuniiyeen akka bu'u taasiifame.

Goorbaachov gara aangoo kan dhufan bara 1985tti yoo ta'u yeroo sanattis umuriinsaanii waggaa 54. Biyyi waggootaaf sirna walfakkaatu keessa turte jireenya haaraa akka argattuuf jijjiirama walitti fufiinsa qabu taasisan.

Jijjiiramawwan deebiisanii ijaaruu fi deebiisanii dhaabuu akkasumas iftoomiinaa fi bilisummaan dubbachuu jedhaman kufaatii biyyattii fidaniru jechuun baayyeen kan falman.

Kaan ammoo Sooviyeeti Yuuniiyeen jijjiiramaaf qophaa'aa ta'uu dhabuun biyyattii oolchuuf yaalii taasifame cimseera jedhu.

Mee sababiiwwan gurguddaa waliitti dhufeenya Sooviyeet Yuuniiyeen biyyoota biraa waliin qabduufi haalaa itti of ilaaltu irratti dhiibbaa olaanaa taasisan haa ilaallu.

1. Diinagdee

Rakkoolee Sooviyeeti Yuuniiyeen keessaa inni guudaan kufaatii diinagdeeti. Faallaa diinagdee gabaan hoogganame kan biyyoonni biraa hordoofaniitti, diinagdee jidduugalarraa hogganamu qabdi turte.

Bulchiinsa riipablika Soshaalistii Sooviyeet Yuuniiyeen keessatti wanti hundinuu hangam oomishamu akka qabaatu motummaan murtaa'a.

Kanaanis baay'inni konkoolaataa oomishaman hanga kophee fi baay'ina daabbootti murteensaa jiddugalaa dhufa.

Kana malees, lammiileen wantoota oomishaman keessaa hangam akka isaan barbaachisuu, baasiin hangamii akka barbaachisuufi namoonni hangam kanfaluu akka qaban ni murteeffama.

Sirni hojiimaataa kun ammoo haqa qabeessaa fi saffiisaa ta'a yaada jedhuu irratti kan buu'ureffame yoo ta'u, hojiirra oolmaasaatiin ammoo faallaa kanaa ta'ee gufatera.

Sababii sanaatiin dhiyeessitii biyya keessaa guutuu dadhabuusaatiin oliitti maallaqni yeroo gatii dhabee ture.

Namoonni Sooviyeeti Yuuniyeenii keessa baayyeen iyyeessa hin turre, Garuu mi'a gahaa waan hin arganneefu kan barbaadana bitachu hin danda'an ture.

Fakeenyaaf konkolaataa bitachuuf waggootaaf tarree eeggattootaa keessa turu. Kootii ykn kphee gannaa bitachuuf sa'aatiiwwaniif dabaree eegachu qabu. Erga dabareen isaan gaheen boodas kan isaaniif ta'u argachuuf ni rakkatu turan.

Haala biyyattii caalaa kan hammeessee ammoo dorgommii Sooviyeeti Yuuniiyeeniif Ameerikaa gara hawaatti imaluu fi dorgommii ijaarsa meeshaalee waraanaa dhuma 1950motaatti eegalameefi baasii olaanaa gaafateedha.

Kanaanis Sooviyeeti biyya addunyaa yeroo jalqabaatiif nama gara Hawaatti ergite yoo taatuu, abbaa qabeenyaa meeshaalee waraanaa nikulaaraafi misaa'eeloota baalastiikii fageenyatti furgugfamanis qabdi turte. Sun hundi milkaa'ina baasii olaanaan argame ture.

Biyyattiin dorgommii kanaaf qabeenyaawwan umamaa kan akka bob'aafi gaazii irratti kan hirkattu yoo ta'u, jalqaba bara1980tti gatii boba'aa garmalee kufe. Kunis diinagdee duraanuu dadhabaa ture caalaa kufise.

Imaammanni Goorbaachoov malawwan gabaa tokko tokkoo beeksiise. Haata'u malee diinagdeen Sooviyeeti Yuuniyeen kan saffiisaan fooyyeeffamu hin turre.

Hanqinni dhiyeessitii mi'aa haaluma jiruu itti fufuus qaala'iinsi gatii dabalaa adeeme.

Aanga'oonniinis bara 1990tti maallaqa biyyattii irratti jijjirama imaammataa taasisan. Kunis lammiileen biyyattii miiliyoonaan lakkaa'aman qusannaa muraasaa qaban akka dhabantaasise.

Jibbiifii balaaleeffannaan motummaarratti ka'u cimaa dhufe.

Kun har'a dhiibbaa attamii qabaa?

Hir'inni dhiyeessitii mi'oota buu'uuraa ilaalcha ummata Sooviyeetiin booda irrattilleen dhiibaa waliitti fufaa taasise.

Dhaloota tokkoon booda illeen sodaan fedhiin bu'uuraa hin jiraatu jedhu ammalleen ummata keessa jira.

Tibba duula filannoottis kun dhimma haala salphaatti miira namootaa hawwatu ta'eera.

2. Ilaalcha siyaasaa

Sirna abbaa hir'ee kan namoonni waan yaadan dubbachuuf, gaafachuuf ykn gumgumuuf illeen itti sodaatan keessatti imaammanni Gilaasnosti Gorbaachoov bilisummaa dubbachu hayyamuuf kan kaayyeeffate ture.

Seenaawwan cunqursaa bara bulchiinsa Jooseef Istaaliin kan 1924- 1953 Sooviyeetii hogganaa turanii keessaa turan maala akka fakkaatan saaqamu eeggalan.

Mariiwwaniifi mormiiwwan carraa gara fulduraa Sooviyeeti Yuuniyeenii, caasaa aangoo, attamiin fooyya'insi taasifamu akka qabaatuu mari'atan jajjabeessan.

Olaantummaa paartii Koministii mormuun hanga yaada rimee sirna paartii sab-daneessaa irratti mari'achu irra gahamee ture.

Kunis aanga'oonni paartii Kooministii biyyattii keessa turan baayyeen yaada Sooviyeetii sirreessuu irra, sirnichi bu'a qabeessaa akka hintaane, ukkaamsaa fi malaamaltummaaf banaadha jechuun akka amanan taasiseera.

Motummaan Gorbaachoov bilisummaa fi haqa qabeessummaa tokko tokkoo adeemsa filannoo keessatti beeksiisuuf yaalii taasisuulleen yeroonsaa baayyee itti darbe ture.

Kun har'a dhiibbaa attamii qabaa?

Pirezidaantiin Ruusiyaa Vilaadimiir Puutiin barbaachisummaan yaadni biyyaaleessaa cimaan keessattuu motummaa guutummaatti iftoomaa fi dimokraatawaa hin taaneef qabaatu hubataniiru.

Pirezidaantichi yaada biyyaaleessaa kabajamaa uumuuf yaadawwan bara Ruusiyaafi Sooviyeetii adda addaatti turaniitti fayyadamaniiru.

Qabeenyaafi maqaa gaariin Impaayeera Ruusiyaa, gotummaan haarsaan injifannoo waraana addunyaa lammaffaa Istaaliin jalatti ture akkasumas tasgabbii 1970 keessa ture, ofiitti boonuufi jaalala biyyaa bara Sooviyeetii kakaasuun Ruusiyaa ammaatiif hojiirra oolcheera.

3. Sabummaa (eenyummaa)

Sooviyeeti Yuuniyeeniin biyya sab-danooftuu impaayarii Ruusiiyaa kan dhaalte turte.

Sooviyeeti Yuuniyeen kan riipablikoota 15 hammatte yoo taatu, sadarkaa yaadaatti tokkoon tokkoosaanii akka bulchiinsoota obboolaati kan mirga walqixa ta'e qaban turan.

Dhugaansaa garuu Ruusiyaan baayyee guddoofi cimtuu turte. Afaaniifi aadaan Ruusiyaas naannoolee baayyee irratti dhiibbaa taasisee ture.

Beelli Yuukireen bara 1930 keessaa, bulchiinsoonni Baaltiikaa fi Lixni Yuukireen waliigaltee michummaa Naazii Sooviyeetiin qabamunsaanii, tibba waraanaa Addunyaa lammaffaatti goosaawwan hedduun dirqamaan buqaafamuufi walitti bu'iinsi goosaa namoonni riipablikaanoota kaan keessa jiraatan dabarsan miidhaa ture akka hubatan isaan taasiseera.

Dhimmoonni kunneeniifi sababiiwwan biraas miira sabummaa fi gaaffii ofiin eegeeree ofii murteeffachuu kakaasan.

Kun har'a dhiibbaa attamii qabaa?

Ruusiyaa kan amma maddallii fi olaantummaa ishee eeggachuuf yaalaa jirtuufi biyyoota Sooviyeetiin booda umaman jidduutti ammaleen muddamatu jira.

Bulchiinsoota Mooskoo fi Baaltiik jidduu, dhiheenya kana ammoo waliitti dhufeenyi Joorjiiyaa fi Yukireen jidduu jiruun, haala siyaasa Awurooppaa fi naannoolee kaan irratti dhiibbaa taasisuu itti fufeera.

4. Fedhiifi abdii kutachuu

Ummnni Sooviyeeti sirna warra liixaa jalatti 'tortoraa' jiraachaa akka jiraniifi ummanni motummaa kaappitaalistii jalatti hiyyummaafi salphinaan akka dararamu itti himameera.

Wallakkeessaa 1980taa keessa imalli namoota dhuunfaafi walitti dhufeenyi kallatti guddachaa deemnaan yaadni kun caalaa gaaffii keessa galuu eegale.

Lammiileen Sooviiyeet haala jireenyaa, bilisummaa fi nageenyi biyya keessa jiru kan biyyoota gara biraa hedduu keessatti argamuun adda ta'u hubachu eegalan.

Aaanga'ootas imalawwan idil-addunyaa dhorkuudhaan, miidiyaalee addunyaa kanneen akka BBC jiran fa'i ukkaamsuun, barreeffamootaafii filmiiwwan gara Sooviyeet Yuuniyeen akka seenan hayyamameef ammoo gulaaluudhaan waggootaaf kan danda'ameef hunda yaalanii ture.

Goorbaachoov waraana qabbanaa'aa dhaabuufi walitti dhufeenya warra liixaa waliin qabu fooyyeessuun yaaddoo walitti bu'iinsa niikulaaraa dhaabuun waan gaarii akka raawwatan himamaaf.

Walitti dheenyiiwwan fooyya'en sunis bu'aa hin eegamiin waan fidaniif ummanni Sooviyeeti Yuuniiyeen jireenyisaa kan biyyoota gara biraa waliin wal yoo madaalsiisan hangam dadhabaa akka ta'e akka hubatan taasiseen.

Goorbaachoov biyya keessaa qeequumsi baayyeen irratti ka'ulleen, biyya alaatti garuu baayyee jaalatamu danda'anii ture.

Kun har'a dhiibbaa attamii qabaa?

Motummaan Ruusiyaa ergaawwan miidiyaalee bu'aasaatiif fayyadamuun itti beeka.

Wal dorgommii biyyoota addunyaa waliinii hambisuufis, yeroo baayyee Ruusiyaan aadaafi seenaadhaan adda akka taatee taasifamuun dhiyaatti.

Dabalataanis biyya diinaan marfamte garuu ciminaan dhaabbatte taasifamuun ibsamti.

Argannoowwan saayinsii akka jedhaniitti, injifannoon waraanaa addunyaa lammaaffan galmaa'eefi hambaaleen aadaaa miidiyaaleen osoo addaan hin cinnee dhiyaachuun, ergaa adda ta'u lammiileef dabarsuun isaanii xiyyeeffannoo lammiilee rakkoolee guyyaa guyyaarraa akka hin taane taasiseera jedhu.

5. Hoggansa

Goorbaachoov kufaatii diinagdeefi haamlee ummataa haala fooyya'insa guddaa qabaatuun raawwachuun akka barbaachisu hubatanii ture. Kana fiixaan baasuurratti mul'anni qaban tarii kan hir'ina iftoominaa qabuu ture.

Waraana qabannaa'aa dhaabsiisuuf addunyaa alaa biratti goota ta'aniiru. Biyya keessatti ammoo gaggeessitoonni jijjiramaa kaka'umsa hin uumne yoo jedhaniin, harbeessitoonni gama saanitiin daangaa malee imalan jechuun qeequun turan.

Sababii kanaanitinis gareewwan lamaaniinuu qoolleeffaman.

Harbeessitoonnis Goorbaachoov aangoorraa buusuuf bara 1991tti yaalii fonqolcha motummaa taasisanii ture.

Yaaliin fonqolcha motummaa hin milkaa'iin sunis Sooviyeetiin baraaruurra basiinsa ishee sarde. Guyyaa sadii osoo hin guutiin namoonni fonqolchicha yaalaanii turan biyyaa baqachuuf yaalan. Kana hordofees Goorbaachoov gara aangootti deebii'an illeen kan turan yeroo muraasaaf qofaa turan.

Ruusiyaa keessatti Booriis Yalsiin, Sooviyeetii kaan keessatti ammoo haanga'oonni naannoolee gara fuulduraatti dhufan.

Baatiiwwan itti aanan keessattis riipablikoonni Sooviyeeti riifarandamii gaggeessuun baatii Muddee keessa carraa dhumaa biyya sooshaalistii guddoo murteessan.

Kun har'a dhiibbaa attamii qabaa?

Viilaadmiir Puutiin hogganaa biyya baroota dheeraaf bulchan keessaa tokko.

Icciitiiwwan baroota dheeraa akka aangoorra turan gargaare keessaa tokko, Ruusiyaa dursa taasisuu ykn yoo xinnaate akkas akka fakakatu gochusaati.

Miikaa'eel Goorbaachoov bara Sooviyeetii Yuuniyeeniitti dhimmoota dadhabbii hedduun argaman gadi dhiisuun saanii (fakkeenyaaf, waraanaa Sooviyeeti hariitiin Lixa Jarmanii keessaa baasuun isaanii) yoo isaan qeeqsiisuu, Viilaadmiir Puutiin ammoo waan bu'aa Ruusiyaati jedhanii amananiitti ammoo kan humniisaanii danda'u raawwatu.

Puutiin wayita gamoon Barliin diigamuu baka Jarmaniitti qoondaalaa KJB (Tajaajila Nageenya Sooviyeet) turan. Kanaanis jeequumsa Gamtaa Sooviyeetii bahuun hordofsiisee qaamaan taajjabaniiru.

Waggoota sodoomaan booda NETOn gara daangaa Ruusiyaatti maxxanuu cimsanii mormu. Kana humnaan ittisuuf qophaa'uufis dhiheenya kana baayyina waraanaa Ruusiyaa kan dhiheenya daangaa Yuukireeniitti argamu dabaluunshee hubatameera.

Odeessaalee walfakkaatan: