Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Itoophiyaa: Humnoonni mootummaa Federaalaafi naannoo Amhaaraa magaalaa Waaghimraa, Saqoxaa to'ata
Raayyaan Ittisaa Biyyaa fi humnoonni Naannoo Amaaraa humnoota TPLF naannawaa godina Waaghimiraa keessaa guutummaatti baasuun magaalaa godinichaa kan taate Saqoxaa to'achuu Waajirri Ministeera Muummee beeksiseera.
Guyyoota muraasa dura magaalota ijoo naannoo Amaaraa dhiyeenya daangaa Tigraay jiran Waldiyaa fi Qobboo to'achuu mootummaan beeksisee ture.
Daangaa Kibba Tigraay seenuun humnooti mootummaa magaalaa Allaamaaxaa to'achuu gabaasaaleen himanillee, mootummaa hin mirkaneessine.
Guyyoota darban mootummaan magaalaa Allaamaaxaa keessatti haleellaa diroonii raawwateen namoota nagaa ajjeesuu aanga'oonni TPLF komataa turan. Mootummaan namoota nagaa irratti haleellaa raawwachuu ni waakkata.
Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibsa har'a baaseen, "TPLF sadarkaa lammata tokkummaa fi birmadummaa Itoophiyaaf yaaddoo hin taanerra hanga gahutti Raayyaan Ittisaa tarkaanfii barbaachisaa kamiyyuu ni fudhata" jedheera.
Odeessaalee waraana Kaaba Itoophiyaa biroo:
- 'Hanga TPLF tokkummaa Itoophiyaaf yaaddoo ta'uu dhabutti raayyaan tarkaanfii ni fudhata'
- Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii inni olaanaan galmaa'e
- 'Tigraay keessatti duula waraanaa bal’aa gaggeessuuf mootummaan fedhii hin qabu'
- Furmaanni siyaasaa: Haqa, itti-gaafatamummaafi marii irratti hundaa’a- mootummaa Itoophiyaa
Haa ta'u malee, Kibxata dippiloomaatota biyyoota alaatiif haala nageenya Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisuun ibsa kan kennan Ministir Di'eetaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Rediwaan Huseen, "Tigraay seennee duula waraanaa bal'aa taasisuuf fedhii hin qabu'' jedhaniiru.
Dursaan TPLF Dabretsiyon Gabremikaa'el (PhD) xalayaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN)f guyyaa lamaan dura barreessaniin humnoota isaanii Tigraayiin ala jiran akka bahaniif ajajuu ibsanii ture.
TPLF murtee waraanaa isaa naannolee Amaaraafi Affaar keessaa baasuu kan fudhateef waldhabdee mootummaa waliin jiru karaa nagaan furuuf, akkasumas gaaffii hawaasni addunyaa sagalee tokkoon dhiyeessaa jiruuf deebii kennuuf jedhan Dabretsiyon xalayaa isaanii kanaan.
Akka Ambaasaaddar Rediwaan jedhanitti garuu TPLF bakkeewwan Amaaraa fi Afaar qabatee ture keessaa kan bahe fedhii nagaaf qabuuf osoo hin taane mo'ameeti.
BBC Focus on Africa waliin Kibxata turtii kan taasisan qondaalli waraanaa Tigraay Janaraal Tsaadiqaan G/Tinsaay humnoonni isaanii hedduun lafa heera Itoophiyaatiin akka qaama Tigraayitti beekamu keessatti deebi'uu himan.
"Murtee siyaasaa kana yeroo fudhannu guutummaan Lixa Tigraay to'annoo humnoota Ertiraafi tokkummaa humnoota Itoophiyaa jala jira," jedhan.
"Humnoonni Isaayyaas Afawarqii hammi ta'e ammallee Kaaba Tigraay jiru. Ajajoonni isaanii Finfinnee taa'anii duula karoorsaa jiru. Ajajoonni Makaanaayizidii isaanii humna makaanaayiziidii Itoophiya ajajaa jiru," jechuun ibsan qondaalli waraanaa Tigraay kun.
Gara Finfinneetti yeroo duullu haalli siyaasaafi dippiloomasii adeemsa keenya qixxee hin turre kan jedhu Janaraal Tsaadiqaan, "Hawaasni dippiloomaatikii akka ta'uutti ejjennoo qabatee hin turre. Innis dhiibba hubannoo keessa galchuun nurra turedh," jedhan.
Keessumaa daandii dheeraafi lafa baldhaaf keessatti konkolaattootni isaanii dhiyeessiif yoo bobba'an haleellaa dirooniif saaxilamoo akka turan kaasuun, dirooniiwwan sarara dhiyeessii isaaniirratti dhiibbaa uumuu amananiiru.
Jalqabarraayyuu wanti ifa ta'uu qabu kaayyoon isaanii Finfinnee galuu osoo hin taane dafanii waraanichaaf xumura gochuu akka ta'e ibsuun, "karaa tokkoo gara Kibbaa duulaa gama biraan ammoo tokkummaan humnoota siyaasa mootummaa Itoophiyaarratti dhiibbaa uumuun furmaatni humnoota siyaasaa hunda hammatee mariirratti hundaa'e akka jiraatu taasisuuf," jechuun ibsan Janaraal Tsaadiqaan.
Waraana Kaaba Itoophiyaan lammiileen miiliyoona 9 ol ta'aniifi naannolee sadii keessa argaman deeggarsi nyaataa akka isaan barbaachisu UN himeera.
Waraana waggaa tokko ol ture kanaan lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman qe'eerraa yoo buqqa'an kumaatamatti kan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru.