Waraana Itoophiyaa: 'Tigraay keessatti duula waraanaa bal’aa gaggeessuuf mootummaan fedhii hin qabu' - Reediwaan Huseen

Mootummaan Itoophiyaa TPLF adamsuuf Naannoo Tigraay keessatti duula waraanaa bal'aa adeemsisuuf fedhii akka hin qabne Ministirri Di'etaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reediwaan Huseen himan.

Qondaalli Itoophiyaa kuni guyyaa kaleessaa ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa Finfinnee jiran waliin haala yeroo Itoophiyaa keessa ibsa yeroo kennanitti ture kan kana dubbatan.

Ambaasaaddar Rediwaan TPLF bakkeewwan Amaaraa fi Afaar qabatee ture keessaa kan bahe fedhii nagaaf qabuuf osoo hin taane mo'ameeti jedhan.

Kunis ta'e mootummaan Itoophiyaa ''garee shororkeessaa adamsuuf gandootaa fi magaalota Tigraay tokkoon tokko keessa duula waraanaa bal'aa gaggeessuuf fedhii hin qabu,'' jedhaniiru.

Ta'us, si'achi TPLF haleellaa kamuu raawwachuu akka hin dandeenye gochuuf wanti barbaachisu kamtu akka taasifamu dubbachuu isaanii Ministirri Dhimma Alaa fuula Facebook isaarratti barresseera.

Dabaluunis, mootummaan tokkummaa daangaa biyyattii kabachisuuf dirqama irra jiru bahuuf akka dalaguufi Tigraay dabalatee bakkeewwan biyyattii kamittuu mirga waraana federaalaa bobbaasuu qabu akka kabachiisu ibsaniiru

Ibsa dippiloomaatotaaf kennaniin Ambaasaaddar Rediwaan dhimmoota kaan irrattis dubbataniiru.

Torban darbe Manni Maree Mirga Namoomaa UN himannaa sarbama mirga namoomaa Itoophiyaatti raawwate jedhame garee idil - addunyaan akka qoratamu murtesseera.

Jalqabumaa Itoophiyaan mormaa turuu ishee kan ibsan Ambaasaaddar Reduwaan murtichi ''fudhatama kan hin qabneefi Itoophiyaanis garee kana waliin hin dalagdu,'' jechuun mormii biyyattii ibsan.

Deeggarsi namoomaa Tigraay akka seenu mootummaan waan danda'u hunda gochaa jiraachuus diddaa TPLF fi hawaasi idil - addunyaa dalagaa garee kanaa balaaleeffachuu diduun dhiheessii gargaarsaa lafarraa harkifateera jechuun himatan.

Waggaa darbe mootummaan labsii dhukaasa dhaabuu gam - tokkee yeroo labsetti TPLF diduus hawaasni idil-addunyaa tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu waan dhabeef ergasii booda rakkoowwan akka mudatan ta'eera jedhan.

Kunis TPLF'tti lubbuu horee naannolee ollaa akka weeraru taasise jedhan.

Ajjeechaawwan jumlaa raawwatuu, bu'uuraalee misoomaa mancaasuu, bakkeewwan amantii irratti miidhaa waan geessiseefi dubartoota gareen gudeeduu isaatti hawaasni bakkeewwan deeggarsi bira darbu biratti dheekkamsa uume jedhan.

Konkolaattonni 1010 silaa deeggarsa namoomaa geessan TPLF'n yeroo fudhataman hawaasi idil - addunyaa callise jechuun taaten kuni dhiheessii irratti dhiibbaa waan qabuuf akka salphaatti ilaalamuu hin qabu ture jechuun komatan.

Torban muraasa darban haleellaa mootummaan federaalaa taasiseen bakkeewwan hedduu Naannoo Amaaraafi Afaar keessaa finciltoota Tigraayin qabamanii turan qabateera.

Finciltoonni Tigraay gara naannolee lamaan kana kan ce'an ganna wagga darbe labsii dhukaasa dhaabuu mootummaan labse diduuni. Dhukaasa dhaabuuf haalduree kaa'anii turan.

''Tooftaadhaaf'' ofirra deebi'u kan ibsaa ture TPLF Dilbata darbe gama dura taa'aa isaa xalayaa UN'tti barreesseen ''nagaaf carraa kennuuf'' jecha humnoota isaa Tigraayitti waamuu isaa hime.

Waraana Kaaba Itoophiyaan lammiileen miiliyoona 9 ol ta'aniifi naannolee sadii keessa argaman deeggarsi nyaataa akka isaan barbaachisu UN himeera.

Waraana waggaa tokko ol ture kanaan lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman qe'eerraa yoo buqqa'an kumaatamatti kan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru.