Mishinarooti Ameerikaa 12 Haytiitti butamanii turan miliqanii bahan

Madda suuraa, CHRISTIAN AID MINISTRIES VIA CBS
Gareen mishinaroota Ameerikaa miseensota 12 of keessaa qabu Hayitiitti baatii lama dura butamanii turan warra isaan bute jalaa nagaan miliquun dhagahame.
Gareen mishinarootaa kuni halkan ifa urjiidhaan bosona keessa sa'atii dheeraaf adeemanii warreen isaan butan jalaa bahuu dubbii himaan dhaabbata isaanii himaniiru.
Ministiriin Kiristiyaan Eyiid jedhamu gareen baatii Onkololeessa keessa butame ture torbee darbe bilisa bahuu beeksiseera.
Gareen wanbadee isaan bute qarshii geeddaraa doolaara miiliyoona tokko, nama tokkoon gaafatee ture. Qarshiin kaffalame jiraachuu garuu hamma yoonaa waanti barame hin jiru.
Walumaagalatti mishinaroota 17 fi maatiin isaaniis butamanii turan.
Kunis, dhaabbata guddisa ijoollee haadha fi abbaa hin qabnee magaalaa Gaantiir jedhamu erga daawwataniin booda raawwate, namoonni shan biroon armaan dura gadhiifaman.
Butamuun isaanii Heeytii keessatti rakkoon qarshiif jecha namoota butuu kan wanbadeen raawwatamu xiyyeeffannoo addunyaa akka argatu godheera.
‘’Kuni yeroo sirrii dha yeroo jedhanitti, balbala cufamee ture mala ittiin banan argatan, achii suuta qaxxisaa karaa kana dura ilaallatanirra iddoo qabamanii turaniitii bahan,’’ jedhan dubbii himaan garee kanaa Weestan, Shoowtar, Ohaayoo irraa.
Eegdota ‘baayyee’ jalaa miliquun gara tulluu guyyootaan dura arganitti deeman. Akkamiin eegdota jalaa bahan inni jedhu hamma yoonaa ifa hin taane.
Garee kana keessa namoota gaa’ela keessa jiran, daa’ima baatii 10, ijoollee ganna 14 fi 15 keessa jiru ture.
Kana malees, gaa’essota jahaas qaba. Danqaafi qoraattii keessa darbaatii bahan jedhan dubbii himaan dhaabbatichaa.
Yeroo baqataaa turanitti namni garee sana keessa ture marti callisaan adeemaa akka tureefi daa’imni uffata akka hin miidhamne ishee eeguudhaan aguugamtee turte.
‘’Sa’atii lamaaf daangaa warreen nu butanii keessa gatii turreef cimaa ture,’’ jechuun namoota baqatan keessaa tokko eeruunis dubbatan.
Yeroo bari’uuf jedhu nama bilbila qabu tokko argatanii akka qondaalotaaf bilbilan isaan gargaare.
Boodarra gareen kuni gara Filooriidaa balali’uu Kiriistiyaan Eyiid Miniistirii dubbateera. Baayyeen isaanii amma maatii isaanii waliin wal-arganiiru.
Yeroo warri kana duraa gadhiifamanitti dubbii himaan poolisii Geerii Desroosaayiras isaaniin gadhiisiisuuf garee wanbadee 400 Mazowo jedhamu waliin torbanootaaf falmiifi marii irra turre jechuun AFP’tti himan.
Miseensonni garee kanaa lama Sadaasa keessa kan gadhiifaman yoo tahu, sadii immoo jalqaba Mudde irratti gadhiifaman. Tahus eenyummaan isaanii ifa hin taasifamne ture.
Hogganaan dhaabbata mishinarichaa Deeviid Tirooyar,’’ namoonni qarshii warri wanbadee gaafatan akka kaffallu nutti himaa turan,’’ jedhu qarshii kana kaffaluu isaanii garuu hin ibsine.
Kiristiyaan Eyiid Ministiriin teessoonsaa Ameerikaa yoo tahu fedhii hafuuuraa fi jireenya biyya lafaa namoota addunyaa tajaajiluuf kaayyoo godhachuun kan hundaa’e dha.
Gareen wanbadee jarreen kunneen butan nyaataafi bishaan dhugaatii qulqulluu kennaafi turan, nyaata daa’imaaf tahullee kennaa turanii jedhe dhaabbatichi.
Haa tahu malee, bishaan qulqullinaaf itti gargaaraman faalamee gatii tureef qaamni isaanii bookeedhaan ciniiname dhukkubbiin akka itti dhagahamu taasiseera jedhan.
‘’Namoonni butaman hogganaa garee wanbadee kanaatti irra deddeebiin itti haasa’uun gochaa kanaan yoo itti fufan Waaqni akka murtoo kennu,’’ itti himaa turan.
Dubbii himaan dhaabbatichaa mishinarooti iddoo qabamanii turanitti sa’atii 24 kadhataa turanis jedhaniiru.
Dhaabbatichi daa’imman Heeytiidhaaf mana, nyaataafi uffata kennuun waggaa 30 oliif achiitti hojjeteera.
Biyyoota addunyaa hiyyeeyyii tahan keessaa tokko kan taate Heeytiin dhaabota tola-ooltummaan gargaaaraman keessaas tokkodha.
Yakka wanbadeewwan cimoo Heeytii
Namoota butuun karaatti gareen wanbadee 400 Mazowo qarshii argatu keessaa tokko dha.
Baatii Eblaa keessa miseensonni garee kanaa tajaajiltoota Kaatolikii butanii boodarra gadhiisaniiru, kanaafis qarshiin kaffalamee akka ture hin baramiin hafe.
Biyyattiin, qarshii argachuuf jecha biyya buutiin baayyee keessatti adeemsifamu dha.
Kan bara kanaa immoo addadha dhuma baatii Onkololeessaa irraa buttaan 800 tahu akka raawwate gabaafameera.













