Gareen yakkamtootaa Naayijeeriyaa hamaa addunyaarratti beekamaa ta'e BBCn saaxilame

Gareen yakkamtootaa hamaa wiirtuu isaa Naayijeeriyaa taasifate ajjeechaafi malaamaltummaa raawwachuurarra darbee siyaasa biyyattii keessa galuun hidhata waliin dhoftoota idil-addunyaa diriirsuu sanadiin BBC harka gale mul'ise.

Akka galmeewwan kumaatamaan lakka'amaniifi ragaawwan BBCn argate mul'isaniitti, gareen yakkamtootaa kun daangaa Naayijeeriyaatiin alatti biyyoota garaa garaa keessa socha'aa jira.

Gareen yakkamtootaa 'Black Axe' jedhame kun, Naayijeeriyaa keessa waggootaaf socha'aa kan tureefi gareewwan yakkamtootaa balaafamoo jedhaman keessaa tokko akka ta'e bira gahameera.

Naayijeeriiyaa keessatti miseensa gareewwan isa fakkaatu keessatti miseensa ta'uun seeraan dhorkamaadha.

Gareen gaazexessitoota qorattoottaa BBC (BBC Africa Eye) waggoota lamaan darbaniif garee Black Axe jedhamu kana hordofaa, miseensoota isaa duraa dubbisaa akkasumas galmeewwan hedduu waliitti qabaa tureerra.

Galmeewwan walitti qabaman hunda maddasaanii qulleesuun dadhabamulleen isaan keessaa kanneen eenyummaa garee kanaa ifatti agarsiisan agrachuu danda'eera.

Ragaalee BBCn qorate bira gahe keessaa ergaan iimeelii tokko, namni daldalaa Naayijeeriyaa beekamaafi bara 2019tti kaadhimamaa paartii APC ture Ogustu Beemiigoo miseensa Black Axe duraanii akka tureefi gochaa waliin dhahuu doolaara miiliyoona hedduu ittiin argate raawwachuu mul'iseera.

Fuulaawwan Beemiigoo waliin hidhatan qaban gara kuma 18 ta'an, namni kun kanneen isa waliin hojjataniif qajeelfamoota haala itti hatamuu erguusaafi namoota hammaaf irratti xiyyeeffatameef ergaa dabarsuun isaa mul'saniiru.

Iimeeliin Beemiigoof ergame tokkoos: ''doolaara gara miiliyoona tokko ittiin arganneerra,'' jedha. Ergaan kunis maqaa, teessoofi lakkoofsa bilbila nama gochaa waliin dhahaa kanaan miidahmeefi qajeelfama ittiin waliin dhahan kana qabateera.

BBCn namoota imeelii Beemiigoon miidhaman lama hordofuun bira gaheera. Waliigalatti doolaara miiliyoona 3.3 akka dhaban dubbatu.

Qorannoowwan qaamoolee seera raawwachiftota idil-addunyaatiin hojjataman akka mul'isanitti, gareen Black Axe jedhamu kun doolaarri waliin dhahee biiliyoonootaan kan lakkaa'amu ta'u danda'a.

BBCn yaada Beemiigoo argachuuf yaalii taasisulleen yaada keennuuf fedhii hin agrsiifne.

Suuraawwan waraqaaleen miliqanii bahan tokko tokko qabatanis maxxansaaf waan hintaaneef ifa hintaane. Garuu garichi bara 2009-2019tti Bulchiinsa Edoo taa'uun sirna siyaasa Naayijeeriyaa keessa galuusaa galmeewwan kunneen ni mul'isu.

Sanadawwan lamaan kunneen magaalaa Beeniinii Naayiraa miiliyoona 35 (doolaara kuma 62) gara akkaawuntii 'the Neo-Black Movement of Africa (NBM)' jedhamuutti galfamuu mul'isa.

Gareen kun Naayijeeriyaa keessatti galmaa'uun kan socha'u yoo ta'u, dhaabbilee seera kabachiiftoota warra liixaatiin kan hordofamuufi akkuma Black Axetti balaafamaa jedhamee kan ilaalamudha. Kana malees, filannoo Naayijeriyaa 2012 keessaa harka qaba jedhama.

Sanadoonni akka mul'isaniitti, dhaabbatichi kun yeroo sanatti deeggarsa taasiseef ''eddoowwan hojii waajiraalee mootummaa naannoo duwwaan 80 battalumaan NBM' kennameera.

Roogeessi magaalaa Beeniiniitti dargaggoonni gareewwan yakkamtootaa kan akka Black Axe keessa akka hingalleef hojii dadamaqsuu hojjachuun beekamu Kurtis Ogebebor, ''siyaasin Naayijeeriyaa meeshaa taphaa maafiyaa ta'eera'' jechuun BBCtti himeera.

''Kunis mootummaa keenya keessa sadarkaa hunda irra kan jiruu fakkaata, dakaa hanga gubbaatti. Keessumattuu, isaan ni agarta,'' jedhan Kartiis.

Dhaabbanni Neo-Black Movement of Africa ani Black Axe waliin hidhata omaatuu hinqabu jechuun himannaa irratti dhiyeete cimsuun balaaleeffateera. Akkasumas, abokaatoon garee kanaa miseensi Black Axe waliin hidhata qabu kamuu 'battalaan hari'atama' jedheera.

Gareen NBM jedhamu kunis addunyaa gutuurraa miseensoota miiliyoona sadii ol ta'e qaba kan jedhu yoo ta'u, suuraawwan wayita ijoollee warra hinqabne, manneen barnootaafi poolisoota Naayijeeriyaafi biyyoota biraatiif deeggarsa taasisuu agarsiisan maxxansa.

"NBM gare Black Axe miti. Yakka walinis hidhata omaatuu hinqabu,'' jechuun ture pirezidaantiin garee kanaa Ese Kaakor BBCtti kan himan.

Haata'u malee, dhaabbileen kabachiiftoota seeraa idil-addunyaa ilaalchi waa'ee NBM qaban adda. Ministirri Haqaa Ameerikaa NBM'n ''dhaabbata yakkamaa'' jechuun kan farajee yoo ta'u, damee garee ''Balck Axe'' jedhaan. Aanga'oonni Kaanaadaatiis jarri lamaan ''wali fakkaatoodha'' jedhaniiru.

Waajjirri Qorannoo Federaalaa Ameerikaa, FBI fi Intarpool dhiheenya kana Black Axe irratti xiyyeeffachuun qorannoo erga taasisaniin booda, miseensoota NBM 35 Ameerikaafi Afriikaa Kibbaa keessatti to'annaa jala oolchaniiru.

Namoonni kunneenis kan to'ataman karaa deeggarsa Intarneetiin doolaara miiliyoonoota waliin dhahaniiru jedhamuun. NBM miseensoonni kunneen yeroof dhaabbaticha keessaa dhorkamusaanii BBCtti himeera.

Aangaa'oonni Kaanaadaa karaawwan waliin dhahu maallaqaa Black Axe waliin hidahta qabu 2017tti adda kutusaa ifa taasisee ture. Maallaqni kunis gara doolaara biiliyoona 5 akka ta'u aanga'oonni Kaanaadaa himatii ture.

Yeroo ammaa kanatti malawwan waliin dhahuu maallaqaa meeqa faayidaarra oolaa akka jiran baramuu baatulleen, sanadoonni garuu, miseensoonni Leegoos, Landan, Dubaay, akkasumas biyyoota biraa hedduu keessa ta'uun walquunnamtii akka taasisan mul'isu.

Gareen Black Axe jedhamun kun Naayijeeriyaatti yakkaafi gochaa suukkaneessaan daandiiwwanirratti raawwachuufi hidhata namoota siyaasaa waliin qabuun beekama.

Haata'u malee, hidhanni gareen kun namoota siyaasaa waliin qabu ifatti hin beekamu.

Yeroo jalqabaatiif miidiyaalee idil-addunyaatti kan dubbataniifi miseensi bulchaan duranii bulchiinsa Edoo, miseensummaa Black Axe siyaasaa Naayijeeriyaa keessa babal'chuusaa BBCtti himan.

''Osoo na teessiftanii qondaaltoota mootummaa miseensa garee kanaa tarreessi naan jettanii nan tarreessa,'' jedhu Toonii Kaabaakaa.

Namni kunis erga aangoorraa bu'aniin booda irra deddebiin yaaliin ajjeechaa akka irratti raawwatameefi karri mana amma keessa jiraatanii rasaasaan urachuu BBCtti himaniiru.

''Namoonni siyaasaa irra caalaan karaa ta'een harka keessaa qabu,'' jedhu.

BBCn qondaaltoota bulchiinsa Edootiif Black Axe waliin hidhata qabduu? jechuun gaaffii dhiyeesseef hanga ammaatti deebii hin arganne.