Iraan nama cimaa qoricha daddabarsuun beekamu 'Naacha Galoo-galaanaa' jedhamu fanniste

Iraan namicha qoricha seeran alaa sammuu namaa adoochu daddabarsuun beekamaa ta'e maqaa "Naacha Galoo Galaanaa" jedhuun beekanu ajjeesuufi marsaafi neetiwoorkii isaa cicciruu miidiyaan biyyattii gabaaseera.

"Naachichi" galaana idil-addunyaa irraan qoricha sammuu namaa adoochan toonii 100 dabarsaa osoo akka qabame aanga'oonni ni dubbatu.

Namni gocha seeraan alaan beekamu umuriin isaa ganna 36 ta'eefi gargaaraan isaa opireeshinii waggoota dheeraa intelejensiin gaggeessaa tureen boodadha.

Iraan waggaa waggaan hidhamtoota dhibbaataan lakkaa'aman ajjeechaan adabdi.

Aministii Internaashinaal biyyattiin bara 2018 keessa namoota 253 du'aan adabdeetti jedha. Kun ammoo kan bara isa duraan ture 507 ture irraa %50 hir'achuu agarsiisa.

Kun ta'uuf ammoo, seera cimaa farra qoricha sammuu namaa adoochuu noorkootiksii ture laafuu isaatu sababa jedhameera.

Haa ta'u malee, sadarkaa idil-addunyaa irratti qoricha sammuu namaa adoochan daddabarsuun ammallee du'aan ni adabsiisa.

"'Naachcihi maqaa gara garaafi sababoota sobaa gara garaa da'oo godhachuun hojjetaa ture," jedhan abbaan alangaa konyaa Hormozgan Alii Saalehi yeroo Ejensii Oduu ISNA'tti himan.

"Namichi kun qoricha sammuu adoochan hundaan ol guddaafi neetiwoorkii baay'ee hamaa ta'een Iraaniifi naannicha keessa daddabarsaa turuun beekama," jedhan.

Miseensonni garee hojii seeraan alaatti bobba'an biroon hidhaa cimaa waggaa shaniifi adabbii cimaa biroon irratti darbeera, jedhan.

Gareen yakkamtootaa qoricha sammuu namaa adoochan kun maallaqa seeraan alaa daddabarsuu keessatti kan hirmaatu yoo ta'u ijaarsa riil istaatiirrattillee hirmaataa ture. Qabeenyaafi misooma isaa kana hanga tokko ammoo mootummaan dhaaleera.

Aanga'oonni eenyummaa dhugaa namicha maqaa "Naachicha" jedhamuun beekamu kana ibsuu kan hin barbaanne yoo ta'u "AZ" jechuudhaan gabaajeedhaan yeroof waamaa jiru.