Volkaanoo Indoneeshiyaatti dhohee gandoota awwaaleen lakkoofsi namoota du'an dabalaa jira

Ibsa waa'ee viidiyoo, Gabaastuun BBC wayita manoota liqimfaman bira dhaabattee gabaasaa jirtutti

Volkaanoon Indoneeshiyaa keessatti Dilbata darbe dho'e yoo xiqqaate namoota 34 galaafachuu isaa ejensiin ittisa balaa biyyaalessaa hime.

Erga dho'insa guddaa Dilbata darbe odola Jaavaa irratti qaqqabeen Gaarri Semeruu ittuma fufee baqaadhuma jira.

Gaarri Semeruu ganootatti jigee liqimsuun daaraan volkaanoofi raaree ibiddaa odola Jaavaatti waan aguugeef jiraattonni kumaan lakkaa'aman baqachuuf dirqamaniiru.

Namoonni 17 ta'an ammoo ammallee bakki buuteen isaanii dhabameera.

Gareen birmannaafi saroonni baraaruuf bobba'an ammoo namoota lubbuun jiraachuu malan jedhaniifi du'anii caccabaa keessa jiran jedhan barbaadaa jiru.

Hojiin baraaruu kun sababii haala qilleensaa rakkisaa ta'e naannicha keessa jiruun walxataa ta;eera.

Valkaanoon Dilbata dhohe kun ammallee bakka tokko tokkotti sadarkaa gadi aanaa ta'een itti fufee jira.

Pireziantiin Indoneeshiyaa Jookoo Widoodoo bakka volkaanoon dhohe kana Kibxata qaamaan argamanii daawwachuun yaaddoo sababii balaa kanaan deemaa jiruuf maatiiwwan 2,000 ta'an bakka sanaa godaansisuun ni danda'ama jedhan.

"Amma erga wanti hundumtuu tasgabbaa'ee waan hunda hojjechuu jalqabuu ni dandeenya jennee abdanna: bu'uuraaleen misoomaa deebisuu ykn warreen bakka isaaniitti deebiyuun balaa qabaata jedhame ammoo qubachiisuu," jedhan.

Gaarri Semeruu meetira 3,676 kan dheeratu yoo ta'u, Indoneeshiyaa keessatti bakkawwan volkaanoon ho'aan jiran 130 keessaa isa tokkodha.

Yeroo darbe Mudde 2020 volkaanoon bakka kanaa kun dhohee namoonni achi jiraatan kumaan lakkaa'aman baqachuun bakka biraa qubachuuf dirqamaniiru.

Indoneeshiyaan Geengoo Ibiddaa Paasfik (Pacific Ring of Fire) irratti argamti. Sararri kun ammoo bakka yeroo baayyee dho'insi volkaanoofi kirkirri lafaa kan itti mudatudha.

Gaarri Semeruu daaraafi haara volkaanoo dhohee gadhiisuu itti fufeera

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Gaarri Semeruu daaraafi haara volkaanoo dhohee gadhiisuu itti fufeera
Erga dho'insi mudatee gandoonni hanga tokko daaraan liqimfaman

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Erga dho'insi mudatee gandoonni hanga tokko daaraan liqimfaman
Konkolaataawwaniifi manneen guutummaan guutuutti wantota caccabaafi lafa citeen aguugaman

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaataawwaniifi manneen guutummaan guutuutti wantota caccabaafi lafa citeen aguugamaniiru
Volkaanoon osoo dho'aa jiruus sochiin namootaa ammoo itti fufees jira

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Volkaanoon osoo dho'aa jiruus sochiin namootaa ammoo itti fufees jira
Gareen baraartotaa yeroo bakka dhoqqeefi daaraa sababa dho'insaan aguugame jala barbaadanitti

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen baraartotaa yeroo bakka dhoqqeefi daaraa sababa dho'insaan aguugame jala barbaadanitti

Kanarratti waan dabalataa: