Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
EUn olaantummaa invastimantii Chaayinaan Afriikaa keessatti qabdu dura dhaabbachuuf
Gamtaan Awurooppaa karoora investimantii dhaabbata investimantii guddicha Chaayinaa ''Belt and Road Intiative'' jedhamuuf masaanuudha jedhame jalqabuuf akka jiru ibse.
Kanneen sagantaa kana keessa beekan karoorichi dhimma dijiitaalaa, geejjibaa, jijjiirama qilleensaa fi anniisaa irratti akka xiyyeeffatu himan.
Sochiin Gamtaa Awurooppaa kun karoora biyyoonni lixaa olaantummaa Chaayinaan Afriikaa fi biyyoota addunyaa biroo keessatti qabaachaa jirtu dura dhaabbachuuf qabatan keessaa tokko ta'uutu himama.
Pireezdantiin Komishinii Awurooppaa Ursula von der Leyen sagantaa maallaqa biiliyoona hedduun hojjetamu "Global Gateway" jedhamurratti har'a ibsa bal'aa kennuuf.
Gamtaan Awurooppaa sagantaa kana milkeessuuf yuuroo biilyoonaan lakkaa'amu miseensotaa fi dhaabbilee maallaqaa isaarraa akkasumas investaroota dhuunfaa irraa guuruuf akka jiru hime.
Aadde von der Leyen ibsa Fulbaana darbe kennaniin, ''Hojii investimantii qulqullina qabu keessaahuu damee misoomaawwan bu'uuraa fooyyessuun namoonni haala salphaan akka waliin daldalanii fi walargan ni goona,'' jedhanii turan.
Komishinichi wayita karoora kana ibsu Chaayinaarratti dhiibbaa uumuuf akka jiru ifatti hin dubbanne.
Jaarmiyaa Transatlantic jedhamutti hojjetaa kan ta'e Andrew Small, jiraachuun jaarmiyaa ''Belt and Road'' hundeeffama jaarmiyaa ''Global gateway'f'' bu'uura jedhe.
Akkanni jedhutti sagantaan kun kan yeroo duraaf biyyoonni Awurooppaa maallaqa guddaan biyyoota gargaaruuf jalqaban ta'us, kan Chaayinaas biyyoota hedduu fayyadaa ture. Kanaafuu biyyoonni filannoo argatu jedhe.
Sagantaan ''Belt and Road'' jedhamu karaawwan imaammati dhimma alaa Chaayinaa ittiin milkaa'aa turan keessaa tokko.
Chaayinaan karaa sagantaa kanaa misooma daandii, daandii baaburaa, riqichaawwan fi buufataalee doonii hojjechaa jirti.
Sagantaan kun biyyoota Eeshiyaa, Indo-Pacific, Afrikaa fi biyyoota handaara Awurooppaa ta'an Lixa Balkaans keessatti hojiirra oola.
Haata'u malee sagantaan kun karaa ittiin Chaayinaan liqiidhaan biyyoota koloneeffatuuda jedhamuun komatama.
Chaayinaan maallaqaan dippiloomaasii bitatti, olaantummaashee mirkaneeffatti jedhamuun haa komatamtuyyuu malee karaa sagantaa kanaa garuu waan yaadde guutteetti.
Afrikaa dabalatee biyyoonni guddataa jiran hedduun irraa fayyaadamaniiru.
Gama lamaanuu sochiin diinagdee Chaayinaa kun biyyoota Lixaa keessatti yaaddoo guddoo uumeera.
Amma ammoo Gamtaan Awurooppaa iddoo Chaayinaa kana qabachuuf tattaafataa jira, akka Andrew jedhutti haalli kun biyyoota Awurooppaa qoruu mala.
Gamtaan Awurooppaa dhuguma amma jalqabee kan Chaayinaan waggootaaf dalagaa turte bakka bu'aa kan jedhu gaaffii ijoodha jedha Andrew.
Gama kaaniin Ameerikaanis sagantaa kanaan walfakkaatu "Build Back Better World" jedhamu Waxabajjii darbe yaa'ii waliigalaa G7 irratti labsitee turte.
Kun hunduu walqabatee biyyoota kunneen gidduutti qoollifannaa uumuun waan hin oolle.