Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: USAID gabaasaalee 'Itoophiyaa keessaa bahaa jira' jedhan kuffise
Dhaabbanni qarqaarsa idil-addunyaa Ameerikaa gabaasaalee ''dhaabbatichi Itoophiyaa keessaa bahaa jira'' jedhan kuffisuun, hojii isaa Itoophiyaa keessaa akka itti fufu BBC'f mirkaneesse.
Jaarmiyaan gargaarsaa biyyatti USAID, nyaata yeroo atattamaa dabalatee qarqaarsa haalaan barbaachisaa tahan kaaba biyyattiitti dhiyeessuu itti fufneerra jedhe.
Dubbi himtuun dhaabbatichaa Rebecca Chalif: ''Hojjettoonni keenya lammiilee Ameerikaa tahan biyyaa bahanis, dhimma qarqaarsa namoomaa irratti michoota keenya wajjin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jirra,'' jedhan.
USAID kana kan jedhe erga aanga'aan Itoophiyaa olaanaan tokko ''Carraa gaarii tahee, USAID biyya keessaa bahaa jira jedhame'' jechuun ergaa maxxansaniin booda.
Ministeer deetaan Ministeera Nagaa Obboo Taayyee Danda'aa Dilbata galgala fuula Facebook isaanii irratti ergaa kana kan maxxansan wayita tahu, sababni USAID biyyaa bahuufis ''mootummaan ulaa Humaraa banuu waan dideef,'' jechuun himatan.
Obboo Taayyeen dabaluunis: ''Akka hooggantuun dhaabichaa Saamaantaa Paawor jedhanitti, kan biyyaa bahan humna US qabdu uummata Itoophiyaatti agarsiisuuf,'' jedhan.
''Gootota Itoophiyaaf kun carraa guddaadha,'' jedhan qondaalli kun.
Himannaa aanga'aan kun dhiyeessan irratti jaarmiyaan kun kallattiin kan hin dubbanne oggaa tahu, ergaa barreeffamaan BBCf ergan garuu hojii isaanii Itoophiyaa keessaa kan itti fufaa jiran tahuu akeeka.
''Erga [waraanni Tigraay] jalqabe kaasee Ameerikaan qaamolee kamuu caalaa qarqaarsa namoomaa isa guddaa jedhamu taasifteetti - doolaara miiliyoona 663 kan tahu uummata Itoophiyaaf arjoomneerra.''
Tahus garuu USAID biyyattii keessatti danqaaleen garagaraa isa mudachaa jiraachuus hin dhoksine.
''Michoonni keenya mootummaa irraa dabalatee danqaalee cimaatu isaan mudachaa jira. Kana malees balaan rakkoo nageenyaas ni jira. Danqaaleen kunniin USAID fi hawaasni qarqaarsa namoomaa, namoota qarqaarsi haalaan isaan barbaachisu bira gahuuf rakkisaa taasisu,'' jedha.
''Rakkooleen gurguddoo kunniin jiranis, michoonni keenya qarqaarsa nyaataa yeroo atattamaafi deeggarsa barbaachisoo tahan kaanis dhiyeessuu itti fufaniiru,'' jechuun qarqaarsa kanas kan dhiyeessaa jiran sabaan adda otoo hin foo'in, akkasumas bakka nageenyi fi ulaan jirutti tahus himan dubbi-himtuun dhaabichaa.
Waraanni Tigraay Sadaasa bara dabre keessa eegalee amma gara naannolee ollaatti babal'ate, erga eegalee ganna tokko ol lakkoofsiseera.
Mootummaan Itoophiyaa lola kanaan dhimma keessoo biyyaafi qaama seera kabachiisuuti kan jedhu yeroo tahu, Ameerikaa dabalatee biyyoonni Lixaa kaan dhimma keessoo keessa seenuun dhiibbaa taasisu jechuun komata.
Kana malees miidiyaaleen idil-addunyaa biyyoota alaa haalli waraana kana itti gabaasani sirrii kan hin taaneefi finciltoota TPLF'f kan loogudha jechuunis irra deddeebiin kaasa.