Juuliyas Joons: Murteen du'aa hidhamaa US irratti raawwatamuuf ture sa'aatii xumuraatti haqame

Biyya Ameerikaatti bulchaan bulchiinsa Oklaahomaa ajjeechaa nama amala sirreessaa jiruufi du'aan adabamuuf sa'aatiin muraasa hafe hambisan.

Keevin Sitiit adabbii du'aa hidhaa umrii guutuu dhiifamaan hin gadhiifamnetti akka jijjiiramu taasisaniiru.

Kana dura barattoonni dhibba hedduu kutaa barnootaa bahuun Juuliyes Joons dhiifamni akka taasifamuf gaafataniiru.

Joons hanna konkolaataa gidduutti Poowul Howeel ajjeesuun ture bara 2002 duuti kan itti murtaa'e.

Haata'u malee, Joons nama kana hin ajjeesne jechuun hima. ''Ani Howeel hin ajjeefne.

''Du'a isaa keessatti qooda homaa hin qabu. Yeroo jalqabaafuu yeroo duuni isaa televijinii gubbaa gabaafamuun arge,'' jechuun erga ol iyyannoo ijibbaate dadhabee booda xalayaa boordii dhiifamaatti ergeen ibseera.

Dhimmi isaa qalbii namoota beekamoo kanneen akka Kim Kardaashaaniifi rogeessota farra-du'aa harkiseera.

Silaa Joons sirinjiidhaan waraanamee ajjeefamuuf karoorri qabamee raawwatamuuf sa'aatii muraasa qofaatu hafee ture.

Miseensi Paartii Rippablikaanii Sitiit ''kadhaafi ragaa bitaa mirga dhihaate ilaaluun'' gidduu seenuu isaanii himan.

Kana dura boordiin dhiifamaa Joons hidhaa umrii guutuun garuu yeroo isaa osoo hin xumuriin karaatti gadhiifamu maluu yaada dhiheessee ture.

Dhimmi yakkamaa kanaa erga bara 2018 ABC'n waa'ee isaa dokimantarii dalagee as xiyyeeffannoo argateera.

Namoonni miiliyoona jaha ol Joonsif haqa akka argatu mallatteessaniiruuf. Mallattoon kuni Joons murtii du'aatti kan isa geesse badii qaama murtee kennuuni jechuun himatan.