Lammiin Ameerikaa dogongoraan waggoota 26'f hidhame dhiifamni taasifameef

Lammiin Ameerikaa bulchiinsa Kaaba Kaarolaayinaa jiraatu dogongoraan nama ajjeesuun yakkamaa jedhamee hidhaa waggoota 26 booda bulchaa bulchinsichaan dhiifamni taasifameef.

Doonte Shaap erga bara 1994 hidhaa seenee booda harki isaa qulqulluu ta'u mirkaneesuuf guddaa ifaaje. Hidhaarraa Hagayya bara 2019 ture kan gadhiifame.

''Maqaan maatii kootii qulqullaa'eera. Ba'aan anaafi maatii kiyyaarraa bu'eera,'' jechuun gaafa Jimaataa ripportarootatti dubbate.

Oduun nama kanaa dokimantarii BBC'n waa'ee haqa dhabuu isaa irratti hojjete booda dhagahame.

Seenaan Shaap namni tokko erga mana hidhaati bahee bilisa ta'e boodas dhiifamni taasifamuuf waggoota akka fudhatu agarsiise.

Bulchaan Kaaba Kaarolaayinaa Rooy Kuuppar ibsa baasan keessatti dhimmicha xiyyeeffannoon qorachuufi namoonni akka Shaap dogongoraan yakkamaa ta'an ''haqa dhabuun isaanii ifatti beekkamtii argachuu qaba,'' jedhaniiru.

Amma ifatti dhiifamni taasifame jechuun Obbo Shaap sababa dogongoraan hidhamaniif bulchiinsicha beenyaa gaafatuu danda'u jechuudha.

''Hamma namoonni dogongoraan himatamaniifi yakkamaa jedhaman jiranitti akkasumas dhiifamni akka isaaniif taasifamu eegaa jiranitti bilisummaan kiyya guutuu miti,'' jechuun himan.

''Mana hidhaan ture. Sirnii haqaa malaammaltummaan kan laaqamedha. Jijjiiramuu qaba,''.

Yeroo ammaa dhaabbata Forwaard Jastiis jedhamuufi riformiin haqaa bulchiinsa Noorth Kaarolaayinaatti akka taasifamu kanneen sochii taasisaa jiran keessaati. Shaap nama Joorj Raadkiliif ajjeessuun yakkamaa ta'e. Haa ta'u malee, baatii muraasa booda dubartiin bulchinsichaaf ragaa turte jecha ishee kaafte.

Ta'us, hidhaa irraa gadhiifamuuf waggoota 20 ol eeguuf dirqame.

'Doonte Shaap reefu hojii eegale', Chelsii Beyliin

Bona baranaa Doonte Shaap yeroon argadhe yeroo isaa hafte sirna haqaa Ameerikaa suphuutti akka dabarsu natti hime.

Amma qabsoo waggoota 30'tti dhihaatuf erga taasisee booda dogongoraan yakkamaa isa jedhame ofirraa qolateera.

Dhiifama guutuus argateera. Kanaaf hojii hojjetuu yaade amma eegala. Erga bara 1989, namoonni 2,887 ol dogongoraan yakkamaa jedhamanii turan bilisa baafamuu Galmeen Dhiifamtootaa Biyyaalessaa Ameerikaa ni ibsa.

Akka galmee kanaatti namoonni kunniin dogongoraan waggoota 25,000'f mana hidhaa akka turan taasifamaniiru.

Yakkamaa akka hin taane mirkaneessuuf qabsoon waggoota dheeraaf fudhate taasifameera.

Qabsoon kuni ogeeyyii seeraa, paastaroota, deeggartootaafi miseensa maatii isaa kan hirmaachise ture.

Abukaatoon isaa Caitlin Swain qabsoon Obbo Shaap karaan fooyya'aa namni haqa itti argatu jiraachuu akka qabu agarsiisa jedha.

Si'achi xiyyeeffannoon Shaap namoota ammallee hidhaa jiran ta'u natti hime: ''Srini keenya malaammaltummaan laaqameera, jijjiiramuu qaba.''