Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fonqolcha Sudaan: Dippilomaatiin US MM Abdallaa Hamdok waliin wal argan
Dippilomaatiin Ameerikaa Ministira Mummee Sudaan Abdallaa Hamdok kan to'atamanii jiran waliin wal arguun isaanii gabaafame.
Gargaartuun Dhimma Alaa Ameerikaa Mool Phee dowwannaa isaanii guyyaa sadiif Afriikaatti taasisaniin, MM Hamdok kan erga yeroo fonqolchi mootummaa waraanaan Sudaaniitti gaggeeffamee qabee hidhaa maraa jala jiraniin wal argan.
Mool dhimma maaliirratti akka mari'atan ilaalchisee, kan toora tiwiitii isaanii irratti, ''gara fuula duraa ce'umsa dimokiraasii Sudaan deebiisurratti'' mari'anneerra jedhaniin alatti bal'ina hin kennine.
Ameerikaan fongolcha waraanaan Onkololeessaa 25 irratti mootummaa waloo waraaniifi sivilii kan bara 2019tti hundeeffameerratti raawwatame balaalleeffatti.
Mootummaan hundeeffamme sunis silaa pirezidaanittii biyyattii baroota dheeraaf bulchaa turan Omaar al-Baashir erga aangoo irraa kaafamniin booda akka filannoof haala mijeessuuf kan yaadamee ture.
Ms Phee akkasumas hogganaa fonqolchichaa kan ta'an Janraal Abdal Fattaah al-Burhaan waliinis marii'achuushee Rooyitars gabaaseera.
Innis kanneen erga foqolchi gaggeeffamee hidhaman gadhiisuuf adeemsa eegaluu dubbachuu madda oduu mootummaa kan ta'e Suna eeruun gabaaseera.
Gama biraatiin ammoo hiriirri mormii gocha fonqolcha taasifamee ammalleen Sudaaniitti itti fufeera.
Kibxata kaleessaas gazexessitoonni, kanneen hirriyyoonni isaanii jalaa to'ataman mootummaa waaraanaa balaaleeffachuun hiriira ofiisaanii gaggeessanii ture.