Fonqolcha Sudaan: Loltuun egeree biyyattii qabsiisee maaliif [qumaara] taphata?

    • Barreessaa, Alex de Waal
    • Gahee, Africa analyst

Dursaan fonqolcha mootummaa Sudaan Jeneraal Abdel Fattaah al-Burhaan biyyattii gara dukkanaatti fuudhanii gugachaa jiru.

Dimokiraasii Sudaan reefuu jalqabuuf jettu addunyaan ija keessa ilaalu balaarra buusan. Idaa biyyattiif haqamuuf ykn tursiifamuuf ture karaatti hambisanii, gargaarsa namoomaa idil-addunyaarraa taasifamu akka hin taane godhan. Nagaa finciltoota Daarfur, akkasuma warreen Gaarreen Nuubiyaa waliin jiru danqan.

Hanga Wixata darbe aangoo guutummaatti harka isaanii jala galfatanitti dursaa Mana Maree Walabaa Sudaaniifi gaggeessaa loltuu qaama sivilootaafi loltootarraa ijaaramanii waloon biyyattii hogganaa turan.

Jenaraalli kun kaabinee sivilootaa diiguun, Ministira Muummee Abdallaa Hamdok fi aanga'oota siviloo biroo bebbeekamoo qabanii hidhan.

Aanga'oota sivilii amma to'atan kana hanga filannoon waggaa dhufu gaggeeffamutti aangoo waliif qooduuf waliigalanii turan.

Hojii jenaraalichi aangoo dhuunfachuuf hojjechaa turan icciitii miti.

Ji'oota darban keessa, gaggeessummaa MM Abdallaa Hamdokiif obsa akka dhaban agarsiisa. Yeroo akka obsa hin qabne dubbatanitti biyyattii baraaruudhaaf gaggeessaa cimaatu barbaachisa jechaa turan.

Hiriira dhiyeenya kana garee loltoota deeggaruun magaalaa guddoo biyyattii Kaartuum keessatti bahameen, hiriirtonni MM Abdallaa Hamdok jireenyi hammaateera jechuun komataa turan.

Sudaan keessatti warri ilaallcha dimokiraasii qaban shira humna waraanaa kanaan rifataniiru.

Shirri waraanaa karoorfame kunis kan bara 2013 keessa Masiriitti dursaa humna waraanaa kan turan Abdul Fattaah al-Siisiin aangoo dhuunfatan waliin walfakkaata.

Gocha kana yeroo raawwatanis achirraa galagachanii kan hojiirra oolchanis fakkaata jedhu xiinxaltoonni.

Bara 2019 keessa Waldaan Ogeessota Sudaaniifi koreewwan hedduun mormii karaa nagaa qideessuun bulchiinsa Pirezidant Omaar al-Bashir waggoota 30 ture kaasan ammas akka haaraatti mormiif daandiitti ba'uuf qophaa'a jiru.

Taatee Sudaan keessatti deemaa jiru kanaan dippilomaatonni biyya alaas yaadda'aniiru.

Baha Afrikaatti Ergamaan Addaa US Jefirii Feltmaan dhuma torbee darbee kana jeneraalota waraanaafi siviloota gidduu waliigalteen akka jiraatu gochuuf Kaartum turan.

Gareen lamaan waliigalaniiru yaada jedhuun ture Dilbata kan achii deeman ergamaan addaa US kun.

Fonqochi kun garuu ergamaan addaa kun biyyattii gadhiisanii sa'aatii muraasa keessatti gaggeeffame. Kun ammoo Ameerikaanota hedduu aarseera.

Ifatti dubbachuudhaaf, Ameerikaan sossobamteetti. Kanarraa ka'uun battalumatti deeggarsa maallaqaa dolaara miliyoona 700 akka "dhaabu" himeera bulchiinsi US.

Dhimma kana caalaa guddaa ta'e ammoo liqaa/idaa Sudaan irra jiru dhiyeenya kana MM Abdallaa Hamdok irratti hojjechaa turan garam deema kan jedhudha.

Turtii dhiphuu waggaa lamaa booda, gargaarsi idil-addunyaa dinagdee Sudaan baraaruuf dhumarratti karaa qabateeru - amma danqameera.

Gamtaan Afrikaa (AU), Dhaaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN), IGAD fi biyyoonni gama Lixaa Sudaan gargaaran hundumtuu fonqolcha gaggeeffame kana abaaruun akka gara bulchiinsa siviliitti deebiyamuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Liigiin Arabaas falli heera mootummaan kennamu akka kabajamu gaafateera. Gareen kun yeroo hedduu tarkaanfii mootummaan Masirii waliin deemu, garuu Jeneraal Burhaan hangam deeggarsa Kaayiroo irraa argaturratti hundaa'a jechuun gaafata.

Bara 2019 keessa deeggarsa maallaqaa Jeneraal Burhaaniif taasisaa kan turan Sa'ud Arabiyaafi Yunaayitid Arab Emiratis (UAE), hanga ammaatti callisanii jiru.

Biyyoonni kunnen deeggarsa loltuu cimaa kanaaf qaban ejjennoo akkasii agarsiisaa jiru ta'a, garuu idaa Sudaan baachuuf jiru irraa fuudhuu hin danda'an.

Jeneraal Burhaan biyyattii keessatti nama baayyee cimaadha. Kun ammoo bara 2019 keessa humna waraanaafi warra Humnoota Jijjiirama Walabaa (FFC), fi garee sivilootaa waliin waliigalteerra akka gahamuuf gumaachuu isaaniitif jedhama.

Akkas taanaan maaliif qaanii tokko malee aangoo dhuunfachuudhaan yaaddoo hamaa kana karra saaqaniree?

Akka waliigalte jirutti, Jeneraal Burhaan aangoo isaanii dursummaa Mana Maree Walabaa ji'a dhufu gadhiisuuf jiru.

Yeroo sanatti siviliyaaniin FFCn filate gaggeessaa mootummaa ta'a jedhamee waliigalteerra gahameera.

Kanarraa ka'uun ammoo, mootummaan sivilootarraa ijaarame ajandaa ijoo isaan lafa kaawwatan hojirra akka oolchaniif caalamaatti bakka isaaniif kenna.

Mootummaan akka ilaalchaatti pirezidantii duraanii Omaar al-Bashir Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC)'tti dabarsee kennuuf dhimmamaadha.

Jeneraal Burhaaniifi gaggeessaa milishaa Humna Deeggarsa Saffisaa (RSF) Jeneraal Mohaammad Hamdan ykn maqaa masoo "Hemetii" Dagaloo jedhamu dabalatee qondaalonni Bashir ze Heegitti osoo hin taane Sudaan keessatti akka dhimmi isaa ilaalamu barbaadu.

Bashir yakka waraanaa Daarfur keessatti tureen walqabatee ICC irratti yoo dhiyaate maqaa keenya kaasuu mala jedhanii yaadu. Kun ammoo sababii sirriidha jedhama.

Jeneral Burhaaniifi qondaalonni biroon akka sodaatan kan isaan taasisu sababiin biroon ni jira. Ajjeechaa bara 2019 Kaartuum keessatti gaggeeffame yeroo ka'u qubni gara isaaniitti qabama.

Ajjeechaan Kaartum keessatti kan raawwatame Bashir aangoo erga gadhiisanii ji'a lamaffaa keessa yeroo mormitoonni bulchiinsa sivilii nuuf wayya jechuun hiriira bahanitti ture.

Ajandaawwan biroo jeneraalota yaaddessan malaammaltummaa ittisuufi rifoormii humna nageenyaa keessatti fiduudha.

Kun ammoo neetiwoorkiiwwan kampaanota Islaamistootaan bara 2019 aangoorraa dhiibaman kan saaxiluufi buqqisu qofa miti, qabeenyaawwan jeneralota ol-aanootti bu'uu ta'a.

Abdallaa Hamdok ammoo qondaalonni waraanaa biyyattii dinagdee keessa harka galfachuu isaanii ifatti dubbachuun beekamu.

Humni waraanaa baajata biyyattii harka caalu gaggeessuu isaa qofa osoo hin taane, kampaaniiwwan humna waraanaan qabatamanii jiran gibira osoo hin kaffaliin hojjetu. Kana malees, adeemsawwan hojii karaa malammaltummaan ta'een kontiraata fudhatu.

Yeroo ce'umsaa wanti dursi itti kennamee akka hojjetamu barbaadame humna waraanaa to'annoo sivilii jala sirriitti akka galu gochuudha.

Jeneraal Burhaan ce'umsa gara dimokiraasiitti taasifamu karaarraa akka hin maqne nan eega jechuun dubbachaa jiru. Kana malees, mootummaa sivilii beektotaan ijaaramuufi filannoo waggaa lama keessatti gaggeessuu kan jedhuuf waadaa akka galan himu.

Sudaanonni harki caalan garuu waadaan kun isaan hin amansiisu.

Tarkaanfiin kun waldaaleen ijoo ta'aniifi gareewwan ogeessotaa mormii daandii bara darbee qindeessanillee bittimseera.

Intarneetiifi miidiyaan hawaasummaa baayyinaan cufamaniiru. Loltoonni mormitootatti dhukaasuun yoo xiqqaate namoota 10 akka ajjeessan gabaafameera.

Waliigalteen nagaa buusuu bara darbe gareewwan mormitootaa hidhannoo qaban walitti fidee mootummaa akka ta'an taasise jiraatus, humnoota finciltootaa gurgudoo lamaaf garuu ammalee waliigalteerra hin gahamne.

Daarfur keessatti, Sochiin Bilisummaa Sudaan jira. Humni kun Abdel Waahiid al-Nuuriin gaggeeffama. Kibba Kordofaan gaarreen Nuubiyaa keessa ammoo Sochii Bilisummaa Ummata Sudaan kan Abdel Aziiz al-Hiluutiin gaggeeffamuti jira.

Gareen hidhannoon jiran kunneen lamaan deeggarsa guddaa qabu, humna waranaanis jabaatoodha.

Lamaan isaanii ammoo mootummaa waliin mariirra kan jiran yoo ta'an, MM Abdallaa Hamdok irraa amantaa ni qabu. Kanaaf, fonqolchi mootummaan kun walitti bu'insa fida jedhamee sodaatama.

Karaa heera mootummaatiin ala aangoo qabachuu, Jeneraal Burhaan [qumaara] guddaa taphatan.

Gaaffileen baayyee ciccimoo Sudaan qabduufi deebii kennaa hin jiran. Dhimmoota akka dinagdee, dimokiraasii ijaaruufi nagaa buusuu ilaalchisee deebiin kennan hin jiru.

Faallaa kanaa, yaaddoo hokkaraafi dhiiga wal dhangalaasuu, akkasumas biyya alaatii ammoo fudhatama dhabuu hordofsiisaa jira.

Adoolessa 2019 keessa, tarkaanfii hamaa humni waraanaa sochii dimokiraasiiratti taasise hordofee, biyyoonni akka US, UK, Sa'ud Arabiyaafi UAE Gamtaa Afrikaa (AU) waliin harka walqabatanii hojjechuun mariidhaan furmaanni akka dhufu gochuun ji'a itti aane keessatti akka taa'amu taasisanii ture.

Sudaan kufuuf qarqara irra geesse kana irraa deebisuuf, adeemsi wal fakkaataa tokko ni barbaachisa.

Rakkiina amma jiru, erga Wixata darbeetii waadaa galan hojiirra ni oolchu jedhee eenyutu Jeneraal Abdel Fattaah al-Burhaan amanuu danda'aa?