Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Abdallaa Hamdook mana ajajaa waraanaa fonqolcha raawwatee 'keessa jiru'

Lammileen Sudaan fonqolcha waraanni biyyattii Wixata raawwatetti dheekkaman walitti qabamanii halkan balaleefataa bulan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Sudaan buufata xiyyaaraa guddicha irraa balalii dhorkite

    Wiixata darbe fonqolcha mootummaa kan keessummeessite Sudaan buufata xiyyaaraa guddicha irraa balaliin kamuu akka hin gaggeeffamne dhorkite.

    Abbaan taayitaa Siiviil Aviiyeeshinii Sudaan buufata xiyyaaraa guddicha magaalaa guddoo Kaartum jiru xiyyaarri akka irraa hin kaaneefi hin qubanne dhorkeera.

    Ibsi feesbuukii irratti maxxanfame dhorkaan kun hanga Sanbata dhufuutti kan itti fufu ta'uun eerameera.

  2. Hoogganaan fonqolcha Sudaan al-Burhaan, Hamdook 'mana koo jira' jedhan

    Janaraalli waraanaa fonqolcha mootummaa Sudaan hoogganan Abdul Fattaa al-Burhaan humni waraanaa kan aangoo qabate waraana waliinii hambisuufi jedhan.

    Janaraalli kun humnoonni siyaasaa uummatni nagaan humnoota waraanaa irratti akka ka'an kakaasaa jiru jechuunis himataniiru.

    Janaraal al-Burhaan MM biyyatti AbdallaaHamdook mana isaanii akka jiranii fi kana kan godhan nageenya Hamdookiif jecha ta'uu akkasumas Kibxata mana isaaniitti akka deebisan himaniiru.

    Wiixata erga fonqolchi mootummaa raawwachuun dhagaahamee hoogganaan warra siiviiliifi MM Hamdook eessa akka geeffaman ifa hin taane.

    Mormitootni waraana biyyattii guyyaa lammataaf daandiitti bahanii mormii isaanii ibsachaa jiru. Magaalaa Kaartuum keessatti daandiifi manneen daldalaa cufaa jiru.

    Tajaajilli bilbilaafi Intarneetaa akkaan danqameera. Mormii dhalateen walqabatees yoo xiqqaate namootni kudhan ta'an ajjeefamaniiru.

  3. Komishinarri EU aanga'oota Itoophiyaa waliin 'marii ijaaraa' taasisan

    Gamtaa Awuroppaatti Komishinarri Michummaa Idil – addunyaa Yuttaa Urpilaayinan guyyaa kaleessaa MM Abiy Ahimadiifi aanga'oota olaanoo Itoophiyaa kaan waliin mari’ataniiru.

    ‘’Marii ijaaraa’’ taasisuu isaanii kan himan qondaalli kuni dhimma riformii siyaasaafi diinagdee akkasumas lolaafi rakkoo deeggarsa namoomaa irratti mari’achuu himan.

    Torban darbe Hoogganaan imaammata alaa EU Hoseeph Boreel jila Yuttaa Urpilaayinaniin hoogganamu gara Itoophiyaa akka ergan ibsanii turan.

    Adeemsi ijoo imala kanaas ‘’adeemsa siyaasaa hunda hammate akka eegalamu ergaa EU ifa ta’e’’ akka dabarsaniifi jedhan.

    Komishinar Yuttaan marii Ministria Dhimma Alaafi I/Aanaa MM Dammaqaa Mokonniin waliin taasisaniin filannoo milkaa’aa biyyattiin taasisteef galateeffatu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.

    Dabalataan, Gamtaan Awurooppaa sagantaa misoomaa isaa deebisee eegaluufi ajandaa riformii mootummaa akka deeggaru ibsuullee hime.

    Waa’ee karoora marii biyyaalessaa gadi fageenyaan waliin mari’atuufi EU deeggarsa namoomaa gama qilleensaan taasisu kanneen Naannoo Amaaraa keessa buqqa’aniifis akkas geessisu gaafachuu ibse.

    Gamtaan Awurooppaa qorannoo UN fi Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa bu’uura godhachuun Itoophiyaarratti qoqqobbii kaa’uf akka sochii eegalu kana dura ibseera.

  4. Haleellaa masjiida Naayijeeriyaa jiruurratti dhaqqabeen namoonni 18 ajjeefaman

    Naayijeeriyaa bulchiinsa Nijeer keessatti hidhattooti doqdoqqeen deeman masjiida hawaasa Maza-Kukaa jedhamutti keessatti argamu Wiixata haleeluun yoo xiqqaate namoota 18 ajjeesuun himame.

    Namoonni sagadarra turan biroo hedduu haleellaa kanaan madaa’aniru.

    Jiraattonni akka himanitti, hidhattoonni masjiidatti halleellaa qaqqabsiisan ganama barii barraaqaan otoo miidhamtoonni kadhannaarra jiranii haleellaan irratti baname.

    Poolisiin akka himetti, hidhattoota halleellaa banan keessaa tokko ajjeefameera.

    Haleellaa Bulchiinsa Nijeer tibbanaa kun hokkorri naannichatti dabaluusaaf agarsiifudha.

    Caamsaa darbe saamtonni 30 qawwee hidhatan barattoota 136 mana barnootaa amantii islaamaa magaalaa Teginaa jedhamu butanii turan.

    Guraandhala darbes barattoota dhibbaan lakkaa’amanitu Bulchiinsa Nijeer keessaa butame.

  5. Masriin labsii yeroo muddamaa waggaa afuriif ture kaafte

    Pirezidantiin Masrii Abdul Fattaa al-Sisii labsii yeroo muddamaa erga Ebla bara 2017 hojiirra ture kaasaa akka jiran beeksisan.

    Fuula Facebook isaanii irratti barreessaniin Masrii waan nagaa taateef labsicha akka hin dheeressine himan.

    Labsichi waggaa afur dura Mana Kiristaanaa Ortodoksii Masrii lama Aleeksaandiriyaafi Tantaa argamuurratti erga boombiin darbatamee booda labsame.

    Labsiin kuni poolisiif humna dabalataa kenneera. Mirga sivilii lammiileemmoo cabsuun mana murtii waraanaa fuuldura akka dhihaatan taasise.

    Masriitti labsiin yeroo muddamaa labsamuun haaraa miti.

    Pirezidantiin biyyattii duraanii Hosni Mubaarak erga ajjeechaan Pirezidant Anuwaar Saadaat irratti raawwate booda labsiin labsan bara aangoorra turan hunda ture.

    Al-Sisiin Pirezidant Mohaammad Mursii aangoorraa fonqolchuun bara 2014 eegalee Pirezidantii Masrii ta’un tajaajilaa jiru.

    Bara 2018 irra deebiin kan filaman yoo ta’u filannicha paartileen mormituu jajjaboofi garee mirga namoomaa balaaleeffataniiru.

  6. Ameerikaan Sudaanitti bulchiinsi sivilii akka deebi’u gaafatte

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antooni Bilinken Sudaanitti bulchiinsi sivilii 'haalduree tokko malee saffisaan' akka deebi’u gaafatan.

    Waraanni Sudaan Wiixata darbe kana aangoo kan dhuunfate yoo ta’u, loltoonni hirirtootatti dhukaasan yoo xiqqaate namoota torba ajjesuun, 80 ol madeessan.

    Antooni Bilinken toora tiwitara isaaniirratti ''humnoonni nageenyaa mootummaa ce’uumsaa diigan Ameerikaan hin simattu’’ jedhan.

    Ameerikaan deeggarsa kallattiin doolara Ameerikaa miliyoona 700 mootummaa Sudaaniif kennitu dhiisuun, Ministira Muummee Abdallaa Hamdook dabalate hoggantoonni sivilii biroon akka hidhaa hiikaman gaafatan.

  7. Humna waraanaan mootummaa fonqolchuun Afrikaa keessatti baay'achaa jiraa?, Biyya Afrikaa kamtu yaalii fonqolchaa hedduu qaba?

    Waggoota darban keessatti fonqolcha mootummaa humna waraanaan gaggeeffamu Afrikaa keessatti waan baramaa dhufedha.

    Dhiyeenya Giinii keessatti Pirezdaant Kondee angoorra kaafamuun isaa fakkeenya humni waraanaa siyaasa biyyaalessa keessa seenuudha.

    Maalii keessattiis wagga tokko kan hin guunne keessatti si’a lama yaaliin fonqolchaa gaggeeffameera.

    Niijer keessattis ammo pirezdaantiin filannoo injifate aangootti muudamuuf guyyaa muraasni yemmuu hafu fonqolchi gaggeeffameera.

    Fonqolchi yoom fonqolcha jedhama?

  8. Fonqolcha Sudaan: Eessaa garamiitti?

    Fonqolchi mootummaa Sudaan kan ministira muummee fi kaabinoota isaanii to'annoo jala oolcheefi mootummaa siiviilii diige biyya waggoota jeeqamaan dabarteef qormaata biraadha.

    Muddama siyaasaa kanaan dabalataan diinagdeen Sudaan kufaatii guddaa keessa jira. Qaalayinsi gatiifi hanqinni nyaataa, boba'aafi qorichaas muddama diinagdee warra agarsiisan keessaati.

    Fonqolchi mootummaa alanaa biyyoota Lixaa aangoo qaban kan waggoota dheeraa booda reefu hariiroo waliin tolfachaa jiran rifaasiseera.

  9. Sudaanitti hiriira mormii jabaateen yoo xiqqaate namoonni torba ajjeefaman

    Lammileen Sudaan fonqolcha waraanni biyyattii Wixata raawwatetti dheekkaman walitti qabamanii halkan balaleefataa bulan.

    Mormiin kun guyyaa lamaffaaf itti fufeera.

    Mormii kanaan yoo xiqqaate namoonni torba ajjeefamuun, dhukaasa loltoonni bananiin hedduun isaanii madaa’uu himameera.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) waraannii Ministira Muummee Abdallaa Hamdook fi hoggantoota sivilii biroo mootummaa ce’umsaa keessa turan akka gadhiisu gaafate.

    Manni Maree Tasgabbii Dhaabbatichaa Kibxata yaa’ii muddamaan dhimma kanarratti akka taa’utu eegama jira.

    Dubbi-himaan Isteet Dimmaartimentii Ameerikaa Muummicha Ministiraa waliin haasa’uuf akka hin dandeenye himan.

    Fonqolichi mootummaa otoo hin gaggeeffamiin guyyoota muraasa dura Aab Hamdook mootummaa ce’uumsa waraanni akka dhuunfatu gartuu gaafate muddama garmalee hammeessa jechuun akeekkachiisaa turan.

  10. Sudaan maal keessa jirti?

    Akkam jirtu horoftoota keenyaa?

    Tamsaasa kallattii taateewwan fonqolcha mootummaa Sudaan hordofee mudachaa jiran ittiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Namoota mormiif bahanii miidhaman, biyyoonniifi hawaasni addunyaa maal jechaa jiru?Carraan biyyattii garamitti deema? Dhiibbaan taatee Sudaan keessaa sun Itoophiyaarratti dhiibbaaa akkamii qabaata?

    Dhiyaadhaa

  11. Kaartuumitti namootni 2 ajjeefaman, 80 kan ta'an madaahan

    Fonqolcha mootummaa mudateen walqabatee Sudaan magaalaa Kaartuumitti mormii gaggeefamaa jiru irratti namootni 2 ajjeefamanii 80 kan ta'an madaahuu Ogeeyyiin fayyaa ibsaa jiru.

    Waraanni biyyattii to'achuu hordofee dheekkamsa ibsuuf uummata daandiitti bahe irratti dhukaasa banameen yoo xiqqaate namootni lama rasaasaan ajjeefamuun gabaafameera.

  12. MM Abdallaa Hamdook garam jiru?

    Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook eessa akka jiran ammallee hin beekamne.

    ''Mana akka hin baane ittifamee akka jiru ganama kana barree jirra, odeeffannoowwan gariin waraana akka deeggaru akka ibsu gaafatamee akka ture ni himu '' jedha gaazexessaan duraanii BBC Mohaanad Hashiim.

    Ministirri Muummee kan bulchiinsa Siiviilii hoogganan Hamdook gaaffii waraana biyyattiirraa dhiyaateef didanii uummatni akka mormu gaafataniiru.

    San booda haadha warraa isaanii waliin bakka hin beekamne geeffamuun gabaafameera.

    Ministirri dhimmoota Kaabinee fi Ministirri odeeffannoo biyyattii akka malee reebamuun fi qabinsi badaan irra gahuus gaaxessaa Hashiim ibseera.

    Hooganaan dhaabbata TV inni keessatti hojjetuu Lugman Ahmed jedhamus aangoorraa ari'emee bakka hin beekamnetti hidhamuus Hashiim ibseera.

  13. Barreessaa Olaanaan UN fonqolchaa Sudaan balaaleeffate

    Barreessaa Olaanaan Dhabbata Biyyoota Gamtoomanii, ergaa Tiwiitara irratti maxxansaniin fonqolcha mootummaa Sudaan balaaleffachuun, humni waraanaa ministira muummee fi “qondaaltota biro” ariitiin akka gadhiisuuf gaafatan.

    Heerrii biyyatti guutummaatti kabajamuu qaba jechuun, lammileen Sudaan deeggarsa qaamolee idil -addunyaa qabu jedhaniiru.

    Mootummaan UK’s fonqolcha kana balaaleeffateera.

    Biyyatiif ministeerri Afrikaa, fonqolchi kun lammilee Sudaan “ganuudha” jechuun humnoota waraanaa ministira muummee akka gadhiisaniif gaafataniiru.

  14. Sudaan osoo dimookiraasitti ce'uuf rarraatuu ededarra geesse

    Erga kufaatii Pirezidant Omar al-Bashir booda gareewwan hedduu hiree fuulduraa biyyattii keessatti dhageettii argachuuf taasisan hanguma dabalu waligalteerra gahuun ammallee rakkoo ta'eera.

    Pirezidant Bashir waraanaan aangoo irraa kaafaman. Garuu, mormii ummataa boodadha.

    Yeroos qindoominni garee - Humnoota Bilisummaafi Jijjiiramaaf (FFC) jedhu ummata mormiif daanditti bahe bakka bu'uun bulchaa waggoota 30'tti siquuf biyyatti bulchan qofaa kuffisuuf barbaadan.

    Taaten waggoota lamaan mudate akka agarsiisetti ergasii fuulduratti qajeeluurratti waliigalteen taasifame xiqqoodha.

    Waliigalteen aangoo walii qooduu waraanaafi gareewwan ummata mormiif bahe bakka bu'an gidduu raawwatee Manni Maree Ce'umsaa Sudaan hundaa'e.

    Manni Maree kuni waggaa dabalataa tokkoof bulchee filannoon erga taasifame booda bulchiinsa siviliitti aangoo dabarsuu kaayyeffate.

    Dhiyaadhaa ⬇️⬇️

  15. Haalli Sudaan baayyee na yaaddesseera- IGAD

    '‘Haalli Sudaan baayyee na yaaddesseera, itti dhiheenyaanis hordofaan jira,’' jedhan Barreessaa Olaanaa IGAD.

    Barreessaan kun haala Sudaan ilaalchisuun ibsa kennaniin yaalii kamuu kan ce’umsa mootummaa Sudaan gufachiisu hadheeffatee akka balaaleffatuufi gareen hundi karaa tasgabbii qabuun akka socho’aniif gaafataniiru.

    Sudaan hundeessitoota IGAD keessaa tokko yoo taatu, yeroo ammaa ammo Dura-teessuu dhaabichaati.

    Kanaafis IGAD mootummaa ce’umsaa Sudaan gargaaruufi uummanni Sudaan nagaafi Dimokiraasii akka argatan gargaaruuf qophii ta’uus ibsan.

  16. Gamtaan Afrikaa fonqolcha Sudaaniin qalbiin na cabe jedhe

    Gamtaan Afrikaa (UN) fonqolchi Sudaan qalbii na cabse jedhe. Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa ‘’mariin saffisaa’’ waraanaafi sivilii Sudaan gidduu akka eegalu gaafatan.

    Muusaa Faaki Mahaamaat wanta Sudaan keessa raawwateen guddaa yaadda’uun isaanii ibsameera.

    Dabalataan, ‘’namoota siyaasaa hidhaman akka hiikamaniifi kunuunsi mirga namoomaa akka taasifamu’’ gaafataniiru.

  17. EU'n ce'umsi Sudaan akka bakkatti deebi'u gaafate

    Gamtaan Awurooppaa (EU)'n adeemsi ce'umsa Sudaan bakka 'toora isaatti' akka deebii'u gaafate.

    EUn waraana Sudaanii fi dureewwan sivilii akka biyyattii adeemsa ce'umsaatti deebiisaniif waamicha dhaaman.

    Waamichi kunis gabaasaalee waraanni Sudaan fonqolcha gageessuu ilaalichisuun bahee hordofuun.

    Dureen dhimmoota alaa EU, Hoseeph Booreel toora tiwitara isaanii irratti Wiixata har'aa akka ibsaniitti, taatee biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiru 'yaaddoo olaanaadhaan' hordofaa jiraachu himan.

    Waraanni Sudaan duratti mana maree diiguun labsii yeroo atattamaa labsuu beeksiseera.

  18. Gabaasawwan fonqochaa dhagahaman ce’umsa Sudaaniif ‘kufaatii guddaadha’ – HRW

    Sudaanitti gabaasawwan loltuun aangoo fudhate jedhan ce’umsa Sudaan gara bulchiinsa siviliitti taasiftuuf ‘kufaatii guddaadha’ jedhe Huumaan Raayits Waach.

    Sudaan yeroo ammaa kana Mana Maree waloo loltootaafi siviliitiin hundeeffameen bulaa jirti. Dameen humna waraanaa ammoo ji’a itti aanu gaggeessummaa Mana Maree Walabaa kana siviliitti dabarsee kennuuf jira.

    Huumaan Raayits Waach akka jedhetti, “hawaasni addunyaa gara ce’umsa bulchiinsa siviliitti akka deebiyamuuf dhiibbaa taasisuu qaba.”

    Humnoonni nageenyaa biyyattii keessa jiransiviloonni mormuu akka danda’an mirga isaanii akka kabajuuf, akkasumas humna fayyadamuurraa akka of qusataniif HRW waamicha taasiseera.

    Dursaan humna waraanaa Leetnaan Janaraal Abdel Fattaah Abdelrahman Burhan yeroo gabaabaa keessatti haasaa ni taasisu jedhamanii eegamu.

  19. Sudaanitti walitti bu'iinsa mudateen namoonni 12 madaa'uun gabaafame

    Sudaaniitti walitti bu'iinsa namoota mormiif bahaniifi humnootii waraanaa jidduutti magaalaa guddoo biyyattii Kaartumiitti umameen, namoonni 12 miidhamuusaanii koreen doktarootaa Sudaan keessaa hime.

    Taateen kunis kan mudate erga waraanni biyyattii keessatti fonqolcha gaggeessuun dhagahameen booda.

    MM biyyattii Abdallaa Hamdook aanga'oota siviilii kanneen loltoota adda hinbaafamneen Wiixata har'aa ganama keessa hidhaa manaa jala kaa'amuunsaanii gabaafame keessaa tokko.

    To'atamu qondaaltoota kanneenii hordofees magaalattii keessatti mormiin gageeffamaa kan jiru yoo ta'u, waraannii meeshaa gurguddaa hidhateefi qondaaltoonni nageenyaa daandiiwwan irratti bobbaafamaniiru.

    Ministeerri Odeeffannoo biyyattii Wiixata har'a ganama keessaa, loltoonni dhiheenya waajjira mummee Ministeera Raayyaa Ittisaatti namoota mormiif bahan irratti dhukaasuufi namoonni miidhamu akka hinollee himeera.

  20. Amma nu gahe, 'Manni Maree Walabaa diigamee labsiin yeroo atattamaa labsameera- Burhaan

    Manni Maree Walabaa Sudaan kan damee humna waraanaatiifi siviliirraa walitti dhufuun mootummaa ce'umsaa Sudaan hogganaa jiru diigamuu isaa dursaan Mana Maree Walabaa kanaa Leetnaan Jeneraal Absel Fattaah Abdelrahman al- Burhaan himan.

    Burhaan haasaa taasisaniinis labsii yeroo atattamaa labsaniiru.

    Kana malees, kaabineen Mana Marichaas akka diigaman ibsaniiru.