Fonqolcha Sudaan: Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Abdallaa Hamdook bilbilaan dubbisan

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinken Ministira Muummee Sudaan aangoorra fonqolchaman Abdallaa Hamdook bilbilaan haasofsiisan.

Hamdook mana isaanitti deebi’uun ture hordofuun Antoonii Bilinken kan dubbisan.

Hamdook fonqolchi mootummaa Wixata wayita raawwatamu qabamuun hidhamanii turan. Ergasii mana jireenya ajajaa waraanaa fonqolcha raawwatan keessa akka jiran ibsamee ture.

Ibsa Ministeerri Dhimma Alaa US baase akka jedhutti, Bilinken Ministira Muummee Sudaan Hamdook hiidharraa gadhiifamuu simachuun maddiitti waraanni Sudaan hoggantoota sivilii hidhaatti hafan akka gadhiisan waamicha dhiyeessan.

Hiriirri mormii waraanni aangoo dhuunfachuu balaaleffatu halkan guutuu kan itti fufe yoo ta’u, magaalaa guddoo biyyattii Kaartumitti karaa cufuuniifi hiriirri itti fufeera.

Jeneraal Abdul Fattaah al-Burhaan gartuuleen siyaasaa siiviloota humnoota nageenyarratti kakaasu jechuun fonqolcha mootummaa maaliif akka barbaachise dubbataa turan.

Fonqolchi mootummaa Sudaan ministira muummeefi kaabinoota isaanii to'annoo jala oolcheefi mootummaa siiviilii diige.

Mormii dhalateen walqabatees yoo xiqqaate namootni kudhan ta'an ajjeefamaniiru.

Waraanniifi bulchiinsi siiviilii Hagayya bara 2019 pireezidantiin baroota hedduu biyyattii bulchan Omaar al-Bashiir erga aangoorraa buqqa'anii as aangoo qooddatanii biyya bulchaa turan.

Bashiiriin aangoorraa kan buuse humna waraanaa ta'uus, uummatni daandiitti ba'ee bulchiinsi siiviilii akka hundaa'u gaafachuu isaatiin waraanni bulchiinsa siiviilii ijaaruuf karoora baasee, aangoo walii qooduun gara bulchiinsa Dimookraasiitti ce'uuf walta'ame.

Manni maree walabaa koree waloo waraanaa fi siiviiliin hundaa'e, biyyattii gara bulchiinsa dimookraatawaa filannoorratti hundaa'etti ceesisuuf eegamaa ture.

Wiixata darbe fonqolcha mootummaa kan keessummeessite Sudaan buufata xiyyaaraa guddicha irraa balaliin kamuu akka hin gaggeeffamne dhorkite.

Tajaajilli bilbilaafi Intarneetaas danqameera.