Fonqolchi mootummaa Sudaan Itoophiyaarratti dhiibbaa akkamii uuma?

Fonqolcha mootummaa Sudaaniin walqabatee hooggansi waraanaa yoo milkaahe Itoophiyaarratti dhiibbaa hin malle fiduu danda'aa jedhan xinxalaan dhimmoota Gaanfa Afrikaa Abdurahimaan Sa'iid.

Onkololessa 25 bara 2021, waraanni Sudaan fonqolcha mootummaa raawwachuun hooggantoota qaama siivilii aangoorraa buqqisee, labsii yeroo muddamaan biyyattii bulchuuf akka ta'e ibseera.

Waxabajjii bara 2019 irraa eegalee mana maree walabaa kan hooggantoota waraanaa fi Siiviiliirraa walitti dhufe biyyattii bulchaa tures akka diigame hoogganaan waraana biyyattii Janaraal Abdel Fattaa al-Burhaan himaniiru.

Addunyaan fonqolcha kana balaaleffatee biyyattiin daandii gara ce'uumsa dimookraasiitti gootuuf hunduu daandii amma dura turetti akka deebi'u gaafateera.

Waggaa tokko dura hariiroo gaarii jedhamu Sudaan waliin uumuu dandeessee kan turteefi erga waraanni kaaba Itoophiyaa dhalatee ammoo hariiroon isaanii muddamaan kan guute Itoophiyaan rakkoon Sudaan karaa nagaa akka hiikamu gaafateetti.

Qaamoleen hedduun haalli amma Sudaan keessatti dhalate garri iitti bahu Itoophiyaaf gaariis badaas ta'uu mala jedhu.

Fonqolchi mootummaa Sudaan Itoophiyaarratti dhiibbaa akkamii uuma?

Teessoon isaanii Landan kan ta'eefi dhimmoota siyaasaa Gaanfa Afrikaa hordofuun kan xiinxalan Abdurahimaan Sa'iid ji'oota dura gaaffiif deebii BBC waliin taasisaniin rakkoon amma Sudaan keessa jiru akka mudatu tilmaamanii turan.

Hoogganaan humna waraanaa Sudaan Abdal Fattaah al-Burhaan ilaalchiifi tarkaanfii isaan amma dura Itoophiyaaf qaban irraa ka'uun ''Al Burhaan Itoophiyaaf yaaddoo uumuu danda'a'' jedhu Abdurahimaan.

Mootummaa al- Burhaan waggoota lamaan darban Masrii wajjiin hariiroo uumuun, waliigaltee mallatteessuun dhimma Abbayyaarratti imaammata tokkicha tarkaanfachisaa turan.

Kanarraa ka'uun dhimma daangaa kaasuun qocoluun gara waraanaatti akka seentu dhidhiibaa turanis jedhu.

Obsa Itoophiyaan dhimma daangaarratti agarsiifteef muddamni daangaa hamma yoonaa gahe malee ejjennoo al-Burhaan qabaniin rakkoon kun sadarkaa hammaataarra gahuu mala tures jedhu.

Lammileen Sudaan Itoophiyaa akka uummata obbolaatti ilaalu kan jedhan xiinxalaan kun, faallaa ejjennoo al-Burhaaniin uummatni biyyattii Itoophiyaa wajjin wal waraanuu hin deeggaran yaada jedhu kaasaniiru.

''Al -Burhaan qabsoo jijjiramaa kana keessaa yoo bahe ... Itoophiyaa waliin gara waraanaatti seenu mala.''

''Masriin waraanatti hin seeniin sin gargaarru, yoo jetteeniin alatti Itoophiyaa gara waraanatti dhidhiibuu mala'' jedhan.

Itti bahi rakkoo Sudaan kun gara bulchiinsa siiviilitti carraan deebi'uu jiraannaan garuu uummatni Sudaan Itoopiyaa akka biyya oolmaa guddaa oolteefitti waan ilaalaniif Itoophiyaaf boqonnaa ta'uu akka danda'uus himaniiru.

Waliigaltee bara 2019 bulchiinsa waloo mana maree walabaa hundeessuu keessatti shoorri Itoophiyaan baate uummata biyyattiirraa galateeffannaa guddaa argatee ture.

Sadaasa darbe waraanni Tigraay eegalamuu hordofee humnootni Sudaan lafa amma dura kiyya jedhanii Itoophiyaa waliin irratti wal mormaa turan Al-fashaagaa to'ataniiru. Itoophiyaan humnoota waraanaa Sudaan humnaan baasuuf yaaluurra karaa nagaa rakkinicha furuuf yaalaa turte.

San booda dhalattoota Tigraay waraanicha dheessanii gara daangaa ishee seenan kumoota kudhaniin lakkaahaman simachaa kan turte Sudaan humnoota saamrii jedhaman gara daangaa Itoophiyaa seensisuuf yaalte jechuun Itoophiyaan himachaa turte.

Obbo Abdurahiim haalli Sudaan fuula duratti harka waraanaatti yoo kuftee toophiyaarratti waraana yoo bante malee dhimma waraana Kaaba Itoophiyaarratti dhiibbaan haaraan uumamuu malu hin jiru jedhu.