Keeniyaan ajjeechaa lammii Biritish ganna 10 booda poolisootarra hidhaa murte

Manni Murti Keeniyaa ajjeechaa lammii Biritish, Aleeksaandar Moonson kan waggaa 10 dura magaalaa qarqara galaanaa Diyaanii keessatti utuu to’annoo poolisii jala jiruu lubbuun isaa darbeef, poolisoota himataman irratti murtee hidhaa dabarse.

Abbaan murtee Erik Ogoolaa miidhamaan Monsan haalaan dararamuu himuun, qorichi kaanaabis erga du'ee booda akka inni baate fakkeessuuf bira kaa'ame jedhan.

Dabaluunis poolisoonni waan nama kanatti raawwatan dhoksuuf yaalaniiru jedhan.

Poolisoonni afran kun hidhaa waggaa sagalii hanga 15 kan adabaman oggaa tahu, adabbii tokko tokkoon isaaniin waggaa shaniifi jahaan irraa hir'ifamuun, adabbii gosa biraan ni geeddaramaaf jedhameera.

Qondaaltonni poolisii kunneen jalqaba waggaa kanaa ture kan mana murtiitti dhiyaatan.

Kunis Moonsan kan du'e akka duraan jedhame qoricha sammuu nama adoochu humnaa ol ta'e fudhatee osoo hin taane, to'annoo jala oolfamee utuu jiruu reebamee akka ta'e erga barameedha.

Moonsan yeroo sanatti umuriin ganna 28 kan ture yoo ta'u, harmee isaa waliin Diyaanii, Keeniyaa keessa jirachaa ture.

Abbaan isaa Lord Nikoolaas Moonsan kan guyyoota muraasa dura Keeniyaa seene, dhaddacha mana murtii irratti irratti argameera.

Moonsan tamboo kaanaabis xuuxuun himatamee to’annoo jala erga oolfamee booda, poolisiin qoricha sammuu hadoochu kana garmalee fayyadame jedhus, qorannoon taasifame garuu yeroo du’a isaatti qaama isaa keessa qorichi sammuu hadochu akka hin turre argameera.

Bara 2018’tti Keeniyaan, Moonsan reebamee akka ajjeefame mirkaneeffachuun, yakka kana dhooksuufis yaaliin akka taasifameefi namoota wanta uumame ijaan argan irrattis dorsiisi akka gaggeefame bira gaheera.

Keeniyaan seenaa dheeraa hammeenya poolisiifi qoondalooti nageenya humna barbaachisaa hin taane fayyadamuu qabdi.

Dhaabbileen mirga namoomaa waggootii darban keessatti, harka poolisiifi qamoolee nageenyatti ajjeechaa dhibbaan lakka’aman kan galmeeessan yoo ta’u, hedduun isaanii ammoo hin qoratamiin hafaniiru.