Ikuwaadooritti hokkorri mana hidhaatti dhalate lubbuu hidhamtoota 68 dabarse

Mana hidhaa Ikuwaador keessatti hokkora gareewwan wanbadee gidduutti akka haaraatti ka’een yoo xiqqaate hidhamtoonni 68 du'an.

Fulbaana darbes manuma hidhaa kanatti lola gareewwan wanbadootaa (gangs) gidduutti ka’een hidhamtoonni dhibbaa ol du’uusaanii qondaaltonni biyyattii himan.

Hokkorri mana hidhaa hidhamtoonni yakka hamaa raawwatan keessatti hidhaman Litoral, magaalaa Guayaquil Jimaata galgala eegalame.

Gartuun poolisoota gamoo mana hidhaa kana keessa seenan qawwee, dhootuufi meeshaa qara qabu biroo argachuun isaanii gabaafameera.

Ammaa yoonatti bara kan keessa qofa hidhamtoonni 300tti dhiyaatan mana hidhaa biyyattii keessatti du’uun isaanii barameera.

Keessattuu hokkorri wanbadootaan Fulbaana darbe mana hidhaa keessatti ka’e seenaa biyyattii keessatti isa hunda caalaa hamaa ture.

Yeroo sanatti hidhamtoonni garee wanbadoota tokko kanneen biroo bira uraan lolanii dhaquun garee wanbadee kaanirratti haleellaa raawwatanii turan.

Poolisoonni fi loltoonni dhibbaan lakkaa’aman gamoo mana hidhaa sana toa’achuuf bobbaafamanii turan.

Lola hamaa kana keessatti hidhamtoota muraasarra harki cituun, wanbadooti yakkoota daangaa Ikuwaadoor qaxxaamuruun raawwatan kanneen akka Sinaloya-Meeksikoo keessa kan maadheffate fi ‘Jalisco New Generation cartels’ jedhaman dhiibbaan uume dabaluun xiyyeeffannoo akka argatu taasiseera.

Lola ammaa mana hidhaa Gaayakuwil keessatti argamutti ka’een namoonni 25 kan mada’aan yoo ta’u, jalqaba ji’a kanatti hidhamtoonni sadii rasaasaan ajjeefamuu hordofee lola ka’edha.

Sambata gara galgalaa keessas hokkorri itti fufuu hordofee, loltoonni konkolaattota waraana wajjin bobbaafamuun, eegumsa naannicha cimsuuf ergamuutu himame.

Kana malees maatiifi hiriyoonni hidhamtootaa gamoo mana hidhaa sanaan alatti odeeffannoo argachuuf walitti qabamaniiru.

Qondaaltoonni biyyattii akka himanitti hokkorri wanbadoota mana hidhaa jiran kana gidduutti kan dhalate daangaa lafaarratti yoo ta’u, hogganaan garee wambadootaa tokko hiikamuu hordofee lola dhalatedha.

‘’Erga kutaan kun hogganaa dhabee booda gareen wanbadoota biroo... ajjeechaa jumlaa raawwachuuf seenan,'' jedhan Bulchaan kutaa biyya Gaayakuwil Paabloo Arosemenaa.

Akka inni jedhutti, mana hidhaa hokkorri itti ka’e kana keessa hidhamtoota 700 ta’anitu jira.

Pirezidant Guillermo Lasso maatiifi firoota hidhamtoota miidhamaniif jajjabina hawwuun, ‘’Maafiyaan jeequmsarraa bu’aa akka hin arganne mala haaraatu nu barbaachisa’’ jedhanii tiwiit godhan.

Jalqaba ji’a kanaatti Aab Lassoon, mootummaan isaanii manneen hidhaa qofa osoo hin taane, Ikuwaadoor iddoowwan namoonnii baala sammuu namaa adoochan daddabarsan itti jabaatanillee to’achaa jirra jedhanii BBCtti himanii turan.