Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biraazilitti hidhamtoonni mana hidhaa to'atan
Mana hidhaa magaalaa guddoo Biraaziil Biraaziiliyaa keessatti argamutti hidhamtoonni mana hidhaafi hojjetota isaa to'ataniiru.
Koora bitteeneesitoonni meeshaa waraanaa hidhatan mana hidhaa kana marsanii argamu.
Hidhamtoota keessaa gariin, miseensota garee maafiyaa magaalitti akka ta'an beekameera.
Hidhamtoota jeequmsa kan kaasisan keessaa sadii rasaasaan rukutamaniiru jedhameera.
Jeequmsichi kan eegale Magaalaan Riyoo De Jeneeroo to'annoo humna waraanaa jala akka galtu erga taasifamee booda.
Bulchiinsi magaalaa Riiyoo tasgabbii magaalittii eegsisuuf humna dabalataa gaafachuu isaatiin, pireezidentiin biyyatti Misheel Temeer humna waraanaan nageenyi magaalitti akka to'atamu ajajaniiru.
Jeequmsi kunis murtee kana balaalefachuun eegalamuu hin oolle jedhameera.