Nagentiraan: Yakkamaa IQ xiqqoo qabu fannifamuuf jedhu kadhaan maatii hambisaa laata?

    • Barreessaa, Yivetee Taaniin
    • Gahee, BBC News, Singaapoor

Sarmilaa Dharmalingaam Waaqayyoon akka seenaa jijjiiruuf kadhaatti jirti. Obboleessi ishee Nagentiraan jedhamu mana hidhaa Changi Singaappor argamutti fannifamuuf jedha.

''Yeroon qofaa ta'ee waa'ee obboleessa kiyya yaadu na dhukkuba. Garuu waan ta'u hin beekani kadhachuu dhiisuu hin qabnu,'' jechuun BBC'tti himte.

Bara 2009, yeroos ganna 21 kan ture Nagentiraan yeroo qoricha sammuu hadoochu Maalezhiyaa keessaa fuudhee gara Singaapporitti daddabarsuu qabame.

Silaa gaafa Roobii ganama fannifama ture. Ta'us, sababa koronaavaayirasiin irratti argameef guyyaan itti fannifamu yeroo biraatti akka darbu ta'e.

Murtiin lammiin Maalezhiyaa irratti darbe kuni gorsa ogeessa medikaalaa kan dhiisuun murtaa'edha.

Akka ekispartiin medikaalaa jedhetti dargaggoon fannifamuuf jedhu Dandeettiin Hubannoo (IQ) isaa 69 dha. Kana jechuun hir'ina beekumsaafi hubannoo akka qabu agarsiisa.

Mootummaan Singaappor garuu ''waan dalage sirriitti beeka, wanti dalagu sirriifi yaraa ta'u adda baasee beeka,'' jedheera.

Singaappor biyyoota addunyaa kanneen qoricha sammuu nama hadoochu daddabarsan to'achuf seera cimaa baasan keessaa tokkodha.

Nama yakka kanaan yakkamaa ta'e du'aan adabuun biyyattii keessa waan ajaa'ibaa miti. Haa ta'u malee dhimmi dargaggoo kanaa ijoo dubbii ta'eera.

Mufii guddate

Pirezidantiin Singaappor dargaggoo kana dhiifama akka godhu namoonni 60,000 ol mallattoon iyyannoo walitti qabaniiru.

Sababni namoonni kuni kaasaniis nama sammuun dhukkube fannisanii ajjeesuun seera mirga namoomaa idil addunyaan kan dhorkamedha kan jedhudha.

Haala kana dura hin baramneen miidiyaa hawaasummaa irrattis namoonni gaddaafi yaaddoo isaanii ibsaa jiru.

Obboleettiin dargaggoo yeroo ammaa ganna 33 ta'ee jiru kanaa obboleessi ishee haala amma jiru waan beeku hin fakkaatu jechuun himte.

''Yeroo tokko tokko na waamee fannifamuuf akka jedhuufi akka qophaa'uu qabu natti hima,'' jechuun BBC'tti dubbatte.

''Yeroo kaan immoo mana dhufee nyaata manatti qophaa'e akka nyaachuu fedhu natti hima. ''

Yoo fannifame erga bara 2019 nama duraa Singaappor keessa fannifame ta'a.

Dubbii walxaxe

Dargaggoon kuni bara 2009 heroyinii 43g sarbaa isaa mirgaarratti osoo hidhee deemuu qabame.

Akka seera Singaapporitti 15g ol baatanii socho'uun du'aan nama adabsiisa.

Jalqaba dirqamaan akka baatee socho'aa ture dhaddacha dure dubbate, boodarra qarshii waan barbaaduuf akka kana raawwate hime.

Bara 2015 miidhama sammuu waan qabuuf murtiin du'aa gara hidhaa umrii guutuutti akka jijjiiramu gaafate.

Bara 2017 saayikaatiristiin Dr Ken ung jedhaman dhukkuba sammu inni qabu eeruun murtee yoo fudhatu irratti dhiibbaa akka uumuu malu himan.

Ogeessonni sammuu sadii biroo immoo dhukkuba sammuu waan sirrii murteessuuf isa hanqisu hin qabu jedhan. Dhumarra manni murtii dhukkuba sammuu hin qabu jedhe.

Dhaabbileen mirga namoomaaf falman Aminasti Intarnaashinaaliifi Humaan Raayitis Waach murtee kana morman.

Ummataan alatti MM Maalezhiyaa Sabri Yaakob bulchitoota Singaappor waliin dhimma kana haasa'aniiru.

Falmii waggoota 10 booda obboleessi ishee gaafa Roobii Sadaasa 10 akka fannifamu xalayaan ishee bira gahe.

''Guyyaa guutuu boo'aan ture. Murtee kana harmee kootti himuu baay'een sodaadhe. Ija ishee ilaaluu hin dandeenye,'' jechuun obboleettiin isaa BBC'tti himte.

Maatiin isaa torban darbe Singaappor kan gahan yoo ta'u Sarmilaan garuu dhaquu hin dandeenye.

Fannifamuu isaa dura dhaqxee isa dubbisuu dhabduus guyyaa guyyaatti kadhachaa akka jirtu himte. Kadhaan isheefi maatii ishee fannifamuu obboleessa ishee ni hambisaa laata?