Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
IQ maali? Beekumsiifi dandeettiin hubannoo namaa kanaan madaalamaa?
IQ kee hagami? 120 moo 91? Ofii IQ jechuun maali? Qormaata kanaan sadarkaa dandeettii hubannoo namaa madaaluun ni danda'amaa?
Tibbana miidiyaalee hawaasummaa gubbaa lammiileen Itoophiyaa IQ (Intelligence Quotient) isaanii daran kan gadibu'efi tarree biyyoota addunyaarra jiranii gara xumuraatti akka argamtu gabaasni bahe jechuun haalaan haasawamaa ture.
Miidiyaaleen marsariitii gubbaas tahe fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa 'gabaasa' IQn lammiilee biyyattii 63 akka tahe muldhisu kanatti aaruusaaniis ibsaa turan.
Dhaabbata miidiyaa Internews'n kan hoogganamu fuulli Facebook 'Ethiopia Check' jedhamu akka jedhutti, ragaan kun waggootaan dura ALA 2014 kan bahedha.
Haa tahu malee, dhaabni dhimmoota garagaraarratti gabaasota sadarkaa biyyootaa kaahu World Population Review baranumallee gabaasa walfakkaataa baaseera.
Fayyadamtoota marsaalee hawaasaa Itoophiyaa aaranii dubbachaa turaniif kun oduu dansaa hin fakkaatu.
Ragaan dhiyeenya bahe kun akka agarsiisutti IQn lammiilee biyyattii 69 jechuun Itoophiyaa sadarkaa 163ffaarra kaa'e.
Akka gabaasa kanaatti Singaappor, Hongi Kongi, Jaappaanii fi Chaayinaa tokkeessoo haga afressoo taa'aniiru.
IQ maali? Hubannoo/beekumsa kanaan madaaluun ni danda'amaa?
IQ nama lammii Farnsaay kan tahe Alfred Binet jedhamuun eegale. Mootummaan biyyattii nama kanaan namoota barnoota isaaniirratti deeggarsa barbaadanii fi dhiisan adda baasuuf qormaata nuu qopheessi jedhaniin.
Boodarras qormaatni kun IQ - intelligence quotient jedhame. Namni kun garuu, lakkii qormaati kun hubannoo yookaan ga'umsa (intelligence) hin madaalu jechuun akeekkachiise.
Qormaatni jalqabaa kunneen dandeettii gosa tokkoorratti kan xiyyeeffatan turan. Yaadrimeen IQ yeroo ammaa jirus achirraa kan dhufe yoo tahu, namni tokko beekumsa waliigalaa qabu kan itti safaramu yogguu tahu, kunis 1 haga 100tti kan shalagamudha.
Ergasiis qormaati kun galaana qaxxaamuruun dachii Ameerikaa gahe. Ogeeyyiin xiinsammuu Ameerikaas, IQ kan waliin dhalatan malee, guddisuuf yookiis jijjiiruuf wanti godhuu dandeessan hin jiru jedhu.
Kana malees, gareen hawaasaa garagaraa fi saboonni garagaraa haga IQ waliin dhalatan qabu jedhan.
1915tti, godaantota gara Ameerikaatti galaniif qormaati IQ ni kennama ture. Fakeenyaaf Yihuudonni Awurooppaa (Ashkenazi Jews) qabxii gadaanaa fidu turan - kanaanis biyyattii akka hin galle dhorkamu turan.
Namoonni biyyoota Nordik irraa godaanan ammoo lakkoofsa guddaa galmeessisu turan - US akka galan ni jajjabeeffamu turan.
Sababni gareen hawaasaa garagaraa qabxii garagaraa fidaniif, IQ hubannoo walxaxaa (abstaract intelligence) madaaluun waan walqabatuufi.
Kana jechuun, dandeettii namni tokkoo loojikii walxaxaa taheef haala deebii kennudha. Kunis wanta jireenya ijoollummaa keenyatti dabarsineen walqabachuu mala.
Fakkeenyaaf, hawaasa dubbii yookaan falmiin hedduu jiru keessaa dhufte yoo tahe, akkasumas dubbisuufi mariif si jajjabeessu taanaan; hawaasni sun IQ olaanaa qabaachuu mala.
Qormaata IQ fi fedhii siyaasaa
Seenaa keessattis tahe amma, qormaatni IQ fedhii siyaasaa tarkaanfachiisuuf itti fayyadamuun ni mul'ata.
Fedhiiwwan kunniin gama saalaa, sanyummaa fi kanneen biroo tahuu malu.
Yaadni qorannoon kun saayinsaawaadha jedhu, mootummoonni biyyoota hedduu kanaan akka fayyadaman isaan gargaareera.
Qormaata IQ jalqaba jaarraa 20ffaatti taasifaman hedduu isaaniitiin, dubartoonni qabxii gadaanaa galmeessu turan.
Qormaatni kun yeroo hedduu taphoota hiibboo (puzzle) hiikuu, akkasumas waa sii kenname tokko sa'aatii murtaa'etti hojjettee fixuu fa'idha.
Fakkeenyaaf, intalli dubraa gochaalee akkasii amma dura argitee yookaan hojjettee hin beekne, nama amma dura waan sana taphate/hiike waliin walqixa hin galmeessitu.
'Balaa' qormaata IQ
Dogongorri yookaan balaan qormaata IQ inni jalqabaa, namoonni qormaatota kanneen akka safartuu hubannoo ykn gahumsa olaanaatti ilaaluu isaaniiti.
Haa tahu malee IQ loojikii walxaxaa hin madaalu.
Hubannoon ykn dandeettiin gosoota hedduutu jiru: hubannoo miiraa, dandeettii gochaa, yaadannoo yeroo dheeraa fi kanneen biroo.
Dr Geevin Ivaans, Yunivarsiitii Landanirraa waan jedhan, ''Bu'aan qormaataa IQ kee jijjiiramuu mala. Qormaata IQ irra deddeebiin qo'achuun yoo fudhatta tahe IQ kee olka'a.''
Kanaaf haalonni naannoo fi barnootaa IQ geeddaruu malu - kanaaf dhabbataa miti jechuun mormu.
''Dandeettiin hubannoo (intelligence) murtoowwan siyaasaa keessa akka hin galleen abadadha. Kanarratti hundaa'uun namni tokko barnootni isa barbaachisa moo hin barbaachisu, yookaan yaalii fayyaa isaaf malaa, akkasumas bilisummaan socho'uu danda'uu qabaa kan jedhuuf murteessuuf ooluu hinqabu jedheen amana,'' jedhu Dr. Ivaans.