Ijoolleen mana barnootaa yoo deemuu baatan hoo?

Mee dura waa’ee ijoollee odeessuun dura waa’ee barsiisotaa haa haasofnu.

Barsiisonni addatti koronaavaayirasiif saaxilamoodha? Deebiin kanaa gabaabumatti ‘miti’ kan jedhudha.

Dhimma kanaratti wiirtuun fayyaa hawaasaa UK, qorannoo taasiseen waan haaraa tokko argateera.

Barsiisonni hariiroo waa’elotaafi namoota kaan waliin qabaniin malee ijoollee wajjin ooluun carraan vaayirasii qabachuu baayyee xiqqaadha.

Kanaaf barsiisotni ijoollee waliin oolee vaayirasiin na qabe yoo jedhan kan amansiisu miti. Inumaayyuu kaan irraa of eeggachuutu isaaniif wayya.

Qorannoon kun ijoolleen carraan Covid-19 qabamanii dhukkubsachuun xiqqoo waan taheefi jechuunis dubbicha goolaba.

Barsiistuun oolmaa daa’immanii tokko ijoolleerraa qabamuu caalaa waa’elaafi otobisii gara mana barumsaa ittiin dhufterraa ishee qabachuu danda’a.

Mootummaan UK manni barumsaa ijoollee iddoo vaayirasiin kun bal’inaan itti tamsa’u mitii jedhee amana.

Haatahu malee, qajeelfamoota kanneen akka fageenya ofii eeggachuu raawwachuun ni ulfaata jedha.

Barattoota kutaa keessatti walirraa fageessanii kaa’uun ni danda’ama taha garuu walirraa fagaadhaa taphadhaa jechuun rakkisaa dha. Sana, kana, qabaa gadhiisaa jechuun ijoollee to’achuun ulfaataa dha.

Gorsaan fayyaa hawaasaa mootummaa UK piroofeesar Kiriis Wiitii ijoolleen carraan Covid19n qabamanii du’uu baayyee gad-aanaadha jedhu.

Namoota kuma shantamii shan Ingilaandiifi Weels keessatti Covid19n qabamanii hospitaala galan keessaa harka tokko qofaatu daa’immani ture.

Ijoolleen Vaayirasii Covid19 ni dabarsuu?

Yuunivarsiitii Kooleej of Landaniifi Manni barumsaa Haayijin enda Tiroopikaal Meedisiin waliin tahuun dhimmoota ijoolleefi vaayirasii kanaa waliin wal qabatan qo’atan.

Ijoolleen carraan isaan vaayirasichaan qabamuu harka 50 gadi bu’aadha. Qorannoo kanaan qorannoowwan biroo kuma jaha tahan xiinxalamaniiru.

Walumaagalattii qorannoowwan hundi ijoolleen gama dhukkuba dabarsuunis tahe dhukkubsachuun yaaddoo akka hin uumnedha.

Qorannoo iddoo weerarichi baay’inaan namoota qabatetti biyyoota kanneen akka Chaayinaafi Firaansitti dhukkubichi ijoolleerraa hin jalqabne ture.

Qorannoowwan kaan immoo ijoollee dhukkubicha dabarsuufi dhiisuu irratti waan ifatti beekame mitii jedha.

Haa tahuutii ijoollee gara mana barumsaatti yoo erguu baanne hoo?

Piroofeesar Kiriis Wiitii ijoollee mana barumsaa deemuu dhiisuun caalaatti miidhamu jedhu.

Akkamiin?

Piroofesarichi iddoon dhukkuba kanaaf saaxilamaa hin taane hin jiru jedhaniiti amanu.

Kanaaf, manni barumsaa banamee, maatiifi ijoolleen mari’atanii of eeggannoo barbaachisaa tahe gochuun barnooti itti fufuu qaba jedhu.

Ijoolleen mana barnootaa hin deemne xiin-sammuun miidhamuun isaanii hin oolu, guddiina sammuu isaanillee boodatti harkifata, kanaaf miidhaa kaan hanbisuuf isa kaan fiduu hin qabnu jedhu.

Ijoolleef xixqqoo mana barumsaatti barachuufi manatti barachuun garaagarummaa guddaa qaba jedhu.

Vaayirasichis mana barumsaarra maatii isaanii hojii oolanii dhufanirraa itti darbuu danda’a jedhu piroofeesarichi.

Barreefamni kun manneetii barnootaa UK keessatti argaman bu’uura godhachuun kan qophaa’edha.

Biyya keenyatti yoo deebisnu haalli jiru kanarraan faallaa tahuu akka danda’u hubachuun barbaachisaadha.