Facebook fi Instagram qabiyyee Itoophiyaa ilaallatan kuma 92 ol haqan

Ji'oota ja'a keessatti qabiyyeewwan Facebook fi Instagram Itoophiyaa ilaallatan kuma 92 ol ta'an irratti tarkaanfii fudhachuu Metan [Facebook] beeksise.

Tarkaanfiin kun ammoo danbii haasaa jibbinsaa dhaabbatichaa warra cabsanirratti akka ta'e himeera dhaabbanni kun.

Kanneen tarkaanfiin irratti fudhatame dhibba keessaa 98 kan ta'u osoo hin gabaafamiin dura akka bira gahamellee eereera.

Facebook kana kan ibse yeroo qeeqi cimaa dhaabbaticharratti dhihaachaa jiruurrattidha.

Facebook miidiyaa hawaasummaa Itoophiyaa keessatti namoonni baay'ee fayyadaman yoo ta'u, jibbinsaafi ergaawwan walitti bu'insa kakaasan karaa ittiin dabarsan ta'eera jedhamuun qeeqama.

Hojjettuu duraanii dhaabbatichaa Firaansiis Hawugen mana maree Ameerikaatti dhiyaachuun Facebook Itoophiyaa dabalatee biyyoota biroo keessatti oduu sobaafi ergaawwan hokkara kakaasan dhaabsisuudhaaf akka hin dandeenye dubbatteetti.

"Tarkaanfiin yoo kan hin fudhatamne ta'e gochawwan hammeenyaa argaa jirru itti hammaachaa deemu jedheen sodaadha. Wantonni Itoophiyaafi Miyaanmaar keessatti argine sadarkaa daran hamaa ta'erra kan gahu, boqonnaa jalqabaa seenaa sodaachisaadha," jettee turte.

Hawaasni addunyaa haala Itoophiyaa keessa jiru dhihoo hordofuu jalqabe, nuyi garuu "waggoota lamaa oliif yaaddoo walitti bu'insaa biyyattii keessa jiru irraa kan ka'een nageenya eegsisuudhaaf kan dandeessisu tarsiimoo waliigalaa hojiirra oolchaa turreera," jedheera dhaabbatichi.

Kanumarraa ka'uun waggaa lamaan dura Itoophiyaa, "ramaddii biyyoota walitti bu'insaafi hokkara cimaaf saaxilamaniitti ceesifneerra," jedheera.

Dhaabbatichi qabiyyeewwan imaammatawwan isaa cabsani dhorkuun, mirga namoonni yaada isaanii walabaan ibsachuu deeggaruu, akkasumas namoonni oonlaayiniirrattis ta'e oonlaayiniin alatti nageenyi isaanii akka eegamuuf xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu isaa dubbateera.

Biyyattii keessatti afaanonni hedduun waan dubbatamaniif gama hundaan wantoota barbaachisan hunda gochuun wanta yaadan hunda milkeessuun rakkisaa ta'uu isaas eereera.

Waggoota lamaan darban malawwan ittiin gabaasa godhaniifi hojiirra oolchan baayyisee foyyeessuu isaallee beeksiseera.

Walitti bu'insaaf giddu-galeessa kan ta'aniifi afaanota afran gurguddoo akka Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Somaalee fi Tigirinyaa gargaaramuun qabiyyeewwan bahan gamagamuu dandeenyeerra jedha.

Lammileen Itoophiyaa, jaarmiyaaleen mirgoota namoomaaf falman biyya keessaafi idil-addunyaa, akkasumas waldaaleen hawaasaa seerota caban yeroo argan karaa salphaa ta'een akka beeksisaniif haala mijeessuurra darbee yakkawwan raawwataman qorachuullee ni dandeenya jedha.

Haasaa jibbinsaa Afaan Amaaraanis ta'e Afaan Oromoon dubbataman osoo eenyuyyu hin beekiin dura tekinooloojii ittiin adda baafatu qabaachuu isaa dhaabbatichi ibseera.

Sababii kanaan yeroo Caamsaa hanga Onkoloolessa 2021 keessatti qabiyyee haasaa jibbinsaa of keessaa qaban Itoophiyaa ilaallatan 92,000 ol Facebook fi Instagram haquun tarkaanfii fudhachuu isaa beeksiseera.

Caamsaa 2021 fuulawwan sobaa paartilee/gareewwan mormitootaa busheessan haquusaas eereera.

"Barreeffamoota kana duuba namoonni jiran qidoominaan kan hojjetaniifi maqaafi mallattoo ittiin ada bahan sirrii hin taane fayyadamuun eenyu akka turaniifi maal akka hojjetan dogogorsuuf yaalii taasisaniiru," jedheera.

Haaluma walfakkaatuun Bitootessa 2021 keessas Masirii keessa ta'uudhaan Itoophiyaa, Sudaaniifi Tarkiirratti fuulawwan xiyyeeffatan dhorkuu isaa beeksiseera.

Dhiyeenya kana Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PhD) waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru waliin walqabsiisuun barreeffama fuula Facebook isaaniirratti maxxansan, "hokkara kan kakaasudha" jechuun akka kaafamu taasisuun isaa ni yaadaatama.