Faayaan harkaa giiftii tokkoo doolara miiliyoona 8n gurgurame

Bitawoo

Madda suuraa, Reuters

Bitawoo (faaya harkaa) kan Giiftii Firaans Marii Antooneet tureefi diyaamandiirraa hojjetame caalbaasii Siwiizarlaand keessatti gaggeefameen doolara miiliyoona 8 oliin gurgurame.

Faayaan kun nama eenyummaan isaa hin beekamneen bitame. Warraaqsa Fireench irratti ajjeefamuu isheen dura Marii Antoonet faayalee kana bakka biraatti akka ol ka’amuuf ergitee turte.

Faayaleen harkaa (ambariin) kun biyyaa erga baafamanii booda, gara waggootii 200f maatii ishee waliin ture.

Faayaan diyaamandiiwwan 112 irraa hojjatamee kun gatii tilmaamee ture dacha oliin gurgurameera.

"Faayaan kun yeroo keessa darbuun seenaa Fireench barbaachisaa ta’e karaa bareedina, kabajaafi seenaa isaan kan himudha,” jechuun mana caalbaasii Kiristiif hogganaa Awurooppaa kan ta’an Firaansii Kiruyeel.

Marii Antooneet bara 1755tti Ostiriyaa keessatti dhalattee, Mootii Luwiis XVI jedhamuuf akka misirroo daa’imaa taate ergamte.

Erga uummata Firaans biratti qabeenyaa qisaasesuufi mooticha irratti dhiibbaa hamaa qabachuun jibbamaa dhuftee booda, bara 1793tti moormii ishee irraa muramuun ajjeefamteetti.

Yeroo hidhaa turtetti saanduqi mukaa faaya ishee qabate akka ergamu xalayaa barreessitee turte.

Intalli ishee lubbuun olte Marii Terees, Ostiriyaa yemmuu geessu faayalee kana fudhachuu ishee manni caalbaasii kun ibseera.