Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa irratti jechi ragaalee Abbaa Alangaa osoo hin dhagahamin hafe
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa har'arraa eegalee galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa irratti jecha ragaalee Abbaa Alangaa dhagahuuf beellama qabatee ture.
Galmee himataa Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24 irratti jecha ragaalee Abbaa Alangaa fuudhuuf har'atti beellamamee turus jechi ragaalee hin fuudhamne.
Abukaatoon himatamtootaa Obbo Kadir Bulloo, gareen abukaatota himatamtootaa ajaja manni murti 'Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee namootni afur dhimmi isaanii iddoo isaan hin jirretti yaa ilaalamu' jechuun murteesse mormuun Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti oliyyannoo galfachuu isaanii BBCtti himaniiru.
Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddachi oliyyannoo yakkaa lammaffaas, oliyyannoon abukaatotaa ilaalamee murteen hanga kennamutti adeemsi jecha ragaalee fuudhuu akka hin adeemsifamne dhorkuu isaa Obbo Kadir himaniiru.
Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaana fi Obbo Dajanee Xaafaa, "murteen mani murtii kennu qaama seera raawwachiisuun kabajamaa hin jiru. Qaamni seera raawwachiisu hanga seera hin kabajnetti mana murtii hin dhiyaannu" jechuun dhaddacharraa hafuu isaaniitin dhimmisaanii iddoo isaan hin jirretti akka ilaallamu manni murtii ajaja kennuunsaa ni yaadatama.
Manni Murtii Waliigalaa Federaalaas oliyyannoo abukaatotaa kana ilaaluuf ALI Sadaasa, 07 bara 2014ti beellame.
Gama biraatiin Abbaan Alangaas akkaataa ragaaleensaa jecha itti kennan ilaalchisee Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti oliyyannoo dhiyeeffachuusaa "dhageenyerra" jedhaniiru abukaatoon himatamtootaa Obbo Kadir Bulloo.
Haa ta'u malee Abbaan Alangaa oliyyannoo dhiyeeffachuusaa mirkaneeffachuf yaaliin taasifne ammatti hin milkoofne.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti dhaddachi shororkaafi yakkoota dhimmoota heeraa tokkoffaa galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24 irratti ragaaleen Abbaa Alangaa dhaddacha banaafi ifatti jechasaanii akka kennan jala murtii kennuunsaa ni yaadatama.
Waa'ee galmee himataa Obbo Jawaarfaa namoota 24
Ji'a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroon, labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaa fi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun ture kan himataman.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaas himatawwan labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaan walqabatan jaha akka addaan citan murteessuunsaa ni yaadatama.
Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba Sanyii fi Tsaggaayee Raggaasaa Araarsaa namoota biyya keessa hin jirreefi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.