Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mana Murtii: 'Sababni Obbo Jawaar Mohaammadfaan dhaddacharraa hafuuf dhiyeessan quubsaa miti'
Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaanafi Obbo Dajanee Xaafaa yeroo lammaffaaf fedhii isaaniitin dhaddacharraa hafaniiru.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti dhaddachi yakka shororkaafi dhimmoota heeraa tokkoffaa akkaataa ragaaleen Abbaa Alangaa itti dhagahaman irratti iyyata Abbaan Alangaa fooyyessee dhiyeesse irratti falmii taasisuuf; akkasumas namootni beellama darberratti hin dhiyaanne maalif akka hafan akka hubachiisanif ture har'atti kan beellame.
Beellama Kibxataa irratti Obbo Jawaar, Obbo Baqqalaa, Obbo Hamzaa Booranaa, Obbo Dajaneefi Obbo Amaan Qaallun alatti himatamtootni galmee himataa Obbo Jawaar Mahaammadin waamamu keessatti argaman hundi dhiyaataniiru.
Jawaar, Baqqala, Hamzaafi Dajaneen immoo iyyata beellama darbe irratti dhiyeeffatanin dabalataan har'as iyyata biraa gama abukaatoo isaaniitin dhaddachichaaf dhiyeeffataniiru.
Abbaan Alangaa abukaatootni waa'ee himatamtoota fedhii isaaniitin dhaddacharraa hafan dubbachuuf adeemsi seeraa akka hin heeyyamne himuun, abukaatootni waa'ee himatamtoota afran akka hin dubbanne manni murtichaa carraa akka hin kennineef gaafataniiru.
Haa ta'u malee manni murtichaa abukaatotni himatamtootaa yaadasaanii akka dhiyeessan carraa kenneera.
Haaluma kanaan abukaatoon himatamtootaa, Obbo Jawaar Mahaammadfaa namootni afur murteen manneen murtii qaama raawwachiistun kabajamaa akka hin jirre akkasumas hiriyootni isaanii mana sirreessaatii gadhiifaman eessa akka jiran akka hin beekkamne iyyata barreessanii erguusaanii mana murtiitti himaniiru.
Dabalataan isaanis mana murtiitin bilisa yoo jedhaman carraan walfakkaataa akka isaan mudatu yaaddoo qabaachusaanii himatamtootni afran gama abukaatoo isaaniitin iyyataniiru.
Obbo Jawaar Mahaammadfaa namootni afur aangawaan ABO Obbo Abdii Raggaasaa mana murtiitin bilisa erga jedhamnii booda qaamolee biraatin qabamanii eessa buuten isaanii akka hin beekkamne iyyata Waxabajjii 21, 2013 dhiyeeffatanin himanii turan.
Manni Murtichaa dhaddacha har'a taa'en sababa himatamtootni afran dhaddacharraa hafuuf dhiyeessan quubsaa akka hintaane himeera.
Manni sirreessaas himatamtoota afran "akkuma himatamtoota kamiyyuu dhaddachatti dhiyeessu, isaanis yaa dhiyeessu" jechuun beellama itti aanu Adoolessa 21, 2013 akka dhiyaatan ajajeera.
Himatamtoota biroo…
Beellama Waxabajjii 21, 2013 ture irratti kan hin argamne Obbo Guutuu Mul'isaa, Gaazexeessaa Mallasa Dirribsaafi Ajajaa 50 Kennee Duumechaa mana yaalaa waan deemanif dhaddacharraa akka hafan dhaddacha har'aa irratti himaniiru.
Himatamaa Arafaat Abubakar gama isaatiin yaadannoo waggaa tokkoffaa ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa kabajuuf dhaddacharraa akka hafe dubbaterra.
Manni sirreessaa Qaallittii gama isaatiin himatamtootni Waxabajjii 21, 2013 dhaddacharraa hafan fedhii isaaniitin akka ta'e, gama bakka bu'aa isaatin hime.
Manni Murtichaa gama isaatin himatamtootni mana yaalaa deemanii osoo jiranuu manni sirreessaa "fedhii isaaniitin hafan" jechuun sirrii akka hintaane hime.
Dogongorri akkanaa akka irra hin deebi'amnes akeekkachiise.
Gama biraatin himatamtootni "sababa garaagaraa dhiyeessan" ajaja mana murtii kabajuu akka qabanis akeekkachiisera.
Waa'ee galmee himataa Obbo Jawaarfaa, namoota 24
ALI Waxabajjii 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Jawaar Mahaammad, Baqqalaa Garbaa fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroon; labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaa fi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun ture kan himataman.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaas himatawwan labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaan walqabatan jaha akka addaan citan murteessuunsaa ni yaadatama.
Obbo Dajanee Guutamaa, Birhaanamasqal Abbaba Sanyii (PhD) fi Tsaggaayee Raggaasaa Araarsaa namoota biyya keessa hin jirree fi galmee Obbo Jawaar Mahaammad fa'i keessatti himataman keessatti argamu.